'Namoonni siyaasaa ummata Somaalee akka lammii Itoophiyaatti hin ilaalan' '- Ahimad Mahaammad

Madda suuraa, NEBE/F
Addi Bilisa Baasaa Ogaadeen (ABBO) paartilee siyaasaa jijjirama waggoota sadiin dura biyyattii keessatti umameen gara biyyaa deebi'an keessaa tokko.
Waa'ee filannoo fi haala sochii paartichaa ilaalchisuun BBCn miseensa kore hojii raawwachiftuu ABBO fi ittigaafatamaa quunnamtii motummaa federaalaa kan ta'an Obbo Ahimad Mahaammad waliin turti taasiseera.
BBC: Hundeffamni ABBO seena weerara Ziyaadibaarree waliin hidhatu qaba. Yeroo ce'umsaa hirmaattannii jirtu. ABBOn liigii dargaggoo Adda bilisa baasaa somaaliyaa Lixaan hundeeffame jedhama. Naannicha waggoota lamaaf bucheera. Sirriidhaa kun?
Obbo Ahimad: ABBOn Adooleessa 15, 1984tti hundeeffame. Innis Addi Bilisa Baasaa Somaalee Lixaa (WSLF) tibba sana kan ture erga dadhabeen booda dargaggoota Somaalee Itoophiyaa keessa jiraataniin kan hundeeffameedha.
Addi Bilisa Baasaa Somaalee Lixaa kan lammiilee Somaalee Itoophiyaatiin hundeeffame. Ta'ulleen dhaaba motummaa Somaaliyaatiin deeggaramaa ture.
ABBO ammo dargaggoon qabsoon keenya dadhabaa waan adeemeef maal haa gonu jechuun kan hundeessan. Dargaggoonni kunneenis qabsoon isaanii irratti jiddugalumsi motummaa Somaaliyaa akka jiru waan hubataniif ABBO hundeessan.
ABBO Somaaliyaafi Itoophiyaatti dhorkamaa waan tureefi fudhatama waan hinqabneefu waggootaaf dhoksaan hojjataa turan.
Jalqaba dhaabichi yoo hundeeffamu durataa'aan Obbo Abdurhamaan Mahiddii turan. Isaan booda Mahaamad Abdii Maganii baatii lamaaf hogganan. Achiin Sheeh Ibraahiim Abdallaah dura ta'aa dhaabbataa ta'un filatamanii yeroo dheeraaf hoogganan. Ammalleen lubbuun jiru.
Kaayyoon ABBO guddaan sumaaloonni Itoophiyaa keessa jiran biyya Ogaadeen jedhamu bilisa baasuu ture.
Erga Dargiin kufeen boodas aanga'oonni ABBO gara biyyaa deebii'uun godina Magob bakka Garbo jedhamuutti yaa'ii ummataa gaggeessuun, Sheek Ibraahiim Abdallaa irra deebiin filatamanii motummaa ce'umsaa keessatti hirmaataniiru.
Hirmaannaa filannoo jalqabaatin sagalee caalmaa %84 argachuun naannichatti motummaa hundeessaniiru. ADWUI/TPLF garuu deeggarsa ummataa qabaachu keenya hubannaan nu weerara. Isaan booda kan qabsoo hidhannootiif bosona galle. Fedhiin keenya dimokraasiin hirmaachu ta'ulleen dhiibamne bosona galle.
BBC: Yeeroo hangamiif naannicha kan bulchitan?
Obbo Ahimad: Waggaa tokkoofi gara ji'a kudhanii kan tahu naannicha bulchineerra. Alaabaan naannichaa amma jiruufi imaammatni barnootaa mootummaa ABBO'n yeroo sanaan ture kan jalqabame.
Hojiilee bu'uura tahan erga jalqabnee deeggarsi uummata irraa qabnu guddaa tahuu hubachuun nu weeraran. Hoggantoota keenya ajjeesuu waan jalqabaniif dirqamnee bosona galle.
ABBO [ONLF] Dhaabata waggoota 36 qabsoo keessa ture isa hangafaati. Dhaabichi hiree ofii of bulchuu sabichaa murteessuuf jecha waggoota dheeraaf qabsoo irra ture.
Erga gara biyyaati deebitanii ammas maqaa Adda Bilisa Baasaa Ogaadeen jedhuun jirtu. Haala siyaasaa amma Itoophiyaa keessa jiru waliin deemaa?
Jijjiiramaan maqaan keenya hin jijjiiramu. Fedhii uummataanidha maqaan kun kan moggaafame. Calliseema fedha hoggantoota nama lama sadii waan hin taaneef.
Foxxoquus tahe Itoophiyaa keessatti hirmaannee itti fufuuf sagalee uummataatu murteessa. Uummatni kun dhaabbata akkamii akka barbaaduu fi dhaabbatichi ejjennoo akkamii akka qabaachuu qabu kan murteessu sagalee uummataati.
Nuyi hoggantoota jijjiiramaa waliin waan waliigalleef maqaa, ejjennoo fi kaayyoo dhaabichaa jijjiiruu hin dandeenyu. Kan jijjiiruun danda'amu uummatni dhaabicha hundeesse walitti qabamee kora gaggeessee irratti waliigalee yoo jijjiire qofadhaa.
BBC: Maqaa Adda Bilisa Baasaa jechuun mootummaa gidduugaleessaa irraa foxxoquuf paartiin yaadu akkamiin paartilee kaan waliin hojjechuu danda'a?
Obbo Ahimad: Ihi! Heerri mootummaa Itoophiyaa iyyuu hanga foxxoquutti eeyyama. Maaliif kun gaazexesitootaaf dhiphina akka tahe naaf hin galu! Maaliif heera mootummaa Itoophiyaa irratti baheree yoo akkas tahe?
Seera qabeessadha, uummatni naaf taha karaa jedhe irra deemuu qaba. Itoophiyaan yoo isaaniif taate lammii Itoophiyaa tahii itti fufuu danda'u; yoo hin taaneefii tahe ammoo mirga foxxoquun mootummaa mataa isaanii hundeessuu qabu. Kun seeruma adunyaa irra kan jirudha.
Heera mootummaa irras waanuma jirudha. Maaliif gaazexessitootni gaaffii kanarra darbuu akka dadhabdan garuu bitaa natti gala.
MM Abiy Ahimed gara aangootti osoo hin dhufiin dura Barreessaa ol aanaan keessan Obbo Abdurahaman Mahaadii gaaffiif deebii tokko irratti ''Somaaleen mootummaa gidduugaleessaan kan tuffatamee fi dagatamedha.'' Nuuf Itoophiyaa tahuun nuuf hin mijatu. Mootummaan Gidduugaleessaa humnaan nu bitee jira,'' jedhanii ture. Kun ilaalcha duraan jiru waan taheef amma erga jijjiiramaan as ilaalchi keessan kun hammam fooyya'eera
Dhugumatti kun miira gaggeesitootaa osoo hin taane miira uummataati. Dhugaa isaa natti himi yoo jette uummatni keenya ammayyuu mootummaakoo jedhee miira waamu waan qabu natti hin fakkaatu.
Mootummaan tokko kan kee kan tahu waa'eekee yoo yaada tahedha. Bara Atse Teediroos, Atse Minilik, Atse Haayile Sillaasee, koloneel Mangistuu tii hanga Obbo Mallasitti, har'as taanaan
BBC: Uummata Somaaleef maaltu tahe, maaltus tahaa ture?
Obbo Ahimad: Mootummaa federaalaa keessaa uummata Somaaleef hirmaanna hammamiitu kennameef? Yookiin faayidaa akkamii argatan? Akkamittis ilaalu? Har'ame namootni Birrii Itoophiyaa fi mootummaa Itoophiyaa hin beekne naannoo keenya keessa jiru. Kun maal sitti hima?
BBC: Maaliif? Maaliin bitanii gurguru?
Obbo Ahimad: Mootummaan waan isaan bira hin geenyeefikaa! Uummanni Somaalee yeroo loltootni ergamanii isaan ajjeesanii fi dararanidha kan beekan.
Kana kan jijjiiruu qabu nu osoo hin taane gaggeesitoota mootummaa Itoophiyaati.
Fakkeenyaaf mee sittan hima. Wal gahii Bishooftutti taa'ame tokko irratti namni tokko '' obboleessi koo Somaaleen sun akka ibsetti'' jedhe. Ilaali!
Ani eenyummaakootti nan boona. Rakkoo hin qabu. Garuu warri kaan gaafa dubbatan obboleesikoo Oromoon, obboleessikoo Amaarri, obboleessikoo Haadiyaan jedhamanii hin ibsaman. Ani maaliifan akkasitti ilaalame? Maalis agarsiisa?
Kana kan jijjiiruu dandeenyu nuyi namoota siyaasaa, hayyootaa fi gaggeesitootadha. Garaagarummaan kun durii jalqabee hanga har'aattis waanuma jirudha. Akka lammii lammaffaattidha kan nu ilaalan.
Namootni siyaasaa uummata Somaalee akka lammii Itoophiyaatti hin ilaalan.
BBC: Ilaalcha dabe kana qajeelchuuf akka paartiitti maal gootan?
Obbo Ahimad: Durii qabee hanga ammaatti lammii Itoophiyaa tahuun keenya hin hafne.
Sadarkaa paartiitti qofa osoo hin taane bulchitoota Somaalee waliin akka saba Somaaleetti mari'achuun gaheen keenya hammam akka tahuu qabu waliigaluu qabna.
Gahee guddaa bahachuu kan qabu hoggantoota Somaalee aangoo irra jiran ture. Maal akka dhaban maal akka argatan gaafachuu qabu ture.
Nuyi akka hojmaneetti qabannee irrati hojjenna. Biyya Itoophiyaa jedhamtu kana keessatti gahee keenya taphachuufi hirmaachuu qabna jennee amanna.
Amma Itoophiyaa keessatti Affaaris, Harariinis, Somaaleenis dhiibameera. Akka lammii 2ffaattan ilaalamaa jira jedhanii yaadu. Hundinuu yoo kan dallanu tahe akkamiin Itoophiyaa biyya jedhamtu kana itti fufsiisuun danda'ama? Saba hundumaa gara gidduutti fiduun gahee isaanii akka bahatan gochuun hin danda'amuu? Hin miidhamne kan jedhuhoo jiraa? Amaarris tahe Oromoon, warri kaanis?
Adunyaa irratti anatu miidhe, anatu balleesse kan jedhu hin jiru. Miidhamaanis kan miidhes akkasumattidha kan itti fufan.
Bara bulchiinsa Mallas Zeenaawwii TPLF, yeroo Tigiraay jedhamaa ture, bara Dargii yeroo Amaaraa jedhamaa ture, isaanis garuu miidhamneerra jedhu.Kanaafuu amma isa darbe dhiisnee araara goonee, uummata hubachiisuun qabna.
Itoophiyaa amma jirtu kana keessatti heera biyyichaan wal kabjnee deemuu qabna. Gaaffii kan qabu yoo jiraates karaa seera qabeessa taheen akka hiikamu, carraan hunda keenyaayyuu karaa seera qabeessaan akka murtaa'u tahuu qaba jedheen yaada.
BBC: Dhiifama gaafatamuu irratti rakkoo baay'een hin jiru. Rakkoon kan jiru eenyutu dhiifama gaafata kan jedhudha. Abbaan balleessaa eenyu? Miidhamanoo eenyu kan jedhudha.
Mootummaa Dargii haa jennu. Dargiin saba kam bakka bu'a? Isa dura bulchitootni turan yoo lakkoofne saba kam bakka bu'u? Saba keessaa dhalatanidhaa? Uummatni keessaa bahan mataan isaa hoo hin miidhamnee?
Obbo Ahimad: Dhuguma jette. Karaa tokko qabxiilee kaaste waliin waliin gala. Sababni isaas namoota aangoo irra turantu sirnicha balleessa jedhama.
Dhugumadha uummatni Amaaraa walitti qabamee uummata Somaalee haa miinu hin jenne. Akkasuma uummatni Tigiraay ka'ee uummata Somaalee yookaan kaan haa miinu hin jenne.
Garuu bara bulchiinsa Mallas Zeenaawii dhaabbileen afur turan. Haa tahu malee namootni baay'een yeroo dubbatan mootummaa TPLF'n gaggeeffamudha jechaa kan turan. TPLF eenyu yoo jenne dhalattoota Tigireeti jedhamu.
Bara Dargiis eenyu turan yoo jedhame warra Amaaraa jedhama. Kanaafuu karaa tokko yaadakeetti waliigala. Dhaabichatu balleesse jedhee. Gama biraan garuu dhaabicha duuba saba isa kamtu ture isa jedhudha.
BBC: Wagaa afur dura hogganaan paartii keessaanii Obbo Abdurahaman Mahaadii gaaffiif deebii Aljeeziraa orratti taaisaniin Ogaaden keessatti ''waggoota 100 keessatti mana barumsaa sadarkaa 2ffaa tokkoo fi hospitaala tokko qofa qabna. Dubartootni keenya dahumsaaf yookaan yoo dhukkubsatan Moqadishoo ture kan deeman,'' jedhan. Keessumaa Somaalee naannoo deeggarsa bal'aa itti qabdan qabeenyi gaazii uumamaa waan jiruuf abdiin kan irratti gatamedha. Kanaaf amma uummatni keessan gama misoomaan fayyadamaa tahaa jira jettanii yaadduu?
Obbo Ahimad: Abdii qabna. Quraana irraa ''ayyaana fi carraa uumaatti abdii hin kutiinaa'' kan jedhu jira.
Yeroo hundaayyuu abdii qabna. Hamma fedheyyuu yoo ceephaane mootummaan Somaalee amma jiru hamma tahe hojjechaa jira. Manneen barnootaa lakkoofsaan xiqqaa tahanis hojjetamaa jira. Kanaan ol tahuu qaba ture jechuun keenya akkuma jirutti tahee.
Garuu ammayyuu haadholiin Somaalee abiddaa fi kurraazii fayyadamuun kan dahan jiru. Haadholiin Somaalee %60 tahan ifa akkasii fayyadamuun dahaa jiru. Qulqullinni isaanii gadi bu'aa tahus hospitaalonnii fi kilinikootni jiru.
Fuuldurattis ni hojjetama. Nuyis yoo filannoo mo'anne akkasuma itti fufuun hojjenna.
BBC: Qabeenya gaazii irratti gaaffiin adda tahe kaastan jiraa?
Obbo Ahimad: Gaaffii addaa qabeenya gaasii irratti kaastan qabdu?
Somaaleen akkas jedhee makmaaka "Dhariba ninkii u dhow baa dhuunigiisa leh" hiikni isaas "Nyaanni yeroo bilchaatu dursa nama dhiyaateef kennamuu qaba" jechuudha.
Ummatni Somaalee qabeenya gaasii fi boba'aa isaa irraa fagoo ta'uu hin qabu. Gaheen kennameefiis gahaa miti kanaafuu isaa ol argachuu qabu jennee amanna.
Gaheen akka mootummaa federaalaatti qabanis gahaa miti jenna. Qabeenyi federaala irraa isaan gahus isaa ol argachuu qabu jenne amanna.
Akka obbo Abdurhamaan jedhanitti kana dura ummatni keenya akkuma qoricha yaalaa malee du'aa turetti ammas du'aa jira jedhan. Kun garuu nuyi irrattis ta'e kan biraa irratti haala kanaan itti fufuu hin qabu jenne amanna.
BBC: Bara isin bosona turtanitti ummatni Somaalee bulchaa naannoo Somaalee duraanii obbo Abdii Illeetiin dararaa argaa akka turan isinis rakkisaa turtan. Amma obbo Musxafeen erga dhufanii as garuu naannichi naannoowwan biroo waliin yoo wal bira qabamu baay'ee jeequmsa hin qabu akkasumas akka nagaan jirutti argina, prezidaantii Musxafeenis karaa kanaa waan jajamanidha. Isin akkamiin madaaltu?
Obbo Ahimad: Obbo Musxafeen erga dhufee nagaan dhufe jechuu keessan irra isin erga mootummaa waliin waliigaltee nageenyaa mallatteessitanii booda nagaan dhufe osoo jettanii irra filatama jedheen amana.
Sababni isaas Obbo Musxafeen nuyi osoo Finfinnee jirruu mootummaa waliin kallattii nagaa irratti erga waliigallee booda kan muudaman.
Nageenyi obbo Musxafeetiin yookiin paartii Badhaadhinaatiin osoo hin taane nuyii fi ADWUItiin raawwatame. Nagaan ABBO'niin dhufe, nagaan murtoo keenyaan dhufe jennee amanna.
Sababni isaas mootummaa waliin falmiitti turre. Hanga nuyi falmii irra turre 'isaaniin ummatni ni deeggara' jechuun ummata darara nuyi waliinis wal waraanaa turan. Obbo Musxafeen gidduu seenani malee nageenyi isaaniin hin dhufne.
Ammas nuyiin malee nagaadhaan hin turu ture. Sababni isaa gochi, ammalli, haasawni fi waa hundi isaanii gara nageenyaatti kan nu geessu miti jedheen amana. Nageenyi kan dhufe kan hundaa'es nuyiini ammas nuyiin jira.
Haata'u malee nageenyi naannoo biraa waliin yeroo wal bira qabamu gaariidha. Kunis murtoo ummata keenyaati. Itoophiyaanotni biroon lammii lammaffaa ta'anii bakkuma jiranitti ajjeefamaa jiru. Somaaleen gatii nageenyaa fi waraanaa waan beekuuf nuyi waan murteessineef har'a nagaan kan ta'e. har'i guyyaa nagaati.
Waan barbaadnu nagayaan kanneen biroo waliin haa mari'annu, nagaan haa deemnu kan jedhu murtoo ABBO waan ta'eef karaa sana deemaa jirra. Ammas itti fufna, nagaan ummata keenyaaf akkasumas Gaanfa Afrikaatiif nagaan akka ta'u Allah gaafanna.
BBC: Bara 2007 qabsoo hidhannoo osoo gaggeessaa jirtanii lammiilee Itoophiyaa 65 fi Chaayinaa 9 bakka albuuda qotanitti ajjeestaniittu. Akkasuas Jigjigaattis halleellaa geessistanii lubbuun namootaa darbeera. Erga gara qabsoo nagaatti deebitanii dhiifama gaafachuu waan qabdan isinitti hin fakkaatuu?
Obbo Ahimad: Biyyuma kam keessattiyyuu waraanni yeroo gaggeefamu lubbuun namootaa ni darba. Nuyi kaayyoon keenya namoota nagaa miidhaa irraan gahuu miti.
Lammiileen Chaayinaa eenyuun ajjeefamani? eenyuun gaafataniitu kan daangaa Ogaadeen seenan?
Osoo isaan hin seeniin dura akkasumas erga seenaniin booda nageenyi akka hin jirre osoo itti himnuu 'lakki' jechuun waan seenaniif nuyi xiyyeeffannoon keenya hidhattoota mootummaa irra osoo jiruu lammiileen Chaayinaa waan ajjeefamaniif mootummaa dha dhiifama gaafachuu kan qabu. Kan isaan fidedha dhiifama gaafachuu kan qabu.
BBC: Garuu kan ajjeese isinidhaam? Kan ajjeefaman isiniin mitimoo?
Obbo Ahimad: Gama lamaaniinuu dhukaasni dhukaafameera. Kanaafuu baaruda isa kamiin akka ajjeefaman hin beekamu. Baaruda eenyuun akka ajjeefaman eenyutu haasa'aa?
Nuyi qafa irratti akka haqan miti. Harka keessaa hin qabnu jennee hin haallu haata'u malee eenyu kan isaan fide?
Lammaffaan ammo itti gaafatamummaa eenyuun dhufani? Itti gaafatama keenyaan hin dhufne, nuyi inumaayyuu akeekkachiisa kennineefii turre ni didan malee. Haata'u malee nuyi dhimma itti dhiifama gaafannuuf hin jiru.
BBC: Waa'ee lammiilee Chaayinaa kana erga jettanii dhiiga dafqaan bultoota lammii Itoophiyaa dhangala'e dhiifama gaafachuuf maaliif humna dhabdani?
Obbo Ahimad: Waraana kanaan lammiileen Itoophiyaa meeqatu ajjeefame? Waraana kanaaf itti gaafatamaan eenyu ture? Nuyi ummata keenya nagaan yeroo dursaa turretti jeequmsa kaasuun ummata kan fixe eenyu? Hunduma isaaf kan dhiifama gaafachuu qabu kan waraana jalqabedha.
Kana hundumaaf itti gaafatamummaa fudhachuu kan qabu mootummaa Itoophiyaa, gaggeessitoota Itoophiyaati. Lammiileen Itoophiyaa asii fi ascii kan wallolaniif itti gaafatamummaa kan fudhatu isaanidha jennee amanna.
BBC: Paartiin keessan qofaa isaa muummicha ministeeraa Abiy Ahmem waliin wal argee beeka? Yeroo dhumaaf kan wal argitan yoom ture? Maal mari'attan?
Obbo Ahimad: Guyyaa kana jedhee sitti himuu hin danda'u. Garuu hanga ani beekutti ji'oota jaha dura galma mootummaatti muummicha ministeeraa Abiy Ahmed obbo Abdurhamaan waliin ture kan mari'atan.
Waa'ee haala biyyaa, filannoo dhufaa jiruu, nageenya, dimokraasii akkasumas waa'ee dhimmoota garaagaraa ture kan kaasanii haala gaariin ture kan mari'atan.
BBC: Filannoon marsaa jahaffaa baatii Caamsaa keessa gaggeeffama. Isinis irratti ni hirmaattu. Dhiyootti miidhaan nu irra gahaa jira.Miseensotni keenya hidhamaniiru. Godinoota Doolloo, Cerer, Shebelee fi Qoraahee dhiibbaan mirga namoomaa jira. Nu dararaa jiru jettaniittu. Ammas rakkoon jira jechuudha? Rakkoon kun filannoo keessaa akka isin baatan gochuu ni danda'a?
Obbo Ahimad: As irratti xiyyeeffannoo gochuun barbaadu odeeffannoo har'a nu gahu irraa akkasuma wantoota arginu irraa filannoo irratti akka hirmaannu jecha guutuu kennuu hin danda'u. Fiixee irra waan geenye natti fakkaata haalotni daddabalamaa jiru.
Fakkeenyaaf amma yeroon yeroo galmee filattootaati, yeroon kun dheeratee jira rakkoo teknikaa ta'uu danda'a, itti yaadamees ta'uu danda'a. Akka odeeffannoo argannutti haalotni hammaataa jiru. Fakkeenyaaf Kaardiiwwan filattootaa naannoo Somaaleef kennamu meeqa akka ta'e akka ergamu boordiin filannoo paartileef beeksisuu qabu.
Kaardii gara buufata filannoo deemu dorgomtootni beekuu qabu. yeroo galmee filannoo irrattis paartileen yookiin morkattootni taajjabdoota yookiin bakka buutota kennuu qabu, haata'u malee bakka garaagaraatti callisanii saanduqoota banaa gadi jiksu. Hanga ammaatti lakkoofsi kaardii nuuf kenname hin jiru. kanaafuu kan kanaan wal qabatan dhufaa jiru.
Mallattooleen garaagaraa mul'achaa jiru. Guyyoota dhufaniif dhaabbatichi walitti dhufee ni mari'ata. Hojjettootnis jalqaba yeroo qacaraman firoomaan, hojjetaa mootummaa irraa yeroo ta'an dhibbaa dhibbatti hojjettoota mootummaa naannoo Somaalee paartii Badhaadhinaa irraati.Salphaadhumatti mootummaaf bitamuu danda'u.
Haata'u malee odeeffannoo homaa osoo hin qabaatiin waan itti fufnu natti hin fakkaatu. Itti yaadanii waan godhanis fakkaata. Dabalataanis paartiin Badhaadhinaa qabeenya mootummaatti fayyadamaa jira.
Dorgomtoota galmeessisiisuu hin dandeenye. Kan galmeessisiisaa jirru as Finfinneetti dha. Kana yeroo gabaasnu ni sirreessina jedhanii turan garuu wanti sirreeffamu hin jiru. Dorgomtoota keenya irra dhaadannoo fi doorsisni irra gahaa jira. Konkolaataa mootummaan duula gochaa jiru maaliif jennee erga gaafannee booda ammoo lakkoofsa gabatee irraa baasuu eegalaniiru.
Kanaafuu haalotni akkaataa kanaan itti fufu yoo ta'e filannoo irratti waan hirmaannu natti hin fakkaatu.
BBC Kaadhimamtoota mmeeqa, eessattis qophhesitaniittu?
Obbo Ahimad: Naannoo Somaalee fi naannoowwan ollaa bakkeewwan sabni Somaalee keessa jiraatan akkasumas magaalaa Finfinneetti dorgomuuf yaadnee ture.
Garuu dogogora kaadhimatoota keenyaan uumameen magaalaa Finfinneetti galmaa'uu hin dandeenye.
Dirree Dhawaatti akka hin galmeesifne ammoo paartii Badhaadhinaan dhorkamne.
Akkas yeroo jennu kaadhimamtootni keenya akka hin galmoofne dhorkamneerra. Hoggantoota boordii filannoodhaan hin galmooftan jedhamneerra. Garba Iissee, Befiitii, Hadegaalaa kaadhimamtootni jedhaman akkas jedhamuun, mallattesifamanii guyyaa sadii erga hidhamanii booda gaggedhiifamaniiru.
Mooyalee, Kasurtuu fi Zolaaxxootti deemnee komishiinii filannoo maaliif nu hin galmeessitan jennee gaafanne jennaan ABBO [ONLF] akka hin galmeesine jedhamnee mootummaan nu ajajeera deebii jedhan nuuf kennan.
Bakkeewwan itti dhorkame heddutu jiru. Hanga ammaatti naannootti buufataalee filannoo 237 fi Dirree Dhawaatti 15 tahan keessaa shan kan tahu irratti doorsifni waan irra gaheef dhiisanii bahaniiru.
BBC: Boordii filannoo waliin sadarkaa naannoo fi federaalatti akka dhagahamuuf hammam deemtaniittu?
Obbo Ahimad: Boordiin filannoo hamma humna isaanii rakkinicha furuuf yaalanii ture. Hiikuu warra dadhaban ammoo Finfinnee deemuun akka galmeesinu godhaniiru.
Rakkoon kun akka hiikamu Aadde Birtukaan Miidhaksaa mootummaa naannoo waliin wal argina, Jigjigaa nan dhufa jettee ture. Hanga ammaatti eegaa jirra. Rakkinichi ni hiikama jennee amanna. Ammas filannoo irraa hafna jechuu miti.
Rakkinichi yoo hiikame filannoo irratti hirmaanna. Yoo hiikamu baate garuu bu'aan isaa hamaa taha.
BBC: Naannoo keessanitti sagalee caalmaa argachuuf carraa akkamii qabdu? Deeggarsa uummataa qabdan yoo ilaaltan? Gosa Ogaadeen qofamo kaanis bakka buutu?
Obbo Ahimad: Nuyi gosa tokko miti. Waan akkasii warri dubbatan ilaalchi isaanii dhiphaadha jennee amanna. Nuyi kan qabsoofne, ammas kan qabsoofnuuf uummata Somaaleefidha. Negeellee, Fiiltuu, Goodduu Akur, Jigjigaa, Dirree Dhawaa keessatti uummata Somaaleef dorgomna. Ni mo'anna jennee abdii guddaa qabna.
Sagalee uummataan kan murtaa'u yoo tahe maaliif kaadhimamaa akka hin dhiyeesine nu dhorku? Maalifis miseensota keenya hidhu?
Nuyi paartii onnee uummataa keessa jirrudha. nama tokkoyyuu hin hiine, nama tokkoyyuu hin ariine. Kanaaf sagaleen filannoo yoo hin burjajjofne %89 sagalee arganna jennee amanna.
Yoo burjaajja'e garuu akkuma Malals dhibbaa dhibba mo'anneerra jedhe nu jechuuf taha.
BBC: Akkasuma osoo filannoodhaan mo'amtan, tole jettanii fudhattanii isa itti aanuuf irratto dorgomuuf qophiin keessan maal fakkaata?
Obbo Ahimad: Dhibbaa Dhibba qophiidha!
Sbabni isaas yeroo qabsoo hidhannoo irraa galle uummattni akkamii bahee akka nu simate osoo argite tahe.
Ammas Qabiridaar, Waarder, fi Nageellee sochii guddaatu jira.
Uummanni keenya akka nu filatu ni amanna. Akka paartiitti yoo mo'amnes ni fudhanna. Isa mo'ate waliin taanee hojjenna.
Misooma uummataaf qabsoo keenya itti fufna, filannoo dhufuuf qophoofna.
Kun kan tahu garuu filannoon bilisaa fi haqa qabeessa tahe yoo gaggeeffame qofaadha. Haala amma jiruun garuu '' mo'anneerra, koottaa nuu mallatteessaa'' yoo nuun jedhan ''burjaajesitaniittu hin mo'annedha'' kan jennu.
BBC: Bara bulchiinsa Abdii Iillee badii gurguddaan isin walin wal qabatan raawwatamaniiru. Adeemsa mana murtii isaa hordoftanii beektuu? Badii isiniifi uummata irra gaheefoo himachuuf yaaddaniittuu?
Obbo Ahimad: Nuyi Abdii Iillees tahe isa dura warra ture irr'attis, hoggantoota ADWUI fi ministerota muummee isa waliin hojjechaa turan mana murtii Afrikaa fi Idil-adunyaa irratti himanneerra.
Uummata Somaalee irras uummata kaan irras miidhaa geesisaniif akka gaafatamaniif himanneerra. Ammas hordofaa jirra.
Kan nama gaddisiisuufi kan namma aarsu garuu Abdii Iillee fi namootni isa waliin turan mana murtiitti kan gaafatamaa jiran miidhaa uummata Somaalee irraan gahan osoo hin taane, Hagayya 4 bara 2019 magaalaa Jigjigaatti miidhaa saba kaaniifi mana amanataa irraan gaheen qofadha.
Kun sirrii miti jechuuf osoo hin taane waan kana dura hojjechaa tureenis gaafatamuu qaba jennee amanna. Ammayyuu hoggantootni TPLF hidhamanii jiran miidhaa uummata Somaalee irraan gahaa turaniif gaafatamuu qabu jennee amanna. Ni hordofna hanga haqni argamutti hin dadhabnu hin nuffinu.
BBC: Gaaffii xumuraan Itoophiyaan haala amma keessa jirtu paartiin keessan akkamitti ilaala? Kaan diigamuuf qarqara irra jirti jedhanii kaasu. Akkasumas amma biyyattiin yerootti tokkuummaa'aa jirtudha jedhanii kan abdatanis jiru.
Obbo Ahimad: Itoophiyaan karaa qaxxaamuraa irradha kan jirtu. Amma paartiin biyya bulchaa jiru gahee guddaa bahachuuqaba jedheen amana. Hirmaannaan paartilee mormituus akkasuma ol aanaadha.
Biyyattiin kun akka amantaa keenyaatti filannoof fiiguu dura waliigaltee biyyaalessaa fidduu irratti xiyyeeffachuu qabdi.
Maaliif? Paartilee gurguddoon filannoo kana irratti hin hirmaatan jechuun ni danda'ama. Maaliif?
Amma Finfinnee jiru. Filannoof yeroo muraasadha kan hafe. Garuu kun mul'ataa hin jiru. Har'a akka kana duraa poosteriin filannoo hin mul'atu.
Uummatni filannoof dhimma hin kennine jechuudha.
Walitti bu'insi Oromoo fi Amaaraa jira. Walitti bu'insi Affaariifi Somaalee jira. Tigiraayis akkasuma rakkoodha. Kuni hundi osoo jiruu waliigaltee biyyaalessaa osoo hin fidiin gara filannootti fiiguun miidhaa hamaa tahe fida jennee amanna.
Waan hunda irrattilee yoo wal tahuu baanne yoo xiqqaate adeemsaa fi hirmaannaa filannoo irrattillee osoo wal taanee jenne amanna.
Ani dhuunfaakoon biyyattiin haala hamaa , haala yaaddessaa keessa jirti jedheen amana.
Waa'ee carraa Itoophiyaa boruu beekaa? Hin beeku. Fuulduratti deemee jiraachuu keenya hin beeku.















