Mootummaan Somaaliyaa ONLF'n tarree shorokeessitootaa keessaa baase

Bitaa gara mirgaatti Abdulkariim fi MM Somaaliyaa Mohaammad Rooblee
Ibsa waa'ee suuraa, Bitaa gara mirgaatti Abdulkariim fi MM Somaaliyaa Mohaammad Rooblee

Kaabineen mootummaa Somaaliyaa kan aangoorra jiru paartii siyaasaa Itoophiyaa keessa socho'u Adda Bilisa Baasaa Biyyaalessaa Ogaaden (ONLF) tarree shororkeessitootaa keessaa baasuu beeksise.

Kaabineen Ministira Muummee duraanii Somaaliyaa Hasan Alii Fayyiree bara 2017 keessa ONLFn tarree gareewwan shororokeessitoota jedhee farraje keessa galchuu murteessee ture.

Kaabineen ammaa kun ammoo erga waggoota afur tureen booda murtee mootummaa Somaaliyaa shaaree ONLF tarree shororokeessitootaa keessaa baasuu isaa Dilbata ifa godheera.

Itoophiyaa naannoo Somaalee keessa qabsoo hidhannoo gaggeessaa kan ture ONLF, gareewwan sadii mootummaa duraanii Itoophiyaatiin shorororkeessummaan farrajame keessaa tokko ture.

Haata'u malee, Itoophiyaa keessatti jijjiiramni siyaasaa gaggeeffamee waggaa sadii dura ministirri muummee Abiy Ahimad yeroo gara aangootti dhufanitti ONLF, ABO fi Ginbot Sabaat tarree shororkeessitootaa keessaa haqamuun isaanii ni yaadatama.

Murtee kana hordofee paartiin kun sochii hidhannootiin taasisu dhaabee gara siyaasa karaa nagaan qabsaa'uutti akka deebiye beeksisuun, miseensonni isaa gara Itoophiyaatti deebi'aniiru.

Somaaliyaan ONLFn maaliif ture 'shororkeessaa' jechuun kan farrajje?

Bara 2017 keessa kaabineen duraanii Somaaliyaa ONLFn shororkeessaa jedhee yeroo farrajetti yaadawwan murtee sadii raggaasisee ture.

Kan jalqabaa, 'ONLF garee shororokeessaadha' kan jedhudha. Kan lameessoo ammoo, Somaaliyaan ONLFn meeshaanis ta'e karaa biraatiin akka hin deeggare ibsamuu isaati.

Sadarkaa sadaffaa irratti ammoo, ONLF Somaaliyaa keessatti bakka shaakala loltummaa itti gaggeeffatu, meeshaa waraanaa itti kuufatu, loltoota itti calalatuufi hojii birootiif itti gargaaramu kaampii akka hin qabaanne murteessee ture.

ONLF kaabinee duraanii Somaaliyaatiin 'Shororkeessaa' osoo hin jedhamiin dura Moqaadishoo dabalatee magaalota Somaaliyaa gurguddoo biroo keessa bilisaan socho'aa akka ture himama.

Yeroo sanatti hariiroo Itoophiyaafi Somaaliyaa gidduutti uumamerratti hundaa'uun Somaaliyaan ONLFn 'shororokeessaa' jechuun akka farrajjuuf mootummaa Itoophiyaatu dhiibbaa taasisaa akka ture himama.

Dhiibbaa kana horofees Somaaliyaan ONLFn shororkeessaa keessatti ramaddee turte.

Kaabinee Somaaliyaa
Ibsa waa'ee suuraa, Kaabinee Somaaliyaa

Dhimma Abdulkariim Sheek-musee

Miseensota koree hoji-raawwachiiftuufi hundeessitoota ONLF keessaa tokko kan ta'e Abdulkarim Sheek-musee bara 2017 ji'a Hagayyaa keessa Somaaliyaa Bosaasoo keessatti mootummaa Somaaliyaatiin qabamee to'annoo jala erga oolfameen booda mootummaa Itoophiyaatti dabarfamee kennamee ture.

Yeroo waggoota lamatti dhiyaatuuf mana hidhaa Maa'ikalaawwii erga tureen booda MM Abiy gara aangootti dhufuu hordofee gadhiifameera.

Kaabineen Somaaliyaa aangoorra jiru Abdulkariim dabarfamee kennamuun isaa "murtee sirrii hin turre" jechuu isaanii gabaafameera.

Mootummaan Itoophiyaa ONLF, ABO fi Ginbota Sabaat yeroo tarree shororkeessitootaa keessatti ramadee turetti namoota inni cimseee barbaadaa ture kessaa Abdulariim tokko ture.

Abdulkariim kanaan dura turtii BBC waliin taasiseen, "umurii kiyya guutuu qabsoo keessatti kanan dabarsu ta'ullee umuriin kiyya deemaa dhufuu isaatiin gaheen ONLF keessatti qabaadhu hir'iseera.

''Amma meeshaa lafa keenyee karaa nagaa qabsaa'aa jirra," jedheera.

Abdulkariim yeroo ammaa kana gaggeessummaa ONLF keessatti argamuu baatus, namoota paarticha keessatti fudhatama qaban keessaa tokko akka ta'e himama.

Dhimmichi atakaaroo aanga'oota Somaaliyaa waliin walqabataa?

Bara darbe manni maree pirezidant Mohaammad Abdullaahii Farmaajoo, ONLF bara 2017 keessa tarree shororkeessitootaa keessatti ramadamuu isaatiifi aanga'aan olaanaa paartichaa Abdulkariim Sheek-museen Itoophiyaatti dabarfamee kennamuun sirrii hin turre jechuun sagalee caalmaan murteessee ture.

Murteen mana maree kun garuu hojiirra hin oolfamiin ture.

Akka xiinxaltoonni siyaasa Somaaliyaa itti dhiyeenyaan horofan jedhanitti, wal gaareffannaan Pirezidant Mohaammad Abdullaahii Farmaajoofi MM Mohaammad Rooblee gidduutti uumame tokko murtee inni kaan murteesse irratti qaawwa barbaaduun gara wal saaxiluu geessiseera.

Murteen ONLF tarree shororokeessitootaa keessaa baasuu ifatti kan raggaasifame kaabinee MM Mohaammad Roobleetiinidha.

Kanaaf, ONLF tarree shororkeessitootaa keessaa akka bahu murteessuun siyaasa yeroo ammaa kana Somaaliyaa keessatti deemaa jiru waliin kan walqabatu ta'uu danda'a jechuun tilmaamu.

ONLF waa'ee murtee kanaa maal jedhe?

Mootummaan Itoophiyaa ONLF erga shororkeessummaa keessaa baasee waggoonni lakkaa'amaniyyu, Somaaliyaa keessatti garuu maqaan ONLF tarree garee shororkeessitootaa keessa tureera.

Dubbi himaan ONLF Abdulqaadir Hasan Hirmoonii (ykn Adaanii) paartiin isaanii murtee kaabinee Somaaliyaa kanaan akka gammadeeru BBC Somalitti himaniiru.

"Murteen sun [shororkeessummaatti ramaduu] sirrii hin turre. MM Roobleen seenaafi maqaa gaarii Somaaliyaa xuraa'e deebiseera," jechuun yaada isaanii kennan.

ONLF irra deddeebiin mootummaan Somaaliyaa tarree shororkeessummaa keessaa akka isa baasuuf gaafatulleen, deebii gaarii akka hin argatiin eeran.

''Yeroo sanatti deebii nuuf hin kennine ture. Amma garuu erga saatiin turee ta'ullee dogogora hojjechuu isaanii fudhachuun isaanii akka gaariitti ilaalla," jedhan.

Bara 2017 shororokeessaa jedhamuun farrajamuun isaaanii, "qabsoo keenya irratti dhiibbaa oomaa nurraan hin geenye," jechuun ibsan dubbi himaan kun.

ONLF qabsoo hidhannoo dhaabanii miseensota isaa gara Itoophiyaatti deebisuun dura Ameerikaa, Yunaayitid Kingidom, Awustiraaliyaa, Keenyaa fi Ertiraa dabalatee addunyaarratti biyyoota 60 siqan keessatti waajjira banatee socho'aa akka ture dubbatama.

Kaabineen duraanii Somaaliyaa paartii kana shororokeessaa jechuun isaa murtee, "Naannoon Somaaleefi hariiroo sabaa Somaaliyaa kan miidhe" ture jedhu dubbi himaa Abdulqaadir.

"Nutis mootummaa Itoophiyaa TPLFn durfamu shororkeessaa jennee waan turreef mootummaan Itoophiyaa yeroo sanaa nuun shororokeessaa jechuun isaa nu hin ajaa'ibne," jedhan.

ONLF gara qabsoo karaa nagaatti deebiyuu isaa booda filannoo biyyaalessaa keessatti hirmaachuuf galmaa'ee kan ture ta'us, mootummaan dhiibbaa narra geessise sababa jedhu dhiyeessuun filannicha keessaa of baaseera.

Dubbi himaan kun turtii BBC waliin taasisaniin, "biyya gara garaa keessa taanullee, Somaaliilaand, Moqaadishoo, Keenyaa keessa jiraannus ummanni Somaalee sanyiin, afaaniin, amantiin, aadaatiin walitti hidhatee itti fufa.

''Murteen namoota siyaasaa muraasni garaa garaa nu hin qoodu," jechuun ejjennoo isaanii ibsan.

Pirezidantiin naannoo Somaalee Musxafee Mohaammad Umar fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti, "Murtee ministira muummichaa ni dinqisiifanna. Ni fudhanna," jedhan.

Itti-dabaluunis, "ONLF mootummaa TPLFn durfamu hidhannoon waraaneera. Nuuf qabsaa'ota bilisummaati isaan. Murteen isaan shororkeessaa ittin jedhaman hariiroo naannoo Somaaleefi Somaaliyaa miidhee ture," jechuun barreessan.