Jijjiirraa taphattootaa Piriimer Liigii Amajjiin taphataa kamitu gara kilaba kamii deeme?

Jijjiirraan taphattoota kubbaa miilaa ji'a Amajjii Wixata akka sa'aatii UK'tti waarii irratti xumurame.

Kilaboota warra kamitu, taphattoota isaan kam mallatteessifate?

Jijjiirraa miilanaa kanaan taphataan sarara duraa Arsenaal Piyeer Emiriik Obaamiyaang sa'a xumuraa irratti Baarseloonaa galuun mirkanaa'eera.

Obaamiyaang naamusa kilabichaa cabsuun dursummaa taphattotaa irraa mulqamee ture. Ergasii leenjisaan garichaa, Maayikil Artettaan carraa taphaa hin kennineef.

Obaamiyaan Waancaa Afrikaaf biyyasaa Gaabooniif taphachuuf gara Kaameruun imalee ture. Garuu sababa Covid_19n qabameef osoo hin taphatin dafee deebi'e.

Baarseloonaan bara kana rakkoo baajataa guddaa qaba. Obaamiyaangiin kaffaltii malee kan mallattesise yoo tahu, taphatichi miindaa Arsenaalitti waggaa tokkotti paawondii miliyoona 9 argatu ture dhiisuun Baarseloonaan paawondii miliyona lama akka kaffaluuf waliigale.

Arsenaal taphattota ciccimoo Dusan Vilahovich mallattesisuuf waliigalus, taphataan Fiyoorentiinaa kun Juventus galuu filate.

Kanaaf, Artettaan sarara duraa irratti amma filannoo hedduu hin qabu.

Oduu jijjiirraa biraan ammoo taphataan sarara gidduu Tootenahaam Deel Aliin Everteeniif mallatteesseera.

Everteen leenjisaa duraanii Chelsii Firaank Laampaardiin leenjisaa godhee gidduu kana qacare. Deel Aliinis kana hordofuun Antooniyoo Koontee jalatti yeroo taphaa gahaa waan hin arganneef Everten waliigala gara paawondii miliyona 40 tahuun achi deemuu filate.

Taphataan biraa Tootenhaam paawondi miliyona 54, rikardii kilabichaa taheen Liyoon irraa mallattesisee ture Taanguu Domboleen garuma Liyonitti ergisaan deeme.

Xumura dorgommichaa irratti yoo barbaadan Liyoon taphaticha dhaabbiin mallattesisuu dandahu.

Deel Aliifi Domboleen Joosee Moohorinoo fi Antooniyoo Koontee jalatti gahumsa isaanii agarsiisuu hin dandeenye.

Tootenhaam ammoo Juuvantus irraa Bengankur kan umuriin isaa ganna 24 tahee fi Kiluviskii mallattesisan.

Koonteen Pirimer Liigii Ingiliz bara kanaan Tootenhaam hirmaannaa Shaampiyoons Liigii akka argatuuf cimsee hojjechaa jira.

Taphataan Maanchister Yunaayitd Doonii Vaan Dee Biik yeroo taphaa gahaa dhabuu isaan ergisaan Everteniif mallattesera.

Vaan Dee Beek Ayaaks Amisterdam irraa erga gara Yunaayitid dhufee carraa taphaa guddaa hin arganne.

Soolshayerii fi Ralf Raayinaak lamaanuu Van Dee Biik irra Fireedii fi Iskoit Toominee filatu turan.

Taphatichi xumura bara dorgommii kanaatti gara Yunaayitiditti kan deebi'u yoo tahu, waan Yunaayitid keessatti dhabe Firaank Laampaard jalatti akka argatu amanuun Everteen seene.

Kilebootni akka Maanchister Yunaayitidii fi Chelsii jijjiirraa kana irratti hedduu hin hirmaanne.

Maanchister Siitiin erga taphataa isaa sarara duraa Feeraan Toores Baarseloonaatti gurguree kilaba Arjentiinaa River Pilet irraa Juuliyoo Alvaarez Paawondi miliyoona 17n mallatteesise. Taphatichi Mancheter Yunaayitidinis barbadamaa ture.

Bara kana carraa gadi bu"uu kan isa mudatee fi akkasuma ammoo al takkaan harka tujaarota Sawud Arabiyaatti kufuun of haaromsaa kan jiru Niwu Kaasil taphattota ciccimo mallatesiseera.

Sarara ittisa irra kan taphatu Baarni Biraayiten irraa, sarara ittisa cinaarra kan taphatu Taarget ammoo Aston Viillaa irraa mallatteessifateera Niwu Kasil.

Ed Hoween kilabicha gadi bu'uu irraa oolchuuf hojjechaa jiru.

Aston Viillaan Isteefen Jeerard jalatti bayyanataa jira.

Filip Kootinihoo Baarseloonaa irraa Luukas Diinyeen ammoo Everten irraa mallatteessuun morkitti deeban.