Lammmileen Itoophiyaa Diiviin isaan bahe maaliif Ameerikaa hin deemne?

Embaasiin Ameerikaa kanneen carraa Diivii isaaniif bahe yeroo eegamu keessaatti af-gaaffiif affeeruu hanqachuun yaaddoo uumeera.

Dr Tiyoobistaa Tasfaayee ogummaa fayyaan waggaa lama dura eebbifamte. Waggaa tokkoofi walakkaaf hojii hojjetteetti.

Jiruufi jireenya hakiima tahuun argachuun isheef malu argachuuf oliif gadi jetteetti. Garuu karaa bu’uu didee ishee rakkise.

Caamsaa darbe garuu jireenyasheetti ifatu tahe.

Diiviin akka qoosaa guutte ishee gahe. Jireenyi koo milkaa’uufi jette.

Abjuun guddoo Dr Tiyoobistaa Ameerikaatti qormaata hakiimota kaadhimamoo fudhachuu ture.

Gama ogummaa fayyaan barnoota olaanaa hordofuuf hawwaa baate. Diivii ishee erga dhufes waa’eemasaa yaadaa turte.

‘’Biyya keenyatti hakiimni tokko mindaan isaa ji’aan doolaara dhibba hin guutu,’’ jetti.

Haala kanaan Diiviin argatte carraa fooyya’aa akka fideefii dhufu abdii godhatteetti.

Haa tahu malee, dubbiin akka yaadde hin taane, ‘’abjuu koo na jalaa danqan,’’ jetti.

Diiviin ishee maaliif jalaa danqame?

Dr Tiyoobistaa yeroo Diivii guuttu kuni kan jalqabaa miti. Irra deddeebiin yaalteetti.

Kutaa 12ffaa erga xumurteen as takkaayyuu otoo hin guutiin haftee hin beektu.

‘’Ani ofii guutuu otoo hin jalqabiin dura maatiin koo naa guutu ture. Isaan ilaalaan guddadhe,’’ jetti.

Diiviin akka tikeeta jireenya fooyya’aaf kennametti gatii ilaalamuuf maatiin gammachuudhaan geggeessu nama carraan baateef.

Dr Tiyoobistaanis oduu aagaa kana gaafa dhageesse, ‘’gammaduurra nan nahe, gaafa Caamsaa, 8 bahee ani buleesaan arge. Mana yeroon isaanitti himu nan amanne ture,’’ jetti.

Garuu gammachuu maatii yeroo gabaabaa keessatti dubbiin qabbaneessu dhufe.

Mootummaan Ameerikaa af-gaaffiidhaaf isaan affeeruu dide. Ji’ootaaf homaa akka hin jenne Dr Tiyoobistaan dubbatti.

Embaasiin Ameerikaa maal jedha?

Dhimmi namoota carraan baheefi gaddisiise akkamiin mudate jechuun embaasii Ameerikaatti bilbillus yaaliin keenya hin milkoofne.

Haa tahu malee namoonni carraan Diivii isaan gahe 2988 gammachuurra gadda keessa akka tahan kan godhe embaasiin calluma jechuu dha.

Embaasichi kan callise labsii yeroo atattamaa Itoophiyaatti labsamee ture wajjin wal-qabataa jedhu warra carraan isaan gahe.

Dr Tiyoobstaa embaasichi dhimma isaanii raawwachiisuuf hojjettoota gahaa hin qabu jechuun akka tahe dubbatti.

Kanaan namoonni carraan Diivii isaan gahe bayyeen xiinsammuun miidhamuu dubbatu.

Namoonni carraan Diiviin isaan gahe kan bara 2022 tahus dhimma isaanii garuu gabatee yeroo isaaniif taa’een xumuramuut irra jira.

Dhimmi isaanii Fulbaana 20/2014 A.L.I socho’ee Fulbaana 2015 A.L.I cufamuu qaba.

Yeroo kanatti yoo xumuramuu baate lotoriin kuni ni gubata. Kanatu isaan dhiphise.

Hamma gabaasni kuni qindaa’etti lammiin Itoophiyaa bara 2022tti Diivii mo’ate tokkoyyuu af-gaaffiidhaaf embaasiitti hin waamamne.

Dubbiin lakkoofsa tarree abbaa dhimmaati (Case Number) akka hin jedhamneef. Namni lakkoofsa Diivii mana kumaa keessa qabu illee af-gaaffiif hin waamamne.

Haa tahu malee biyyoota biraatti lakkoofsa tarree mana kuma 40 keessa namni qabu af-gaaffii dhaaf beellama akka argate warri carraan isaan gahe dubbatu.

Dubbiin itti hammaannaan warri carraan isaan gahe miidiyaa hawaasaa irratti wal-waamanii gareedhaan mala barbaaduu jalqaban.

Jalqaba embaasii Ameerikaa Finfinneetti argamu karaa garagaraan gaafachuu yoo tahu, deebiin addaa isaaniif kenname hin jiru.

Labsii yeroo atattamaan wal-qabatee hojjettoonni dhimma kana raawwachiisan biyyaa bahuu, wal-qabatee lammiilee isaaf qofa tajaajila kennaa akka jiru hubatan.

Labsiin yeroo atattamaa ka’uun wal-qabatee dubbiin kuni geeddaramaa laata?

Dhimmi akkasii Itoophiyaa keessatti qofa kan mudate dha?

Ameerikaa bulchiinsa Kaalifoorniyaa fi Waashingtan keessatti, abukaatoo dhimmoota godaantotaa kan tahan Kaartas Lii Moorisan dubbsineerra.

Akka isaan jedhanitti deebiin embaasiin Ameerikaa namoota carraan isaan gaheef kenne quubsaa miti.

Embaasichi sababii garagaraan dhimma kana raawwachiisuu yoo hin dandeenyellee embaasii dhiyoo jiruttii dabarsuutu irra ture jedhu.

Dubbiin kuni Sudaanittis akka mudate kan himan abukaatoon kuni. Haala kana jijjiiruudhaaf waajira haajaa alaa Amerikaa himachuuf hojjechaa akka jiran ibsaniiru.

Kaartis Dr Teyoobistaa dabalatee lammiilee Itoophiyaafi Sudaan maatii isaanii wajjin abukaatummaa kan dhaabbatan yoo tahu galmee Ministeera Haajaa Alaa gaafatamaa taasisu bananiiru.

Dubbiin ijoo himata keenyaa dhimmi Diivii isaan embaasii dhiyoo jirutti atattaamaan akka ilaalamu gochuu dha jedhaniiru.

Kana dura rakkoon wal-fakkaataa Iraaqitti mudatee kan ture yoo tahu, abukaatoon kanaafi michooti isaanii lammiilee Iraaq 25 fi maatii isaanii bakka bu’anii falmaniiru.

Dhimma kana gara mana murtii dhaqachuunis biyya ollaatti akka ilaalamu taheera.

Himmannaa kana hordofees ministeerri hajaa alaa Ameerikaa jijjiirama hojimaataa gochuun Afrgaanistaanitti lammiileen carraan isaan gahee dhimmi isaanii jalaa rarra’ee hafe embaasii Ameeerikaa Paakistaan, Izlaamaabaad jiruutii akka ilaalamu taasifamee ture jedhu Kaartiis.

Lammiileen Iraaqsi galmee ji’a Onkololeessa keessa bananii, Amajjii keessa dhimmisaanii furmaata argateera.

Amma lammiilee Itoophiyaa fi Sudaaniif murtoon wal-fakkaataa akka dhufu eegna jedhu.

Kaartiis dhimmi lammiilee Itoophiyaa abbaa seeraa ramadameefii ilaalamaa jira jedhan.

‘’Bulchiinsa Kolombiyaatti himata bannee jirra. Haadha seeraa Kooliin Koolaar Kootlii dhimmicha akka ilaalan ramadamaniiru. Abbaa seeraa nu ramadamaniin gammadoo dha,’’ jedhu.

Embaasiiwwan Ameerikaa biyyoota garagaraa jiran sababa koronaavaayirasiin humna guutuun tajaajila kennaa hin jiran.

Finfinnee immoo weerara kanaan dabalata haalli siyaasaa gaarii hin turre.

Abukaatoo Kaartis dhimma Diivii mana murtiin falmii mo’achuun akka danda’amu shakkii tokkoyyuu hin qaban.

‘’Inumaayyuu waajirri haajaa alaa Ameerikaa nuun falmuuf fedhii akka hin qabne dha. Sababiinsaa iddoo sirrii irra hin jiran. Unuun falmuuns isaan hin baasu. Kana bareechanii beeku,’’ jedhu.

Akkas taanaan maalif mana murtii geessuun barbaachise jennaan.

Dubbiin mana murtii deemuu yoo bare mootummaan dafee jijjiirama imaammataa ni godhas jedhan.

‘’Kanan abdadhu jijjiirama imammataa dafanii taasisuun maamiloota koo Itoophiyaa gara embaasii dhiyoo jirutti akka darbu dha.’’

Waajirri Kaartiis akka jedhutti embaasiiwwan Ameerikaa viizaa kennan 200 keessaa haala idileen hojii isaanii dalagaa kan jiran 10 qofaa dha.

Kaartiis, ‘’ani Kaalifoorniyaa gatiin jiruuf haala siyaasaa Finfinnee jiru irratti homaa jechuu hin danda’u garuu waajira dhimma alaa Ameerikaa irratti garuu badaa amantii hin qabu. Hanga Fulbaana 30tti callisanii turuu danda’u. Inni suni yaaddessaa dha,’’ jedhan

Embaasicha maaliif hin himanne?

Kaartis embaasii himachuun akka hin baasne dubbatu. ‘’Namoonni tokko tokko embaasiin hojii akka jalqabu maaliif hin himattan nuun jedhu garuu seerri gama kanaan nun deeggaru. Abbootiin seeraa waajira Ameerikaan ala jiru irratti murteessuuf isaan rakkisa,’’ jedhu.

Ija seeraan filatamaa kan tahe warri carraaan isaan gahe dhimmi isaanii biyyoota ollaatti akka ilaalamu gochuu dha jedhu.

Murtoon manni murtii dabarsuu warra carraa isaan gahe hundaaf hojjetaa ?

Lammiileen Itoophiyaa 3000 tahan viizaa eeggachaa jiran illee kan abukaatoo eeggatan garuu xiqqoo dha. Murtoon darbu hundaaf hojjetaa?

Abukaatoo Kaartiis gaaffii kanaaf deebii kallattii hin qaban.

‘’Sababiinsaas kana dura abbootii seeraa namoota unuun bakka buusuun falman qofaaf furmaata kennaniiru, yeroo kaan immoo murtoo hundaaf tahu kennanii beeku,’’ jedhan.

Murtoon yoom kennama

Kaartiis dubbiin kuni akka milkaa’uufi furmaata akka argatu shakkii hin qaban.

‘’Inumaayuuu haati seeraa dhimmicha ilaaluu otoo hin eegaliin dura, waajirri haajaa alaa sirreefama ni taasisa jedheen eega. Himata gaafaa dhagahan biyya biraatti haa ilaalamu jechuun isaanii hin hafu. Seerri unuun deeggara, ‘’ jedhan.

Yeroo himanni banamu mootummaan guyyoota 60 keessatti deebii kennuu qaba jedhu.

Kaartiis garuu yeroo kana hunda iyyuu fudhachuu dhiisuu mala jedhu.

Kolfaafi bo’icha Diivii 2022

Dr Tiyoobstaan firootashee biyya alaa jiraniin abukaatoo argattus lammiileen Itoophiyaa 2000 ol garuu ammallee embaasii marmaaruun isaanii hin hafne.

Warreen abukaatoo dhaabbatan kaffaltii dursanii warreen raawwatanii dha. Dubbiin yoo milkaa’e immoo qarshii irratti hafe yeroo Ameerikaa galan kaffaluuf walii galaniiru.

Kaartiis kanaan dura lammiileen Itoophiyaa Ameerikaa erga dhufaniin booda amanamummaan kaffaltii kennuun maqaa gaarii akka qaban himu.

Kana kan jedhan bara 2020 fi 2021 yeroo bulchiinsa Tiraamp qoqqobbiiwwan kaa’aman yeroo ka’an dhimmi viizaa fi godaantotaa wal-fakkaataa mudannaan lammiilee Itoophiyaa abukaatoo tahuu himu.

Dr Tiyoobstaa garuu waanti ishee yaaddessu kaffaltii abukaatoo kanaa miti abjuunshee bara dheeraa dubbii irratti murteessuu hin dandeenyeen jalaa akka hin hafne dha.

Carraa barnootaa Diiviin fideefii dhufe tasuma dhabuu hin feetu.

‘’Diiviin carraa jireenyatti al takkaa argamu dha. Achi deemeen barnoota fayyaa olaanaan itti fufuu barbaada. Kanaan ala homaa yaaduu hin fedhu,’’ jetti

Milkoofti laataa?