Naayijeeriyaatti haleellaa saamtotni raawwataniin namoonni 200 tahan ajjeefaman

Madda suuraa, Getty Images
Naayijeeriyaatti haleellaa wanbadoonni guyyoota baayyeef taasisaniin booda yoo xiqqaate namoonni 200 tahan naannoo kaaba-lixa biyyattii iddoo Zaamfaaraa jedhamutti awwaalchi isaanii raawwate.
Namoonni haleellaa kanarraa hafan BBCtti akka himanitti saamtonni doqdoqqee oofan ganda tokkorraa gara biraatti ce’uun, nama addaan otoo hin fo’ina itti dhukaasaa turan.
Haleellaa kanas kan raawwatan tarkaanfii qilleensarraa waraanni biyyattii gaafa Wiixataa taasiseen yakkamtoonni muraasni bosona dhokatan keessaa akka bahan tahuun booda dha.
Gareen wanbadee kuni Zaamfaaraa fi naannolee ollaa waggootaaf gadachaa ture.
Walii waliin garee yakkaa hidhata qabu gatii taheef daangaa bal’aa irratti hanna loonii, geeddaraa qarshiif namoota butuu, kanneen morman immoo ajjeesuun beekama.
Torbee kana mootummaan hidhattoota kana shororkeessitoota jedhee kan labse yoo tahu humnooti nageenyaas garee kanaafi deeggartoota isaanii irratti adabbii cimaa akka fudhatan eeyyameera.
Gaafa Jimaataa saamtota hidhatan kanaan namooti 100 akka ajjeefaman ture kan gabaafame.
Hidhattoonni kunneenis mana jiraattotaa yoo guban, qaama isaanii irratti miidhaa cimaas geessisaniiru.
Jiraataan naannichaa Idii Musaa, hidhattoonni kunneen loon 2000 ol hataniiru jechuunis AFPtti himeera.
Haleellaa mootummaan raawwachaa jiruun hidhattoonni kunneen bosona dhokataniitii bahanii gara lixa Zaamfaaraatti qajeelaa jiru jedhe miidiyaa biyya keessaa.
Dubbii-himtuun Ministeera Dhimma Namoomaa biyyattii, Saadiyaa Umar Faaruuq, namoonni 200 ol ajjeefaman awwaalamaniiru jechuun BBCtti himtee jirti.
Namoonni 10,000 tahanis qe’ee isaaniirraa kan buqqa’an yoo tahu, kaan immoo achi buuteen isaanii dhabameeras jetteetti.
Gama biraan qondaalonni ganda ollaa Keebii jedhamtu keessatti, saamtoonni kunneen ijoollee barattootaa 30 fi barsiisaa tokko ji’a jahaa dura butanii turan gadhiisaniiru. Qarshiin kaffalamee tahuu garuu waan barame hin jiru.
Qarshiif jecha namoota butuun yakka quddaa fi qindaa’aa Naayijeeriyaa keessatti raawwatu dha.
Naannoo Kaatsinaa jedhamtu keessaatti abbaan tokko ilmasaa butameef doolaara 250 kaffaluuf jecha qorqorroo manasaa buqqisee gurguruuf jedhe miidiyaa hawaasaa irratti ijoo dubbii tahee ture.
Miidiyaan naannichaa Kaatsinaa Poost akka gabaasetti abbaan Sa’iiduu Faaskaarii jedhamu ofiisaa yeroo butamee turetti ijoolleensaa doolaara 125 walitti qabaniiti isa gadhiisisan.
Ilmisaa abbaasaa gadhiisisuuf qarshii fudhatee deemee achumaan qabame.
Pireezidantiin Naayijeeriyaa Muhaammaduu Buhaarii mootummaan tarkaanfii warreen seera cabsan irratti fudhatu gadi-hin dhiisu jedhan.
Humnooti nageenyaa Naayijeeriyaa ‘’saamtota hidhataniifi miseensota yakkaa 537 ajjeesneerra, 374 immoo baatii Caamsaarraa qabee to’annoo oolchineerra jedhan.
Loltoonni Naayijeeriyaa kumaatamaan lakkaa’aman saamtota kana loluuf bobbaafamaniiru.













