Barsiistuu duraanii Yunvarsiitii Heelsinkii amma Naqamtetti loon horsiisan, Dr Alamtsahay

Madda suuraa, Dr Alamtsahaay Tasfaa
Doktor Alamtsahay Tasfaa Gammadaa maanguddoo ganna 73 yoo ta'an, magaalaa Naqamteetti loon aannanii horsiisu. Maaltu ka'umsa akka ta'eef wayita himan: ''Mul'ata haadha koon milkeessuuf'' jedheen Naqamteetti loon horsiisaa jira jedhan.
Haati isaanii Finfinneerraa gara Naqamtetti deebi'anii umurii dullumaa keessa loon horsiisuuf osoo yaadanii akka du'aan darban dubbatu.
Dr Alamtsahay eenyu?
Doktor Alamtsahay magalaa Naqamteetti dhalatanii guddatan. Amma kutaa saddeeti mana barnoota Biiftuu Naqamtettii baratan. Sana booda magaalaa Bishooftuutti kutaa 12ffaa xumuruun, ogummaa fayyaa beeyladaa achuma Bishooftuutti baratan.
Bara 1975 maatii isaanii waliin biyya Fiinlaand dhaquun ganna 30tti dhiyaatuuf biyyattii keessa jiraatan.
Digirii lammaffaafi sadaffaas achuma Yunvarsitii Heelisinkitti baratan.
Sana booda dhaabbata qorannoo fayyaafi nyaata horii Finlaand keessattis qorannoo gaggeessaan ture jedhu. Ijoollee sadii horatanii fi akkawoo isaanii shan Fiinlaanditti horataniiru.
Dr Alamtsahayi ganna 30tti dhiyaatu booda Finlaandirra gara biyyaatti deebi'uun iddoo dhaloota isaanii kan taate magaalaa Naqamteetti ALI bara 2002 eegaluun hanga har'atti hojjataa jiru.
Yeroo sanatti loon aannanii fooyya'oo dhabuun waggoota muraasaaf hojii hin eegalle ture.
Amma loon sanyii fooyya'oo waliigalatti 34 qabu.

Madda suuraa, Dr Alamtsahaay
Bara darbe dhibeen loonii isaanii ajjeesu hordofee, oomishni aannanii isaanii hanga hir'atera akka isaan jedhanitti.
Yeroo kaan loon aannanii kanarra aannan hanga liitira 100 ol akka argatan dubbatu. Yeroo ammaatti oomshni aannanii isaanii kanaa gaditti hir'ateera.
Kanaaf qonnaan bultoota naannoo irraa aannan bitanii kan loon isaanirra arganitti dabaluun paascharalizii godhanii maamiltootaaf dhiyeessu.
Aannan qonnan bultootarra argamuufi loon isaaniirra argamu walitti dabaluun torbanitti guyyoota lama maashinaan paascharalayizi godhu. Naannichatti itittuun fudhatama guddaa qaba.
Maamiltoonni isaanii biroo ammoo aannan paascharalizii ta'e, dhadhaafi baaduu irraa bitatu. Taatullee Naqamtettii dhiyeessiin aannanii kan maamiltootni barbaadaniin wal hin simu. Doktor Alamtahaay Naqamtetti dhiyeessi aannanii magaalichatti wayyeessuuf dhama'aa jiru.
Maashina aannaan paastaralizii godhu biyya hambaati galchan magaalichatti dhaaban. Maashina sana deeggarsa doolara Ameerikaa 290,0000 arjoomaan argatan irratti maallaqa dhuunfa isaanii harka lama dabalachuun gara biyyatti galchan akka isaan himanitti.
Hojiichi gamsiisaa ta'uu kan himan Dr Alamtsahaay, fakkeenya gaarii ta'uuf carraaqu.
Umurii dullumatiin hojiiwwan giddugala kana keessatti hojjatamu keessatti hirmaatanii akka hojjatan dubbatu. Carraa hojii namoota 24 uumuu kaasaniiru.
Dhiyeessii nyaata loonii qaala'uun danqaa hojii isaanirratti uumuu dubbatu.
Nyaata loonii Sulultaarraa bitanii looniif akka dhiyeessan eeruun, tibbana hongeen Kibbaafi Baha Oromiyaatti mudate ittuu gatiin margaa akka qaala'uu taasise jedhan.
'Horii keenya kottee qofa hin lakkoofnu'
Itoophiyaan qabeenya looniitiin addunyaarratti sadarkaa jalqabaarratti argamtullee loon aannaan gahaa akka laataan irratti hin dalagamne jedhan Dr. Alamtsaay.
Dr Amatsahaay loonfi aannanii addatti fooyyeefamu akka qaban gorsan.
Qaamni xiyyeeffannoo guddaa kennee irratti hojjatu garuu ''akka hin jirre'' kaasan. Akka duriitti loon kottee ishee qofa lakkaa'uu hin qabnu jedhan.
Fiinlaand ammoo biyya oomisha aannaniitiin milka'aan keessatti argamti.
Fiinlaand dhaabbilen qorannoo fayyaafi nyaata beeyldatootarratti gaggeessan dhaabbilee fayyaafi nyaata namaa qo'atan waliin waldubbisanii hojjatu jedhan.
Fiinlaand bu'aawwaan horiirra argaman uummata biyya isheef dhiyeessuurra dabartee biyyoota hambaatti akka ergitu akka fakkeenyaatti eeran.
Ogeeyyiitti fayyaa beeyladaa yunvarsiitii Heelsinkitti barsiisaa turan Dr Alamtsayi, muuxannoo biyya hambaatti argatan irraa ka'uun haalli horsiisa beeylada Itoophiyaa fooyyeessuun akka barbaachisu gorsaniiru.
Keessattuu dhukkuba loon dursa ittisuu fi nyaata looniirratti hojjatamuu qaban jedhu.














