Namtichi Kooriyaa Kaabaa daangaa erga ce'ee booda Kooriyaa Kibbaatti qabame

Madda suuraa, AFP
Kooriyaan Kibbaa lammii Kooriyaa Kaabaa daangaa biyyoota lamaan jidduu jiru ce’uun shakkame to’annoo jala olchiteetti.
Kibxatarra yeroo inni zoonii waraanarraa bilisaa DMZ kan shiboon marsamee fi boombii awwalameen guute keessa darbutti looltoonni sa’aaatii sadiif isa adamsaniiru.
Amma biyyattii ganee baqachuufi dhiisuu isaa qorachaa jiru.
Bakka DMZ kana keessa darbanii baqachuun yeroo hedduu kan hin baramne ta’us Sadaasa darbe wanti wal fakkaataan uumameera.
Namichi kun Kibxata akka biyyattiitti waaree booda sa'aatii 10:20 irratti keellaa baha DMZ irratti argame. Hanga ammaatti lammii nagaa ykn miseensa waraanaa ta’uun isaa adda hin baafamne.
“Lammii Kooriyaa Kaabaati jedhamee shakkama, akkamiin akka as dhufe, biyya isaa ganuu yoo barbaadeti ta’ee fi wantoota biroo irratti qorannoo gaggeessaa jirra,” jechuun qondaalli waraanaa ibseera.
Dabalataaniis dhimma nageenya daangaa irratti qorannoo ni taasisna jedhaniiru.
Sadaasaa darbe dallaa daangaa irraa utaalee DMZ keessa ce’uun atleetii namni ture tokko biyya isaa ganeera.
Akka gabaasa miidiyaalee Kooriyaa Kibbaatti, akkaataa namichi daangaa itti ce’e jedhee hime mirkaneessuuf angaa’ootni si’a hedduu lammiin Kooriyaa Kibbaa kun akka utaalu taasisanii ture.
Qorannoon taasifame meeshaa to’annoo sochii daangaa irra ture rakkoo teeknikaa waan qabaateef namichi akka utuu hin argamiin daangaa qaxxaamuru taasisuu isaa argateera.
Meeshaan to’annoo sochii daangaa Kooriyaa Kibbaa irra jiru kun yeroo wanti tokko dallichatti bu’u looltoota kan beeksisu ture.
Bara 2011’tti erga aangotti ba’ee booda, hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kim Joong-un daangaa Kooriyaa lamaanifi Chaayinaa jidduu jirutti murtee akka boombii dabalataa awwaaluu fudhachuun to’annoo daangaa dabaleera.
Bulchiinsa himannaa sarbama mirga namoomaa hedduu qabdu kana baqachuun waggaa waggaatti namootni 1000 ta’an Kooriyaa Kaabaa gananii ba’u.
Lammileen Kooriyaa Kaabaa hedduun, yaaddoon deebi’anii biyyattitti ergamuu utuu jiru kan baqatanii ba’an karaa daangaa Chaayinaatiini.
Karaa DMZ’n daangaa ce’uun hedduu cimaadha. Utuu daangaa ce’uu yaalanii yoo waraana Kooriyaa Kaabaan argamanii to’annoo jala oolan, namootni baqachuu yaalan kun gara wiirtuu to’annootti geeffamuun ni qoratamu.
Kaampii humnaa keessaa waggootii dheeraaf akka hojjataniif itti murtaa’uu danda’a.
Daangaan kunifi dallaan kaa’ame erga Waraanni Kooriyaa bara 1953tti xumuramee jalqabee jira.
Lolli Kooriyaa Kaabaa fi Kibbaa waligaltee nagaan waan hin xumuramneef ammallee akka waraanatti jiranitti ilaalama.













