Telegraam: Dubartoota sababii suuraawwan qullaa miidiyaarratti jalaa gadhiifameetiin sodaa keessa jiraatan

Collage of classical nudes alongside Telegram logos over an orange background. Devil emojis coming out of phone.

Madda suuraa, Klawe Rzeczy

    • Barreessaa, Garee gabaasa Qorannoo
    • Gahee, BBC World Service'tiin

Gareen gabaasa qorannoo BBC suuraawwan dhoksaa dubartootaa, heeyyama isaanii malee isaan qaaneessuufi maqaa saanii balleessuuf garee miidiyaa hawaasaa guddaa Teelegraamii irratti akka qoodaman adda baase.

Akeekkachiisa: Barreeffamni kun qabiyyee quunnamtii saalaa waliin hidhata qaban kan hammateedha

Saaraan battala sakandiiwwan suuraaleen isheen qullaa kaatee baafamuun Teeleegraam irratti qoodamuu hubateetti jireenyi ishee geeddarame. Akkasumas pirofaayiliin Instagraam fi facebook akkasumas lakkoofsi bilbilaa ishees itti dabalamee ture.

Battalumaanis namoonni isheen hin beekne bilbiluuniif suuraalee gara biraa akka kennituuf gaafatamu eegalte.

''Akkan dubartii gocha sagaagalummaa irratti hirmaadheetti waan nan hubataniif, waanan ofii kiyyaan suuraale qullaa ka'ee qoodeetti amanan. Kana jechuunis isaan booda akka dubartiitti gatii omaatu hin qabau jechuudha,'' jetti.

Photograph of Sara
Ibsa waa'ee suuraa, Saaraan erga suuraaleen ishee Teeleegraamii irratti qoodamee manaa bahuu dhaabde

Saaraa, kan maqaa dhugaa ishee hintaanees, suuraa ishee nama tokko waliin qooddee turte. Haata'u malee suuraan ishee Teeleegraamii hordoftoota kuma 18 kanneen baayyeen isaanii Haavaanaa, Kuubaa irraa ta'aniin hordofamu gubbaatti maxxanfame. Amma tarii qullaa ishee yoo arganiiru jechuun daandiitti baatee deemuu sodaataa jirti.

''Gadi bahuu hin barbaadu. Hirriyoota kiyya kamu waliin wal qunnamuu hin barbaadu. Dhugaansaa baayyeen miidhame.''

Rakkoon akkasi kun kan mudatees Saaraa qofaa miti. Qorannoo baatiiwwaniif Teeleegraam irratti taasifameen, gareewwan hedduu fi marsariitiiwwan baayyeen suuraalee fi viidiyoowwan dubartootaa icciitiin kaafamaniifi waraabaman yoo xinnaate biyoota 20 keessatti qodaa akka jiran adda baafne. Haata'u malee sochiin rakkoolee kana furuuf dhaabbilee midiyaa hawasaan taasifamu baayyee gadaanaadha.

Kuubaa irraa fageenya maayalsii kumaatamarratti kan argamtu Niigaaris haala walfakkaataa keessa dabarte.

Photograph of Nigar
Ibsa waa'ee suuraa, Nigaar biyya ishee gadhiiftee akka baatuuf dirqisiifamu dubbatti

Niigaar Azarbaajaan irraa yoo taatuu, sababiidhuma kanaatiin biyyaa bahuuf akka dirqamte dubbatti. Bara 2021 keessa waraabbiin viidiyoo osoo ishee abbaa warraa ishee waliin raftuu agarsiisuu maatii isheetti ergamuun akkasumas garee Teeleegraamii irratti qoodame.

''Haatii kiyyaa bohaa akkasi naan jette, 'viidiyoon natti ergame tokko jira' naan jette. Anis baayyeen nahee,'' jetti Niigaar.

Viidiyichis garee miseensota kuma 40 qabu irratti qoodame. Viidiyicha irratti abbaan warraa ishee amma waliin jirtu fuullisaan kan haguugamee yoo ta'u, isheen ifatti mul'atti turte.

Isheenis hirriyaan ishee duraa maqaa obbooleessa ishee kan pirezidaantii biyyattii qeequun beekamu maqaa balleessuuf jecha icciitiin akka ishee waraabe amanti. Haati ishees ilmishee hojii roogeessuummaa isaa yoo dhaabee malee viidiyichi miidiyaa hawaasaa irratti akka gadhiifamu itti himamee ture.

''Akka nama abaarameetti si ilaalu. Kan heerumte taatuus kan dhima kee qabu hin jiru,'' jetti Niigaar.

Niigaar hirrriyaashee duraa gaaffattuuleen viidiyicha waraaabuu ni haale. Nutis yaada akka nuuf kennuu gaafanulleen deebii argachu hin dandenye.

Niigar ammalleen jireenya isheetiin rakkataa jirti. ''Bayyanachuu dadhabaatan jira. Torbaniitti ala lama nama gorsaan na gargaaru bira dhaqaan jira. Akkan irraanfadhuuf na gaafatu garuu ani hin dandeenye.''

Suraaleen Saaraaafi Niigaar lamaanuu Teeleegraamiitti gabaasa taasifameera, garuu dhaabbatichi debii hin kenninee. Waan jarreen kunneen keessa darbaa jiran ammoo baayyee cimaadha.

BBC chaanaaliiwwan Teeleegraamii 18 fi gareewwan 24 biyyoota akka Raashiyaa, Biraazil fi Keeniyaa hanga Maaleeshiyaatti xinxaleera. Hordoftoonni chaanaaliiwwan kakeeniis gara miiliyoona lamaa ni ta'u.

Screenshot from inside a Telegram channel says "Secret Archives 18" and "Only young girls"

Suuraalee icciitii kanneen birattis teessoon mana jireenyaafi lakkoofsi bilbilaa dubartoota kanneenis ni qoodama.

Hoggantoonni garee wayita akka suuraalee icciitii jaalaleewwan isaanii durii ykn barrattoota waliin baratanii akka qoodaniif gaafachu argneera. Isaan boodas osoo eenyu akka isaaniif erge adda hinbaafne akka maxxanfaman gaafatu.

Teeleegraam ammatti addunyaa guutuutti fayyadamtoota wallakkaa biiliyoonaa kan qabu yoo ta'u, kunis kan tiwiitaraatiin oliidha.

Fayyadamtoonni miiliyoonaan lakkaa'aman erga WhatsApp seera isaa geeddareen booda Amajjii 2021 keessaa gara Teeleegraaamiitti geeddarataan.

Biyyoota to'annoon (censorship) miidiyaalee hawaasaa keessatti cimu keessatti leelistoota dimookraasii biratti Teeleegraam kan barameedha.

Fayyadamtoonni osoo maqaa fi lakkoofsa bilbilaasaanii hin himuun hin barbaachifne akkasumas gareewwaan dhunfaa fi garee miseensoota hanga kuma 20 qaban hundeessuu ykn chaanaalii namoota baayyinni isaanii hin murtoofneef tamsaasa dabarsu uumuu danda'u.

Crowd of pro-democracy protesters waving red and white flags in Belarus

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Mormii motummaa irraa Beeraaluusiitti gaggeeffamee keessatti Teeleegiraamiin faayidaarra oolfamee ture.

Chaanaaliiwwan Teeleegraamii tokko tokkos odeeffannoo namni kamuu hordofu danda'u tamsaasu.

Biyyoota akka Beeraaluus jiraniitti ammoo ergaawwan farra motummaa qabanii fi hiriirawwan mormii motummaa qindeessuuf Teeleegraamiin gahee olaanaa baheera.

Maqaa gaatii Teeleegiraam gama iccitii eeguutiin qabuutiin alatti, filmaanni 'secret chat' isaa namoonni ergaa walii dabarssaniin alatti kaan akka hin agarreeff kan eegameedha. Haalli kunis Signal fi WhatsApp irrattis ni jira.

Akkasumas Teeleegraam, kanneen miidyaa hawaasaa biraa irraa harii'ataman dabalatee, fayyadamtoota eddoo baayyee hin daangofne barbaadan hawwata.

''Akka Teeleegriaamiifi abbaa qabeenyaa isaatti, fayyadamtoota guulaaluu hin barbaadan,'' jedhan mirga dijitaalaa irratti gorsaan seeraa kan ta'e Naataaliyaa Kiraapivaa.

Haata'u malee qorannoo keenya akka mul'iseetti, haallii kunis suuraawwan dhoksaan kaafamaniifi iciitiin qabaman akka irratti gadhiifamaniif Teeleegraamii eddoo mijataa taasiseefiira.

Haata'u malee Teeleegraam dhimmoota kana to'achuuf imaammata kallatii qabaachu baatulleen, qabiyyeewwan quunnamtii saalaa seeraan alaa ta'an haala ummataa balaatti ifa ta'uun akka hin maxxansinee ni dhorka.

Screenshot of Telegram's in-app reporting tool for reporting content that breaks their terms of service.

BBCn gabaasa qorannoo kana wayita qindeesseetti, suuraawwan qullaa namoota 100 ta'anii Teeleegraamiif gabaasa taasisee ture. Haata'u malee baatii tokkoon boodas suuraawwan 96 osoo tarkaanfiin irratti hin fudhatamne jiraachu adda baaseera.

Suuraawwan arfanis akka buufaman taasifamanii osoo hin taane kan gareewwan BBCn deebiisee argachu hin dandeenye keessaa waan fudhatamaniifidha.

Haala baayyee nama yaaddeessuun, BBCn qorannoo kana wayita gaggeesseetti Raashiyaa irraa viidiyoo miidhaa daa'imman irra gahu argatee ture. Dhimma kunis Teeleegraamiifi poolisii magaalatiitti gabaasni taasifamulleen garuu baatii lamaan boodas viidiyichi hin buufamiin ture garuu dhiheenya kana chaanaaliin suun Teelegraamiin cufameera.

Apple haala dhimma kanaan walqabateen man-kusaa isaa keessaa Teleegraamiin haqee kan ture yoo ta'u, kanaan wal qabatees dhaabbatichi fooyya'insa tokko tokkoo taasisee ture.

Fakeenyaaf Teeleegraamiin viidiyoowwan garee IS chaanaaliiwwan isaa hunda irraa akka badu ni taasisa jedhu Insitityuutii Interneetii Okfoordiitti qorataa kan ta'an, Dr Aliksaandar Herasimenkaa.

Haata'u malee suuraawwan icciitii namoota dhuunfaa fuula isaa irraa buusuun dhimmaa dursaa isaa miti jedhu. Kanaanis kan ka'e dubartoonni tokko tokkoo rakkoo kana karaa mataasaanitiin furuuf yaalii taasisaa jiru.

Photograph of Joanna
Ibsa waa'ee suuraa, Jo'anaa suuraawwan heeyyama namootaa malee Teeleegraam irratti qoodaman akka kaafamaniif gabaasa taasiftee turte

Jowaanaan suuraawwan heeyyama namootaa malee teeleegraam irratti maxxanfaman hordofuun gabaasa taasifti.

Isheen mataanshee suuraan isheen wayita waggaa 13 jirtuu qullaa kaatee tokko fuula beekamaa Maaleeshiyaa tokko irratti bahee agarte. Kanaan kan ka'ees suuraawwan wal fakkaatan hordofuun gabaasa taasfiti.

Yaalii cimaa namoonni akka Joowaanaa taasisaniin boodarra toorri kunis akka cufamu taasifameera. Haata'u malee toorri tokko yoo cufamu kan biraa ni saaqama. Namootuma wal fakakatanitu isaan hordofas.

''Yeroo tokko tokkoos baayyee abdii nama kutachiisa. Sababiin isaas nuti hojiiwwan kana hunda raawwanneen toora tokkoo yoo cufsiifnu kaan haaraan ni umamu. Kan dhuma qabu hin fakakatu,'' jetti Jowaan

Teeleegraamiin garuu gaaffii fi daabii taasisuuf gaaffii BBC dhiyeesseef osoo hin simatiin hafeera. Haata'u malee sochiilee kana fakkaatan to'achuuf haaluma fayyadamtoota irratti hundaa'een hojii ittisaa akka raawwatu ibseera.

Teeleegraam fayyadamtoota isaa addunyaa maratti argaman hawwachu eegaluu hordoofee gareewwaniifi torawwan kanneen fakkaatan to'achuuf tarkaanfiiwwan attamii akka fudhatuu kan mul'atu ta'a.

Haata'u malee dubartoonni suuraansaanii qullaa icciitiin baafamuun jalaa qoodame, jireenyisaanii burjaaja'uun sodaa keessaa jiraataa jiru. Haalli kunis kan yeroo gabaabaa keessatti furmaata argatu hin fakkaatu.