Shamarreen Ingilaand turte akkamiin Naqamteetti kilaba saayikilii shamarranii hundeessite?

Kilaba saayikilii shamarranii Naqamteetti ijaarame

Madda suuraa, Murtii Dhugaa

Shamarree Murtii Dhugaa Sanyii Magaala Naqamteetti dhalattee kan guddatte yoo ta'u, biyya Inglaand keessatti kilaba saayikilii hawaasummaa 'Pelsall Social Cycling Club' jedhamu keessatti hirmaachaa turte.

Amma gara biyyaatti deebii'uun manneen barnootaa lama keessaa shamarran 13 calaluun kilaba saayikilii shamarranii hundeessite.

Yeroo ammaatti gara biyyaa deebi'uun kilaba saayikilii hundeessuun cinatti hojiilee tola ooltummaa hojjechaa akka jirtus BBCti himteerti.

Gaafiifi deebiin BBCn shamarree Murtii Dhugaa Sanyii waliin taasise kunooti.

BBC: Gara biyya Ingilaand maaliif deemte ati?

Murtii Dhugaa: Gara biyya alaa kanin deemef maatiinkoo achi jiraachaa waan turaniifi. Haaluma jireenyaatiif gara biyya Ingiliz deeme. Akka lakkoofsa warra Awurooppaa naannoo bara 2005 deeme.

BBC: Saayikilii oofuu akkamiin akka jalqabde nutti himi?

Murtii Dhugaa: Maatikoo keessaa obboleettiinkoo fi abbaan warraashee saayikilii baay'ee jaalatu. Guyyaa tokko isaanuman ilaala jedhee waliin deeme. Guyyaa lammaffaa saayikilii qabadheen bahe. Isa boodammoo isaan kilabiidhaan hammatamanii waan turaniif "maalif kilabiidhaan hinyaaltu? Shaakalliifii muuxannoof gaariidha" naan jedhan. Kanaaf gara kilabii seene.

BBC: Haalli wayita kilabii seentu ture maal fakkaata?

Murtii Dhugaa: Wayitan jalqaba kilabicha seenu sodaan qaba ture. Dandeetiin saayikilii ofuukoo badaa hinturre. Kanaaf akkamittin kilabiitti hammatama jedhee sodaadheen ture. Garuu gaafan ilaalu baay'eensaanii kan reefu jalqaban turan.

BBC: Haalli leenjiifii shaakallii kilabicha keessaa maal fakkaata ture?

Murtii Dhugaa: Shaakallii guyyaa Facaasaa, Kamisa, Sanbata duraafii Dilbata hojjenna. Sadarkaa dandeettii adda addaatiin filanii guyyoota sana keessatti akka shaakalan taasisu. Dilbata immoo namni hundi shaakallii fageenya qabu taasisu.

Murtii Dhugaa

Madda suuraa, Murtii Dhugaa

BBC: Kilabicha keessa erga seentee booda dorgommiileerratti hirmaachaa turte?

Murtii Dhugaa: Walii keenya gidduutti waldorgommii ni taasisna. Akkasumas namni sadarkaa tokkoo isa gara isa biraatti fooyyee akka qabaatuuf dorgommiin ni taasifama.

BBC: Yoom gara biyyaa deebite?

Murtii Dhugaa: Waggaa tokkoo asittin gara biyyaa deebi'e. Sababuma hojiin walqabatuunin dhufe.

BBC: Kilabii saayikilii shammaranii Naqamtee hundeessuuf maaltu si kakkaase?

Murtii Dhugaa: Ispoortii saayikilii ofuu irratti hirmaannaan dubartootaa achitti /biyya Ingilaanditti/ gahaa miti. Dabalataan immoo warri Afriikaa badaa gara saayikilii kanarra hinjiran. Baay'een namaa kan jiru fiigicharrattidha. Kanaaf gaafan gara biyyaa dhufus 'gama kanaan biyya kootti maal gochuun danda'a?' kan jedhun qabadhee dhufe.

BBC: Ogummaan kee bifa idileen hojjettu maali?

Murtii Dhugaa: Kanin baradhe Baayo-Keemistiriidha. Haaluma kanaan Laaboraatoorii keessatti saayintistii qorattuu /research scientist/ ta'ee gara waggaa saddeetii hojjadheera. Kemikaala omisha qorichaafii talaalliif gargaaru omishna.

BBC: Gara biyyaa erga deebitee boodahoo maal hojjechaa jirta?

Murtii Dhugaa: Gara biyyaa ergan deebi'ee booda hojii tola ooltummaan hojjechaa jira. Fiildii ani ittiin baradheen osoo hintaanee barnootarrattin hojjechaa jira. Hojiinkoo tola ooltummaa inni jalqabaas pirojektii 'qulqullina barnootaafii barnoota hunda hammatoo' jedhurrattin hojjechaa ture.

BBC: Sochii saayikilii oofuu keessattuu gama dubartootaan akka naannoo Oromiyaattis ta'e magaala Naqamteetti maal taajjabde?

Murtii Dhugaa: Naqamteen iddoo dhalootaa koo waan taateef nan beeka. Dhugaa dubbachuuf sochii saaykilii shamarranii badaa hin argine. Ammas jijjiirama hin argine.

Haalli karaa keenyaas bajaajii, konkolaataafii gaariin kan itti baay'atu waan ta'ef nama saayikilii oofuf ni sodaachisa. Lammaffaammoo kiraadhaan yoo ta'e malee namni dhuunfaadhaan bitatee oofuudhaaf ni rakkisa. Saayikiliin tokko gara birrii kuma 10 galeera.

Kilaba saayikilii shamarranii Naqamteetti ijaarame

Madda suuraa, Murtii Dhugaa

Baahirdaar, Hawaasaa akkasumas gara Kaabaa deemee ilaalera. Hirmaannaan dubartootaa baay'ee bareedaadha. Gama kanaan akka magaala Naqamteetti qofa osoo hintaane akka Oromiyaattis hirmaannaan hinjiru.

BBC: Adeemsi hundeeffama kilabii saayikilii shamarranii Naqamtee maal fakkaata ture?

Murtii Dhugaa: Kilabicha bara 2021 manneen barnootaa lama keessatti hundeessine. Mana barnootaa qophaa'inaa Leeqaa fi Mana barnootaa sadarkaa Lammaffaa Daargeetii shamarran 13 fillee kilabicha hundeessine.

BBC: Waa'ee bittaa saayikiliifii bajata kilabichaa gara fulduraa natti himi?

Murtii Dhugaa: Bittaa saayikiliifii uffata shaakalliif deeggarsa maallaqaa kan naaf taasisan dhaabbata 'Exeter Ethiopia Link' jedhamufii kilabii saayikilii ani keessatti hirmaachaa turedha. Kanaaf carraa kanatti fayyadamee galatoomaan jedha. Gara fulduraaf Waajjirri Ispoortii magaala Naqamtee akka gama tekniikaas ta'e ijoollee shaakalchiisuun na gargaaran deeggarsa gaafadhee isaan waliin hojjechuudha kan barbaadnu.

BBC:Mul'annikee kilabni kun sadarkaa maalirra akka gahuufi?

Murtii Dhugaa: Yaadnikoo inni jalqabaa shamarran kilabicha keessa jiran dandeettii saayikiliin qofa osoo hintaane haala barumsaafii naamusaan ijoollee biroof fakkeenya akka ta'anin barbaada. Inni lammaffaammoo biyyattis ta'e Oromiyaa bakka bu'anii akka maqaa nu dhoofsisanin yaada.