Dhaabbanni horsiisa loonii Kooriyaa Kibbaa beeksisa dubartootaan hojjateef dhiifama gaafate

Fakkii viidiyoo dhaabbatichaan hojjatame booda waan dheekkamsa kaaseef jecha haqame irraa fudhatame

Madda suuraa, Seoul Milk

Dhaabbanni bu'aalee loonii Kooriyaa Kibbaa guddichi erga dubartoota akka looniitti mul'suun beeksisa hojjateen booda dheekkamsi waan ka'eef dhiifama gaafachuuf dirqame.

Viidiiyoon dhaabbata aannan Seoul akka agariisetti namtichi tokko garee dubartootaa dirree keessatti akka looniitti fakkeessee wayita dhoksaan waraabu mul'isa.

Dheekkamsa ummataa erga kaaseen booda dhaabbatichi viidiyoo sana YouTube irraa haqe. Haata'u malee viidiyichi fayyadamtoota intarneetiin garmalee qoodamee ture.

Namoonni muraasnis amala natichaa akka waan seeraan ala dhokate namoota waraabuutti fudhatan.

''Beeksiisa aannanii baatii darbee gaafa guyyaa 29 dabarsinee turreen isinitti dhagahameef cimsiinee dhiifama gaafanna,'' jedhe dhaabbanni Hojii Gamtaa Aannan Si'uul barreeffama karaa intarneetiin dhiifama ittiin gaafate keessatti.

''Dhimma kana cimsinee ilaaluun xinxala keessoo ni gaggeessin. Gara fuula duraatti taateen walfakkaatu akka hin mudaneefis of eeggannoo cimaa ni taasifna. Mataa keenya gadi qabannees dhiifama jenneera,'' jedheera.

Warraabbiin suur-sagalee sunis nama baadiyaa keessa deemuun eegala. Ittaansees, ''Dhumarrattis kunoo kaameeraa keenyaan lafa qulqulluu kanarratti isaan argachu dandeenyeera,'' jedha sagaleen dhiiraa tokko.

Kunis nama bosoona keessa dhokachuun garee durabtootaa burqituu keessaa dhuganiifi yoogaa hojjatan viidiyoo waraabuun hordofame.

Namtichi akka tasaa yoo muka irra dhaabbatu battalumatti dubartoonni gara saawwaniitti geedaramu.

Beeksiisichis jecha, ''Bishaan qulqulluu, nyaataa umamaa, Aannanii Si'uul %100 qulqulluu. Aannaan umamaa dirree marga umamaa Cheongyang irraa'' jechuun xumura.

Maxxansa YouTube irra dabri
Qabiyyee Google YouTube hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Google YouTubeimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa YouTube

Beeksiisi sunis dhimma ilaalcha saalaa irratti mormii biyyaaleessaa kaase. Qeeumsii irratti ka'ees dhimma dubartoonni akka saawwaniitti ibsamuu qofaa hin turre.

Kaan ammoo waa'ee namticha dhoksaan dubartoota viidiyoo waraabuu, haala yakka barbaastuu kan yeroo dhiyoon asi Kooriyaa Kibbaa keessatti dabalaa jiruu irratti yaaddoo qaban kaasan.

''Icciitiin kaameeraan waraabamuun'' (Molkaa) ammoo dhimma dhugaatti Kooriyaa Kibbaa keessaatti rakkina dubartootaa ta'eedha.

Fakkii beeksiisa wal falmisiisaa sanarraa wayita namtichi dubartoota waraabu fudhatameedha

Madda suuraa, Seoul Milk

Dhaabbanni omisha Aannaanii Se'uul kunis beeksiisa dogongoraa yoo hojjatu kun kan jalqabaa miti.

Bara 2003 keessas, dhaabbatichi moodeeliiwwan qollaa jiran wayita ittiituu waliitti facaasaan kan agarsiisuun beeksiisa hojjatee ture.

Dhaabbatichatti ittigaafatamaan kutaa daldalaa fi moodeeliiwwan taatee sana irratti hirmaatanis gochaa fudhatama hin qabne raawwachuuf adabamanii turan.