Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Chaampiyoons Liigiin deebi'e, goolii dirree alagaarratti lakkaa'amuun injfachuun hafe
Chaampiyoonsi Liigiin Awurooppaa Gareeleen Ingilaand garee biyya biraa waliin itti ramadaman, gooliin dirree ofiin alatti galchame itti hin lakkaawamneefi Baarseloonaan keessa hin jirre har'a itti fufa.
Taphni Chaampiyoonsi Liigii Awurooppaa kilabootni 16 marsaa itti aanutti drabuuf itti morkatan har'aa fi Roobii itti fufuun yoo taphataman har'a Paariis Seent Germeen fi Riyaal Maadriid, Ispoortiing Liisbaniifi Maanchistar Siitiin ni morkatu.
Baarselonaan hin jiru
Waggoota 18 keessatti yeroo duraatiif Baarselonaan tapha ramaddii darbuu dadhabee.
Baarselonaan tapha ramaddii kana Baayeer Muniikiin 3-0 injifatamee marsaa itti aanutti osoo hin darbiin hafuun agarsiisutuu kilabichi ''jajjaboowwan kubbaa miilaa keesaa bahuu'' isaatii jedhe barruun Ispeen AS jedhamu. Baarsaan taphoota jaha taasise keessaa si'a sadii 3-0 injifatame.
Chaampiyoonsi Liigii keessaa kan bahe Baarsaan amma Yurooppaa Liigiitiin Naapolii waliin kilaboota 16 marsaa itti aanutti ce'anitti makamuuf morkata.
Amma dura yeroo dhumaatiif Chaampiyoonsi Liigiin ramaddiirraa darbuu kan hanqatan bara 2004 Seeltikiin injifatamuu isaanii hordofee ture.
Ramaddii kilaboota Ingiliz
- Ispoortiing Liizaban-Maanchistar Siitii
- Cheelsii- Liil
- Maanchistar Yunaayitiid -Atileetikoo Maadriid
- Intar Miilaa- Liivarpuul
Bara dorgommii shan keessatti yeroo afraffaaf kilabootni Ingiliz yoo xiqqaate afur ta'an kilaboota 16 marsaa itti aanutti ce'an keessa galaniiru.
Kanneen keessa sadan isaanii ammoo kilaboota waancicha injifachuu maluu jedhaman afur keessa jiru. Kilabootni carraan injifachuu isaanii guddaadha jedhaman Maanchistar Siitii, Baayeer Muuniik, Liivar Puuliifi Cheelsiidha.
Kilabootni Ingiliz afran kilaboota biyyoota Awurooppaa liigiin isaanii jabaadha jedhamu waliin ramadaman(Ispeen, Xaaliyaan, Faransaayiifi Poortugaal).
Kilabootni biyyoota Awurooppaa kilaboota Ingiliiz afaran waliin morkatan kamuu liigii isaanii dursuutti hin jiran.
Bara darbe Cheelsiin Siitii Injifatee waancaa fudhate, Barana akkasuma ta'aa? Peep Gaardiyoolaa Baarselonaafi Mesiin alatti yeroo duraaf waancaa harka galfataa?
Makaa liigotaa gaarii
Gareewwan 16 amma falmuuf jedhan liigota Awurooppaa saddeet irraa dhufan. Reed Buul yeroo duraaf kilaboota 16 keessa galuu danda'e.
Saalsibarg, Ayaaksi, Benefikaafi Ispoortiing Liizban 16 keessa galuun liigiiwwan jaboo Awurooppaa shaniin alattis liigiiwwan biroon makamaa jiraachuu agarsiisa.
Ramaddii irra deebiin qophaayerraa eenyu carraa gaarii argate?
Ramaddiin Chaampiyoonsi Liigii kilaboota 16 inni duraa dogoggara waan horateef yeroo lama keessa deebi'amee qophaaye.
Ramaddii kanaan gareen kaan morkataa salphaa gariin immoo ulfaataa akka morkatan hiree uumee ture.
Ramaddii isa jalqabaan Maanchistar Yunaayitiid PSG waliin jehcuuniis Meesiifi Ronaaldoon walitti dhufanii ture.
Amma Yunaayitiid Atileetikoo waliin morkata. PSG'n ammoo Riyaal Maadriid waliin. PSG'f ramaddii isa jalqabaatu wayya ture.
Liivarpuul jalqaba kilaba Oostiriyaa Reed Buuli waliin ramadamee kan ture amma Kilaba Serii'aa Xaaliyaan warra dursan keessa kan jiru Inter Miilaan waliin ramadame.
Chelsiin si'a lamaanuun Liil waliin ramadame. Siitiin ammoo dura Vilaariyaal waliin boodammoo Liisban waliin
Garee kaan irraammoo Baayer Muuniik kan dura Atileetikoo Maadriid waliin ramadamee ture amma Saalsbeergi waliin ramadamuun hiree uumeefiira. Riiyaal Maadriid jalqaba kan Benefikaa waliin ramadamee ture amma PSG kan falmatu ta'uun isaa carra dhabeessa isa taasiseera.
Goolii dirree alagaatti lakkaawamu
Tapahoonni ramaddii alanaa Chaampiyoonsi Liigiin goolii dirree alagaatti lakkaawamu addatti ilaaluu dhaabuu isaa erga murteessee yeroo duraaf taphatamu.
Ammaan booda gareeleen lamaan dirree ofii fi kan morkataa isaaniirratti qixxee bahuun yoo xumuran akkuma taphoota kaanii yeroon dabalataa kennamee ammas yoo wal injifachuu baatan gara rukuttaa peenaalitii deemu.
Meesiin PSG Chaampiiyoonii akka ta'u gargaaraa laata?
Mesiin gara PSG kan dhufe kilabichi irra deebiin liigii Firaansi akka mo'atu akka gargaaru osoo hin taane kilabichi shaampiyoonaa Awurooppaa akka ta'uufi.
Kilabichi harka abbootii qabeenyaa Kataar erga galee barkurnee tokko keessatti ammallee shaampiyoonaa Awurooppaa hin taane.
Inveestimeentiin guddaan kan irratti hojetamu kilabni kun bara 2020 Baayer Muunik waliin waancaaf falamatee milkii dhabe.
Ammaan tana addunyaarratti taphattoota sarara fuula duraa filatoomoodha jedhaman sadii ofi biraa qaba-Mesii, Neemaariifi Keeleen Mbaappee.
Keeleen Mbaappee fudhachuuf Riyaal Maadriid kan har'a waliin morkatu £137m PSG'f dhiyeessuus kilabichi tole hin jenne. Ta'uus Mbaappeen ganna dhufu bilisaan gara Maadriid imaluu mala jedhama.