'Humnooti Tigraay magaalota Amaaraa keessatti ajjeechaa, gudeeddii fi saamicha raawwatan' - Aminastii Intarnaashinaal

Hidhattoonni TPLF waliin hariiroo qaban naannoo Amaaraa keessatti ta'e jedhanii namoota nagaa ajjeesuu, dubartoota gareen dirqisiisanii gudeeduu fi qabeenyaa dhunfaa fi mootummaa saamuu gabaasni haaraan Amnestii Internaashinaal saaxile.

Dhaabbati mirga namoomaaf falmu kun akka jedhutti dubartoota dirqiin gudeedaman keessa ijoolleen hanga ganna 14 keessatti argamu.

Yakkoonni kunneen bakkeewwan Cinaa fi Qobboo jedhamanitti Xumura Hagayyaa fi jalqaba Fulbaana bara 2021 wayita humnoonni TIgraay naannawa san to'atanii turanitti raawwatame jedha gabaasni kun.

Humnooti Tigraay magaalota naannoo Amaaraa to'atanii turan keessatti yakkoota suukkanneessoo raawwachuun yoo himataman kun kan jalqabaa miti.

Qorannoo Komiishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa fi Waajjirri Mirgoota Namoomaa UN waliin taasisan keessatti humnooti gama lamaanuu yakkoota suukkanneessoo raawwachuun gabaafamee ture.

Haata'u malee TPLF loltoonni isaa yakkoota kana raawwachuu waakkatee qorannoon walabaa akka godhamu gaafatee ture.

Amnastii Internaashinaal gabaasa suuraalee iddoo awwaalchaa fi ragaalee saataaayitiin deeggaree baaseen humnooti Tigraay yakkoota kana yoo raawwatan hokkoraa fi gara jabinaan, dorsisa ajjeechaa fi arrabsoo sabummaa irratti xiyyeefate fayyadamuun akka ta'e ibseera.

Yakkoonni humnooti Tigraay raawwatan kunneen 'yakka waraanaa fi yakka namooma irratti raawwatamu ta'uu' ragaan agarsiisu jira jedhan direektarri Amnastii Intarnaashinaal kan Gaanfa Afrikaa Saaraa Jaaksan.

Hoggansi TPLF kanneen yakka kana raawwachuun shakkaman humnoota isaanii keessaa akka baasanis gaafatan.

Ajjeechaa Qobboo

Qobbootti milishaa naannoo Amaaraa fi qonnaan bultoota hidhatan irraa lolli cimaan kan isaan mudatee fi waahillan isaanii gariin kan jalaa ajjeefaman humnooti Tigraay haaloo bahuuf jecha walumatti qabuun namoota nagaa hedduu ajjeesu Amnastii Internaashinaal beeksiseera.

Namoota ijaan arganii fi ajjeechaa irraa lubbuun oolan dhaabbanni kun dubbise Fulbaana 9 waaree booda firootni isaanii jalaa ajjeefamuu himu.

Namni tokko yoo xiqqaate reeffa namoota 23 arguu Amnastii Internaashinaalitti himeera.

Suuraa bakka namoonni kun itti ajjeefaman ragaa saatalaayitiin deeggaruun mirkaneessuu isaa hima Amnastii Internaashinaal.

Lammilee nagaa ajjeesuun, loltoota booji'aman, harka kennatan ykn madaa'an ajjeesuun humnooti Tigraay raawwatan yakka waraanaa fi yakka namooma irratti raawwatamu ta'uu mala jedhe.

Miidhaa saal-qunnamtii Cinaa

Kaaba magaalaa gudditti Naannoo Amaaraa Baahirdaaritti kan argamtu ganda Cinaa keessatti loltoonni Tigraay, dubartootaa fi ijoollee shamarranii umuriin ganna 14 osoo hin hafiin dirqiin gudeeduu hima Amnastii Internaashinaal.

Yakki gudeeddii kun irra hedduu manuma dubartoota kana keessatti yoo ta'u, erga dirqiin nyaata akka qopheessaniif godhanii booda gudeeduu hima gabaasni kun.

Wayita gudeedan doorsisa ajjeechaa, reebichaa fi arrabsoo sabummaan dabaalamee ta'uu kanneen gudeeddiirraa hafan ni himu.

Dubartootaa fi shamarran gudeedaman Amnastii Internaashinaal dubbisee 30 keessa 14 loltoota hedduun gareen gudeedamuu himu. Gariin isaanii ijoollee isaanii ful-duratti gudeedaman.

Isaan keessaa 7 shamarran umuriin isaanii waggaa 18 gadiiti.

Shamarreen ganna 14 Luusii jedhamtu haadha ishee waliin gudeedamuu himti.

"Ana inni tokko mana duubatti na gudeede, inni tokko ammoo haadha koo mana keessatti gudeede. Haati koo amma dhukkubsattee jirti," jechuun Amnestii Internaashinaalitti himte.

Loltoonni 'maatin keenya gudeedamanii turan, amma nutu dabaree keenya isin gudeeda' akka isaaniin jedhanis himti.

Hawaasni idil-addunyaa sarbama gama hundaan raawwatame qorachuu fi yakkamtoota itti gaafatamoo gochuuf tarkanfii ariifataa fudhachuu qaba jedha Saaraa Jaaksan.

Amnastii Internaashinaal amma durallee humnooti Tigraay magaalaa naannoo Amaaraa Nifaas Mawucaa keessatti dirqiin gudeeduu dabalatee yakkoota biroo raawwachuu isaanii gabaasa baasee ture.

Humnooti kunneen Cinaa fi Qobbootti manneen namoota dhunfaa fi dhaabbilee mootumaa akka hospitaalaa fi manneen barnootaa osoo hin hafiin saamicha guddaa raawwachuu jiraattonni Amnastiitti himaniiru.

TPLF gabaasa kanarratti kallattiin deebii hin kennine, haata'u malee gabaasaalee wal fakkaatoo amma dura bahaa tura waakkataa ture.

UN qooda fudhattoonni waraana Kaaba Itoophiyaa marti yakkoota suukkanneesso lammilee nagaa irratti raawwachuu himee koree idil-addunyaa irra deebiin yakkoota kana qoratu hundeessee ture.

Humnooti TPLF naannolee Amaaraa keessaa kan bahan yoo ta'u naannoo Affaar keessatti humna addaa naannichaa waliin wal waraansatti jiru.

Gama kaaniin mootummaa fi TPLF waraana baatilee 16f adeemaa jirutti xumura gochuuf mari'achaa akka jiran UN himeera.

Waraana kanaan namoonni kumaatamaan lakkaa'aman yoo ajjeefaman, miliyoonaan kan lakkaa'aman qe'eerraa buqqaafamaniiru.