Miseensota Paartii Badhaadhinaa Naannnoo Somaalee gidduu maaltu mudate?

Naannoo Somaaleetti miseensota Paartii Badhaadhinaa kan jalqabaa ta'uusaanii kan himatan, Paartii Badhaadhinaa Naannichaa, ‘Sororsuufi sirreessuuf’ jechuun sochii jalqabuu isaanii dubbatu.

Miseensonni duraanii paartii kanaa magaalaa Jigjigaatti walitti qabaman lakkoofsaan kudhan tahuu yoo ibsan,Finfinnee fi biyyattii keessa iddoo garagaraatti miseensota paartiifi hogganooti duraanii wajjin jiraachuu ibsaniiru.

Gareen kuni sochiisaa ‘uummata naannichaa baraaruuf’ jechuun jalqabuusaa dubbataniiru.

Itti gaafatamaa kominikeeshinii Naannoo Somaalee kan turaniifi amma garee mormituu kana keessa hirmaataa kan jiran Obbo Habiib Hajii Mahaammad, ‘Paartii Badhaadhinaa karaa irraa kaateera,’’ jechuun BBCtti himaniiru.

Akka Obbo Habiib jedhanitti hoggansa Paartii Badhaadhinaa amma jiru mormuun qaamoti walitti qabaman kana dura,itti gaafatamtoota waajiraa, miseensota mana maree fi naannicha keessatti waggaa 15 hanga 20 hirmaannaa siyaasaa sadarkaa garaagaraa irratti tajaajilaa kan turani dha.

Itti gaaftamaan waajira Badhaadhinaa Injinar Mahaammad Shaallee gama isaaniin, qaamoti akkanatti walitti qabamanii mormii dhageessisaa jiran,’’namoota miseensummaa paarticha irraa arii’amaniifi itti gaafatamummaa irraa ka’ani dha,’’ jedhan.

‘’Garee namoota arii’amaniifi dallansuu qabaniiti,’’ jechuun kan dubbatan itti gaafatamaan waajira paartii kanaa,dogoggora paarticha keessa jiru sirreessuuf akka dhaabaatti qophii irra jirra jedhaniiru.

Injinar Mahammad dabaluunis miidiyaa hawaasaa irratti Paartii Badhaadhinaa naannichaa gidduutti wal-qodiinisi dhalateera inni jedhamu, ‘’dogoggoraa fi kan fudhatama hin qabne dha,’’ jechuun hubachiisaniiru.

Obbo Habiib gama isaaniin mormii dhageessisaa kan jiran miseensota paarticha irraa arii’amani isa jedhame ‘soba’ jedhaniiru.

Obbo Habiib paarticha keessa rakkoon bulchiinsa gaarii akkasumas malaammaltummaan sadarkaa hundarra akka jiru himu.

Dabaluunis mootummaan naannichaa miseensota paartii mormituu hidheera jechuun himannaa dhiyeessu.

Injinar Mahaammad gama isaaniin paartichi yeroo dhyootti yaa’ii waliigalaa akka adeemsisuufi sirreefama barbaachisaa tahe akka taasisus ibsaniiru

Injinar Mahammad Shaallee komii miseensonni paartii mormituu hidhamaniiru jedhu kuffiisaniiru.

Namoonni paartii biyya bulchaa jiru keessa rakkoolee jiran kaasuun mormii dhageessisaa jiran, dhimmi biraas akka jiru dubbatu.

Kanaanis uummatni naannichaa hongeedhaan miidhame deeggarsa gahaa argachaa hin jiru kan jedhan Obbo Habiib, qaala’insa jireenyaa dhiibbaa geessisaa jiraachuu, hojii dhabdummaa dargaggoota naannichaa gaaffilee kaasan keessaati.

Walumaagalatti, adeemsi ‘mul’atnisaa dukkanaa’e’ naannichatti diriiree jira kana jedhan Obbo Habiib, miseensonni paartii aangoorra jiran muuxannoo gahaa fi beekumsa hin qaban jechuu qeequ.

Itti gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa naannichaa Injinar Mahaammad Shaallee immoo himannaan miseensonni paarticharraa of baasan dhiyeessan fudhatama kan hin qabneefi naannichi rakkoolee eeramaniif furmaata fiduuf paartichaafi bulchinis naannichaa waan irraa eegamu raawwachaa jiraachuu himaniiru.