Oomisha avokaadoo Keeniyaa qalbii warra gurmaa'anii saaman hawwachaa jira

Keeniyaa keessatti hojiin daldala omisha avokaadoo qalbii garee warra gurmaa'anii yakka raawwatanii hawwataa jira.
Oomishi muka avokaadoo tokkorraa argamu waggaatti hanga doolaara Ameerikaa 600 argamsiisa.
Fedhiin avokaadoo gabaawwan Awurooppaa fi Ameerikaa irratti akkaan dabaluu hordofee Keeniyaan oomisha avokaadoo irratti xiyyeeffatteetti.
Keeniyaan bara darbe biyya oomisha avokaadoon sadarkaa jalqabaarra turte Afrikaa Kibbaa caaluun, Afrikaa keessaa avokaadoo biyya oomisha avokaadoon tokkoffaarra jirtu taateetti.
Muka avokaadoof maqaa ''worqee magariisa'' jedhu kan kennite Keeniyaan, qonnaan bultoonni biyyattii oomisha kana garee gurmaa'anii yakka raawwatan irraa ittisuuf jecha humna nageenyaa mataasaanii hundeessuun eegumsa taasisaa jiru.
Keeniyaa,Giddugala oomisha avookaadoo Muraangaatti xiqqoo aduun dhiinaan dargaggoonni hidhannoosaanii guuttatanii eegumsaaf ba'u.
Hattoonni humnaa ol kan itti ta'an dargaggoonni kunneen ulee, gajaraa fi waan qaban hunda qabachuun ofirraa eegu.
Dargaggoonni kunneen oomisha avokaadoo akka eeganiif kan qacaran warra qabeenyaati.
Hoji balaafamaa kan hojjetan dargaggoonni kunneen, yeroo baayyee miidhaan isaanirra ga'a, kan lubbuu dhabanis jiru.
Qonnaan bultoonni humna kana kan ijaarre jaallannee osoo hin taane dirqamneeti jedhan.

Gareen qindaa'anii avokaadoo saamuuf halkan halkan bobba'an lakkoofsi isaanii guyyuu dabalaa jiraachuu himan qonnaan bultoonni kunneen.
''Lubbuu keenya oollfachuuf kana goona. Kan nama gaddisiisu ammoo nuti namoota kunneen ofirraa qolachuuf jecha du'aa jiraachuu keenya,'' jedhe qonnaan bulaan tokko.
Lafa iskuweer meetirii kuma lama irratti avokaadoo kan oomishu qonnaan bulaan kun, ooyiruusaa xiqqoo kanatti mooraa ijaaruun eegumsa gochaa jiraachuu hima.
''Oomisha nuti waggaa guutuu itti dadhabnee kunuunsaa baane wayita inni ija godhatee walitti qabuuf ga'u hattoonni guyyaa tokkotti dhufanii hunda saamanii deemu,'' jechuun rakkocha hagam hammaataa akka ta'e hima.
''Mooraa hagam cimaa ta'e yoo ijaartellee utaalanii seenu, yookiin cabsanii saamu,,'' jedhe qonnaanbulaa kan biraan.
Qonnaan bulaan kun rakkoon kun qonnaan bultoota hunda bira akka hin geenye sodaata, namoonni hedduun kanneen avokaadoo oomishan jala galuun hojjetanii jireenyasaanii gaggeessu, kaan ammoo ooyiruu xiqqoollee taatu kan mataasaanii oomishanii ittiin jiraatu.
''Yoo nuti battalaaf dagannee hirriiba rafne, maatiin keenya waan afaan kaayyatan dhaban jechuudha,'' jedha.
Keeniyaa keessatti oomishi avokaadoo kan walitti qabamu Guraandhala irraa eegalee hanga Onkoloolessaatti yoo ta'u, hattoonni garuu osoo sirriitti hin ga'in dheedhiisaa guuranii rakasa gurguratu.
Mootummaan Keeniyaa rakkoo kana furuuf jecha Sadaasa irraa hanga Muddeetti oomishi avokaadoo gara alaati akka hin ergamne dhorkee ture.
Ta'us garuu seerri kun hagas mara hojiirra hin oolle, gareewwan yakkaa qindaa'an kunneen jalaa ba'uuf jecha oomishtoonni avokaadoo yeroon osoo hin ga'in oomishasaanii walitti qabuuf dirqamaniiru.
Ministeerri Daldalaa Keeniyaa akka jedhutti, oomishtoonni avokaadoo bara darbe qofa doolaara Ameerikaa miiliyoona 132 galchaniiru.














