Kooriyaa Kibbaa: Waraana Kooriyaa dhaabuuf qajeeltoon bu'uuraa kaa'ameera

Pireezdantiin Kooriyaa Kibbaa Moon Jae-in Kooriyaa Kaabaa waliin waliigaltee waraana goolabuurra ga'an

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Pireezdantiin Kooriyaa Kibbaa Moon Jae-in Kooriyaa Kaabaa waliin waliigaltee waraana goolabuurra ga'an

Kooriyaan Kaabaa fi Kibbaa akkasumas US fi Chaayinaan waraana kooriyaa dhaabuurratti qajeeltoo waliigaltee isa bu'uura ta'erra ga'uu Pireezdantiin Kooriyaa Kibbaa Moon Jae-in ibsan.

Garuu fedhiin Kooriyaa Kaabaa waan baayyateef ammallee gara mariitti hin seenamne jedhan.

Bara 1950-1953'tti kan ture waraanni Kooriyaa wayita xumuramu waliigaltee dhukaasa dhaabuutiin malee nagaan akka bu'uuf waliigalteen mallatteeffame hin turre.

Ergasii dhukaasi bara sanaa dhaabbatees biyyoonni lameen walwaraansumatti jiru, hariiroon biyyoota lameeniis walqoollifannaa fi rifaatuudhaan kan guutamedha.

Chaayinaan-Kooriyaa Kaabaa, US-ammoo Kooriyaa Kibbaa tumsuun waraanicha hammeessaa turaniiru.

Dureen Kooriyaa Kibbaa kun bara gadaasaanii keessatti hojii ijoodha jedhanii kan qabatan-Kooriyaa Kaabaa waliin waraana dhaabuu-irratti xiyyeeffachuun hojjechuu himan.

Waraanni kun akka goolabamu seeraan labsuun ammoo Kooriyaan Kaabaa gabbisa meeshaalee waraanaa niwukilaraa akka dhiistuuf daandii saaquu qaba jechuun dubbachaa turan.

Yeroo ammaa daawwannaaf Awustiraaliyaa kan jiran Pireezdant Moon, wayita Canberra irraa ibsa gaazexeessitootaaf kennan kana dubbatan.

Ibsa kan kennan Ministira Muummee Awustiraaliyaa Scott Morrison waliin.

Dhimma kanarratti hanga yoonaa gama Kaabaatii wanti dhagahame dhibus, Fulbaana darbe garuu obboleettiin bulchaa Kooriyaa Kaabaa Kim Yo-jong, mariidhaaf qophii ta'uu himtee turte.

Garuu haalduree isheen keesse keessaa inni ijoon, US imaammataa fi tarsiimoo diinummaa Kooriyaa Kaabaarratti qopheeffatte akka dhaabdu kan jedhu ture.

US gamasheen Kooriyaan Kaabaa qoqqobbiin akka irraa ka'u yoo barbaadde meeshaalee waraanaa niwukilaraa yaa dhiistu jechuun irra deddeebitee dubbatti.

Sochii araaraa Pireezdant Moon taasisaa kana Ameerikaan onnee guutuun hin fudhanne.

Goorsaan Tika Biyyalessaa US Jake Sullivan biyyisaanii duraa duubaa fi yeroo marii nageenyaa kanarratti yaada biraa qabaachuu akka dandeessu himanii turan.

Michuu Kooriyaa Kaabaa yeroo dheeraa kan taate Chaayinaan garuu waliigaltee waraana dhaabuu Kooriyaan Kibbaa itti cichitee hojjechaa jirtu kana guutummaatti akka deeggartu ibsiteetti.

Waraanni Kooriyaa bara 1950 kan eegale yoo ta'ut, bara sana jalqaba Kooriyaan Kaabaa loltoota 75,000 bobbaaste.

Waraanni eegalee ji'oota itti aanan keessatti Ameerikaan Kibba, Chaayinaa fi Raashiyaan ammoo Kaaba deeggaruun waraanichatti makaman.

Waraana sanaan loltoonni fi lammiileen gamlachuu walumaagalatti miiliyoona shan ta'an dhumaniiru.

Bara 1953 ammoo waliigalteen dhukaasa dhaabuu mallattaa'e, yeros Kooriyaan Kibbaa hin mallatteessine turte.