Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Abbaa Kiiyaarii: Poolisii beekamaan Naayijeeriyaa miseensummaa garee qoricha sammuu adoochuutiin shakkamuun to'atame
Qondaalli poolisii Naayijeeriyaa qorannoo yakkaa taasisuun baayyee beekamaa ture, garee idil-addunyaa qorichoota sammuu adoochan dadabarsanii keessatti miseensa jedhamuun to'annaa jala oolfamuu poolisiin biyyattii beeksise.
Qondaalli poolisii Abbaa Kiiyaarii jedhamu kun nama waliin dhawaa Hushiputiin jedhamu Ameerikaa keessatti maallaqa akka dadabarsuuf gargaareera jedhamuun himannaa irratti dhiyaateen hojiirraa kan dhorkame yoo ta'u, amma ammoo daddabarsa qoricha sammuu adoochuutiin himannaan irratti dhiyaateera.
Aanga'oonni akka jedhaniitti Kiiyaariin qoricha baayyee daddabarsuu akka danda'uuf hirriyaan isaa akka isa gargaaruuf gaafateera.
Kanaafis doolaara 61,500 ol yoo waahilasaatiif kennu kaameeraadhaan waraabameera.
Qondaalli poolisii kunis himannaa irratti ka'erratti hanga amaatti kan jedhe homtuu hin jiru.
Kiiyaariin to'annoo jala kan oolfame erga dhaabbati Naayijeeriyaa keessatti seera qorichaa kabachiisu- Nigeria's National Drug Law Enforcement Agency (NDLEA)) nama ''yakkaan barbaadamu jechuun ifa taasiseen' sa'aatiiwwan booda.
Kiiyaariin miseensa garee qoricha sammuu adoochan Biraaziil-Itoophiyaa-Naayijeeriyaatti karaa seeraan alaatiin dadabarsaniitis jechuun himateera.
Kiiyaariin erga Wiixata darbe qorannoon irratti gaggeeffameen booda qondaaltoonni poolisii afur waliin to'annaa jala oolfamunsaanii himameera.
Qoranicha hordofees poolisiin Naayijeeriyaa kibba baha magaalaa Inuguutti qondaaltoonni poolisii farra qorichoota sammuu hadoochoo buufata xiyyaara idil-addunyaa keessa hojjatan tarree garee kanfaltii Kiiyaariin akka hojjatuuf himatame keessatti argamutu ibsame.
Poolisii baayyee beekamaa ture
Gaheessi waggaa 46 kan ta'e Kiiyaarii qorannoo gochaawwan yakkaa gurguddaa irratti taasisuun ''poolisii baayyee beekamaa'' jedhamuun beekama ture.
Bara 2016tti gareen poolisii inni hogganaa ture barattoota Leegoosiitti ugguramanii turan sadi gadhisiisuu isaanii hordofee pirezidaanti Muhaammadu Buhaarii irraa badhaasa argatanii ture.
Waggoota sadii bara 2011 hanga 2013tti jiraniitti ammoo walitti fufiinsaani badhaasa gootaaf kennamu mo'achuun motummaa bulchiinsa Leegoosiin kabajni kennameefii ture. Namoota siyaasaa fi namoota bebeekamoo waliinis walitti dhiheenyaan qabuun beekama.
Haata'u malee bara darbe baatii Adooleessaa keessaa miseensoonni poolisii Naayijeeriyaa nama Inistagiraamii gubbaatti beekamu Hushipuupii kan maqaa dhugaa isaatiin Raamoos jedhamuuf kanfaltii mijeessaniiru jedhamu erga Ameerikaan himannaa dhiyeessiteen booda hojiirraa dhorkamee ture.
Hordoftoota Instagraamii miiliyoona 2-4 kan qabu Hushipiipiin erga bara darbee Dubaayii dabarfamuun kennameen booda Ameerikaa keessatti dadabarsa maallaqa seeraan alaatiin yakkamaa ta'u amaneera.