Qondaalli Kooriyaa Kaabaa gane Kooriyaa Kibbaatti teessoo paarlaamaa argate

Defector and former North Korean diplomat Thae Yong Ho

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, He was running as the opposition United Future Party's main candidate in Gangnam

Biyyoonni Kooriyaa lamaan hariiroo ijaaf-adaamii qabaachaa turaniif lammileen isaanii biyya gananii daangaa ce'aa turan.

Lammileen Kooriyaa Kaabaa 33,000 ol miliqanii Kooriyaa Kibbaa jiraatu.

Tahi Yoong-ho garuu qondaalaa olaanaa ta'uusaa qofa miti waanti adda isaa taasisu.

Biyya ganee yeroo duraaf nama teessoo paarlamaa Kooriyaa Kibbaa argate ta'uusaati.

Obbo Tahi duraan otoo biyyasaanii hin ganiin UK keessatti itti aanaa ambaasaddara Kooriyaa Kaabaa turan.

Qondaala biyyatti olaanaa biyyatti dhiisanii miliqan kun waggaa afur dura maatisaanii dabalatanii gara Kooriyaa Kibbaatti miliqan.

Filannoo biyyatti Kooriyaan Kibbaa sababa weerarrii koroonaavaayirasiif otoo hin haqiin kaleessa gaggeessiteeratti kaadhima ta'anii dhiyaataniiru.

Tahi magaalaa guddoo biyyatti Seeholi, araddaa Gaangnaam jedhamutti paartii morkitaa bakka bu'uun dorgome.

Lammileen biyyattis golgaa harkaafi maaskii funyaatti keewwatanii sagalee kenna oolan.

Milkaa'efi sagalee harka caalmaa(58.4%)argachuun wayita injifachuu dhag'e bo'aa, imimmaan buusaa ture.

Defector and former North Korean diplomat Thae Yong Ho

Madda suuraa, Getty Images

Sagaleen filannoo hin kennamiin dursee waa tokko dubbate,Ani dorgommiif dhiyaachuun koo bulchitoota Kooriyaa kaabaaf dhaamsa ta'a jedhe.

'Egeree keessaniif karaan biraas jira' jedheen. Badaa, jalaa miliqaa jechuu barbaadera.

Erga Koriyaa Kibbaatti miliqee maqaa haaraas argateera'' Ku-min' jedhama Obbo Tahi. Kana jechuunis'lubbu baraaraa 'akka jechuuti.

Wayita duula filannooos namoota walitti qabamaniif shubbisee achumaanis deeggarsas sassaabata ture.

Dorgommii filannoo kanas paartiin pirezedant Moon Jey-in akka teessoo paarlaama biyyatti 300 keessaa teessoo 163 argachuun injifannoo deebi'e gonfate.

Weerara koronaavaayirasii to'achuuf deebiin kennan filannoo kana akka injifataniif isaan fayyadeera jedhameera.