Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hariiroo Itoophiyaafi Sudaan: Hoogganaan Itti aanaa Sudaan Hemetiin Itoophiyaa seenan
Dura Taa'aan Itti aanaa Mana Maree Ce'umsaa Sudaan Mohaammad Hamdaan Degoloo Ministira Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa waliin Finfinneetti wal argan.
Erga waggaa darbe gama Kaaba Lixaa daangaarratti biyyoonni lamaan muddama seenanii as qondaalli olaanaa Sudaan yeroo Itoophiyaa daawwatu kuni yeroo duraatiifi.
Daawwannaan kuni osoo biyyoonni ollaa walii ta'an garuu rakkoo garaagaraa keessa jiran kunneen, dhimma daangaa akkasumas Hidha Abbayyaa Itoophiyaan ijaaraa jirtuurratti waldhibdee qabaniiti.
Miidiyaan biyyaalessaa Itoophiyaa ETV'n akka gabaasetti Dagoloon yeroo Finfinnee seenan qondaaltota Itoophiyaan simatamaniiru.
Kunneenis, Ministira Raayyaa Ittisaa Itoophiyaa Dr Abrahaam Balaayiifi Daarektara Tajaajila Tikaafi Odeeffannoo Biyyaalessaa Obbo Tamasgan Xurunaadha.
Qondaalli waraanaa olaanaa Sudaan maqaa masoo Hemetii jedhamuunis kan waamaman yoo ta'u hogganaa cimaa lammataa Sudaanidha.
Dagoloon ajajaa humna waraanaa sodaatamuufi cimaa ta'e Raappid Sapport Forsiis (RSF, Humna Tumsaa Saffisaa) jedhamuun beekamuuti.
Qondaalli Sudaan kuni guyyoota lamaaf kan turan yoo ta'u ''qondaaltota Itoophiyaa garagaraa waliin walargu'' jechuun miidiyaan mootummaa Sudaan SUNA gabaasera jechuun kan hime AFP'dha.
Itoophiyaa fi Sudaan bara bulchiinsa Omaar al-Bashir hariiroo cimaa horataniis, erga bulchiinsi haaraa dhufe booda qondaaltonni Itoophiyaa warri Sudaan Masrii caalsifatanii jechuun komatu.
Waraana Tigraayitti eegale hordofee Sudaan waraana ishii bakkeewwan Itoophiyaan lafa koo jettutti erga bobbaaste booda, biyyoonni lamaan muddama seenaniiru.
Hidhi Haaromsa Abbayyaa Itoophiyaan waggaa lamaaf walitti aansitee guutteefi yeroo muraasa booda elektirikii maddisiisuufi jedhames madda waldhabdee biyyoota kanaati.
Booda kanammoo fonqolcha mootummaa raawwachuun aangoo ofii isaa kan to'atee waraanni Sudaan, finciltoota Tigraay kan waraana Itoophiyaa waliin wallolaniif dahoo kenneera jechuun Itoophiyaan himatti.
Himannaa kana mootummaan Sudaan hin fudhatu. Inumaa booda kana Hoogganaan Sudaan finciltoota TPLF hin deeggarru jechuun ibsani.
Rakkoo daangaa Itoophiyaa waliin qabaniis karaa nagaan akka furan himaniiru.
Haa ta'u malee, Sudaan mataan ishii erga fonqolchi raawwatee nagaa dhabuu ishii biyyoota Lixaas yaaddesseera.
Ministirri Muummee Sudaan Abdallaa Hamdookis erga hidhaa bahanii, waraana biyyattii waliin araara buusanii aangootti debi'aniis waliigalteen siyaasaa dhufuu hin dandeenye.
Eegasii dhihoo kana hogganaan Sudaan Janaraal Abdal Fettaa al-Burhaan kaabinee ministeerota 15 qabu hundeessaniiru.
Haala Itoophiyaafi Sudaan itti jiran
Biyyoonni ollaa walii ta'an lamaanuu haala rakkisaa keessa jiru. Lamaanuu Labsii Yeroo Muddamaa jala jiru.
Itoophiyaan waraana Kaaba biyyattii Tigraayitti eegaleefi badii guddaa geessise mariin akka xumurtuuf biyyoonni garagaraa sochii taasisaa jiru.
Hanga yoonaa garuu dhukaasi dhaabatee mariin eegalame hin jiru.
Sudaan kan waggaa lama dura Pireezidantii waggaa 30'f aangorra ture mormii ummataan buqqaasuun mootummaa ce'umsaan bulaa turtemmoo mormiitti deebiteetti.
Onkololeessa keessa waraanni biyyattii silaa baatii tokko booda aangoo isaa bulchinsoota siviliif dabarsa osoo jedhamuu, fonqolcha raawwachuun bulchiinsa sivilii hunda hidhaa buuse ture.
Eegasii MM Abdallaa Hamdook hidhaarraa gadhiisuun aangootti deebise. Ta'us, Hamdook dhihoo aangoorraa ka'an.
Ta'us, ammallee mormiin hin dhaabbanne. Waraanni biyyattii kanneen mormiif hiriira bahan ajjeesuun himatama.