Weellisaan Kiriis Biraawon doonii irratti dubartii gudeeduun himatame

Weellisaa Kiriis Biraawon

Madda suuraa, Getty Images

Weellisaan Kiriis Biraawon, dubartii tokkoof qoricha of walaalchisuu kennee gudeedduun himatamee beenyaa miiliyoona 20 akka kaffaluuf gaafatame.

Akka himata kanaatti, gudeeddiin kun kan raawwate Mudde 30, 2020 Maayamii Filooridaatti.

BBC’n dhimma kanaratti deebii akka kennuuf hoggansaa fi dhaabbata muuziqaa Kiriis Biraawon kan qunname ta’us ammatti deebii hin arganne.

Ofii isaatiin Kiriis deebii Inistagiraamii irratti kenneen, himati kun kan irratti dhiiyaate, muuziqaa haaraa waan gadhiisuuf jedhuuf akka ta’e himeera.

“Hundi keessan amala irra daddeebiin… yeroon muziqaa ykn piroojeektii haaraa baasuuf jedhutti uumamu kan ni hubattu jedheen abdadha,” jechuun barreesseera.

Himati kun kan dhiyaate oggeetti shubbistuu fi muziqaa eenyummaan ishee hin ibsamneenidha.

Dokumentiin kun weellisaa kana yakka adda addaa shaniin himata – haleellaa saalaa, seeraa yakka koorniyaa irratti hundaa’ee cabsuu, beekaa waan xiinsammuu miidhu raawwachuu, itti gaafatamummaa dhabuun miidhaa uumuu fi sobaan hidhuu.

Dubartiin kun, “lubbuu ishee fi hojii isheef” akka sodaattu ibsiteetti.

Doonii bakka yakki kun itti uumame, kanatti kan affeerramte, abba qabeenyaa doonichaa, raapparii fi qindeessaa Didiin akka ta’es himteetti.

Himata, BBC’n ilaalee kanaratti dubartiin kun akka jettetti, akka achi geesseen Kiriis dhugaatii kenneefii, boodarra “tasa miira of walaalluu ibsuu hin dandeenye,” keessa seente.

“Bujunjurtee, of dandeesse dhabbachuu akka dadhabdee fi haala of wallaaluu” keessa erga turtee booda, gara kutaa ciisichaatti geeffamtee Kiriis akka ishee gudeede himatni kun ni eera.

Guyyaa itti aanutti Kiriis dubaartii kana qunnamee, qoricha ulfa hambisu akka fudhattuuf itti himuu isaas ibsameera.

Bakka bu’aa Didiis qunnamuuf BBC’n yaaluus ammatti deebii hin arganne.