Addi Bilisa Baasaa Ogaadeen hoggansi jalaa hidhamanii rakkoo uumame furuuf mootummaa waliin mariitti jirra jedhe

Madda suuraa, ONLF
Onkoloolessi 21 bara 2020 waggaa lammaffaa Addi Bilisa Baasaa Ogaaden waliigaltee nageenyaa mootummaa Itoophiyaa waliin Ertiraa magaalaa Asmaraatti mallatteessuun gara biyyaatti deebi'uuf murteessedha.
Addi Bilisa Baasaa Ogaadeen (ONLF) Bara 2019 keessa waamicha Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr Abiy Ahmad warra hidhannoon qabsoo gaggeessaa turan dabaatee dhaabbilee siyaasaa biyyoota alaa turaniif taasisaniin biyyatti gale.
Waliigaltee dhaabichi mootummaa naannoo Somaalees tahe Federaalaa waliin qabu karaa nagaa deemaa akka ture Dubbii Himaan dhaabichaa Obbo Abdulqaadir Hasan BBCtti himaniiru.
Haatahu malee, ji'oota sadan darban kana keessa qaamoleen mootummaa naannichaa waliin walitti nu buusuuf yaalan jiru jedhan. Kanaanis qaama nageenyaa naannichaa komatu.
Tibbana ammoo wal gahii Qabirdaaritti gaggeessaniin walqabatee miseensotni hoggansa isaanii ol-aanoon sadii jalaa hidhamuu dubbatan.
Dubii himaan kun karaa nagaa walgahii gaggeessuf jecha bulchiinsa magaalaa Qabirdaar irraa eeyyama fudhanne jedhan.
''Walgahichis karaa nagaan gaggeeffamaa ture. Qabeenyi manca'es tahe jeequmsi gaggeeffameeru hin jiru.''
Garuu hoggansa nama sadii achitti nu jalaa qabanii deeman jedhan Obbo Abdulqaadir.
Akka isaan jedhanitti hoggantootni hidhaman sadan hogganaa waajjira dhaabichaa kan Qabiridaar, Mohammad Tigireefi itti-aanaa isaanii. Kan sadaffaan miseensa hojii raawwachiistuu gameessa Mohaammad Ibraahim Morsalidha.
Isaan walgahiin gaggeeffame seera qabeessaafi eeyyama mootummaanidha haa jedhan malee mootummaan naannichaa garuu 'seeraan ala' jedhe.
Obbo Umar Faaruk Itti-gaafatamaan Itti-Aanaa Waajjira pirezidaantii naannichaa namootni hidhaman seera cabsanii waan argamaniif jedhan.
Magaalaa Qabiridaaritti mootummaa irraa eeyyama osoo hin fudhatiin walgahii waaman. Mootummaa irraa eeyyama hin arganne waan taheef poolisiin akka gara galmaatti hin galle dhorkus 'cabsanii seenan' jedhan.
Dabalataan yeroo weerarri koroonaavaayirasii jiru kanatti namoota baa'yee waan walitti qabaniif poolisiin tarkaanfii seera kabachiisuuti kan fudhate jechuun sagantaa BBC Afaan Somaaletti himan.
Dubbii himaan ONLF Obbo Abdulqaadir mootummaa naannoo Somaaleefi mootummaa Federaalaa waliin akka rakkoon jiru furamuufi namootni qabaman gadhiifamaniif waliin dubbachaa jirras jedhan.
Waliigaltee nageenyaan booda loltoonni ONLF eessa jiru?
ONLF bara 1984 hundaa'uun qabsoo hidhannoo gaggeessaa akka ture odeeffannoowwan ni mul'isu. Kunis Ogaadeen keessatti ol aantummaa qabachuufi biyya of dandeesse hundeessuuf waraanaa akka turan agarsiisa.
Dhaabichi hanga waliigalee nageenyaa mallatteessee biyyatti deebi'utti waggoota 40 oliif akkuma dhaabbilee siyaasaa kan akka Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) hidhannoon qabsoo gaggeessaa tureera.
Hanga waggaa lama dura MM Abiy Ahmad aangootti dhufanii waamicha taasisuun gara qabsoo nagaatti deebiyuttis hidhannoon mootummaa Itoophiyaa waliin wal lolaa tureera ONLF.
MM Abiy erga aangootti dhufanii paartileen akka ABO, Ginbot 7 fi ONLF hidhannoon qabsaa'aa turan hiikkachuun karaa nagaa gara biyyaatti seenuun akka qabsaa'uu danda'an waamichi taasifameefii ture.
Kanumaan ONLF waliigaltee nageenyaafi waraana dhaabuu Asmaraatti Onkoloolessa 21 bara 2019 walii mallatteessanii gara biyyatti galan.
Kana hordofee dhaabnisaanii loltoota isaa duraanii 4,000 hanga 5,000 tahan hiikkachiisee akka jiru Dubbii himaan ONLF Obbo Abdulqaadir BBCtti himaniiru.
Loltootni kunneen gara qabsoo nagaatti akka deebi'aniif hidhannoo hiikkachiisee deeggarsa mootummaan leenjii haaromsaa fudhachaa turuu isaanii himaan.
Adeemsi loltoota kanneen gara hawwaasatti makuu garuu ammayyuu kan xumurame miti jedhu.
Sababni guddaan ammoo loltootni waggoota dheeraaf hidhannoon turan yeroo gara hawwaasaatti makaman madda galii ittiin jiraatan eessaa fiduu kan jedhudha.
Loltootni leenjii haaromsaa fudhatan gariin ammoo fedha isaaniin poolisii addaa naannoo Somaaleetti makamaniiru jedhan.
Kanaaf jedhan Obbo Abdulqaadir, pirojektota qopheessuun mootummaa waliinis waliigaltee waan qabnuuf rakkoo kanaaf furmaata kennuuf hojjechaa jirra garuu ariifachiisuu barbaachisa jedhan.
Loltootni leenjii haaromsaa fudhatan garuu fedha isaaniin gara hawwaasaatti makamuu danda'u jedhan.
''Waan ittiin jiraatan argachuu qabu. Pirojektiin yaadameeru jira. Mootummaan Federaalaa haaromsa isaaniif bajata ramadanii ture. Naannoon Somaalees pirojektii isaaniif karoorsan qabu. Garuu hanga ammaatti hin jalqabne,'' jedhan Obbo Abdulqaadir.
Kana malees naannoo Ogaadeenii namootni baqatanii biyyoota ollaa kan akka Keeniyaa, Jibuutii, Yamaniifi Sudaan jiran akka deebi'aniif mootummaa naannoo Somaalee waliin mari'achaa jirra jedhan.
ONLF filannoo biyyaalessaa Itoophiyaa irratti hirmaachuuf
ONLF erga 1994 irraa eegalee waraanatti cicheen as yeroo jalqabaaf filannoo biyyaalessaa Itoophiyaa irratti hirmaachuuf qophii tahuu isaa beeksiseera.
Paartichi akkuma ABO fi Ginbot 7 bara 2011 keessa mootummaa Itoophiyaan shororkeessummaan galmeessee ture.
Paarlaamaan Itoophiyaa erga MM Abiy aangoo qabatanii paartilee kaneen galmee shororkeesitootaa keessaa baasuuf murteesse.
Waggoota 25 boodas waajjira isaa jalaa cufamee ture magaalaa Finfinnee keessatti bara darbe banachuun hojii eegalsiiseera.
Paartichi amma heeraa mootummaa kabajuun karaa seera qabeessa taheen filannoo dhufu kana irratti hirmaachuun akkaataa sirna federaalizimii biyyattiin hordoftuun naannoo Somaalee cimtuu taatee ijaaruu barbaanna jedhan Obbo Abdulqaadir.
Boordii Filannoo Biyaalessaa irraas beekamtii fudhannee sadarkaa naannoofi biyaalessaatti sochii taasisuuf qophiidha jedhan.
Mirga ofiin of bulchuu uummata keeyaa akkaataa heera mootummaa irra taa'een mirkaneessuufi filannoo irrattis karaa kanaa hirmaachuu barbaanna jedhan Obbo Abdulqaadir.
Dubbii himaan kun akka jedhanitti haaromsi MM Abiy Ahmad jalatti dhufe ''gara jalqabaa gaarii ture. Garuu rakkoowwan jiran hunda furuuf mariin biyyaaleessaafi naannootti gaggeeffamuun barbaachisa.''
Itoophiyaan filannoo bara 2020 keessa gaggeessuuf turte sababa weerara koroonaavaayirasiin osoo hin gaggeessin fuulduratti dabarsiteetti.
Amma ministerri Fayyaa biyyatti of eeggannoodhaan filannoon gaggeessun danda'ama jedheera.















