Hidhattoonni Naayijeeriyaa barattoota butan 'marfaman'

Miseensota Poolisii naannichatti bobba'an

Madda suuraa, Reuters

Loltoonni mootummaa Naayijeeriyaa Kaaba Lixa Naayijeeriyaa bakka hidhattootni barattoota guyyaa jimaataa butanii itti dhokataniiru jedhamee amanamu to'achuu dubbii himaan pireezidant Muhaammaduu Buhaarii ibsan.

Gaarbaa Sheehuu lakkoofsi daa'imman butamanii 10 jedhaniis, hojjettootni mana barnootichaa lakkoofsi barattoota dhabamanii guddaa ta'uu himu.

Mana barnootaa hidhattootni to'atanii turan kana keessa namootni 800 ta'an kan argaman yoo ta'u hidhattootni kun barattoota butan gadhiisuuf maallaqa akka gaafatan dubbii himaan Buhaarii himaniiru.

Mootummaan Naayijeeriyaa hidhattoota yakka kana raawwataniin shiftoota naannichatti socho'anii jedheera.

Dhaabbatni mirga namaaf falmu Aministii Intarnaashinaal ji'oota jalqabaa bara kanaatti namootni 1,100 ol ta'an Kaaba Naayijeeriyaatti shiftootaan ajjeefamaniis mootummaan yakkitoota seera dura dhaabuu hin dandeenyee jedheera.

Maatii ijoollee

Madda suuraa, Reuters

Gazexessituun BBC Naayijeeriyaa Mayeenii Jonees nageenyii Naayijeeriraay yaaddessaa ta'aa jiraa jetti.

Kaaba Lixa biyyattiitti shiftootni maallaqa gaafachuuf nama butu, Kaaba Bahatti hidhattootni finxaaleyyiin Islaamaa socho'aa jiru, Kibbatti ammoo galii boba'aarraa naannichi hiree akka qabaatuuf haleellaan raawwatamaa jiraa jetti.

Rooyitars akka gabaasetti mana barnootaa amma da'imman keessaa butamanitti maatiin ijoollee, aanga'ootni daa'imman isaanii akka barbaadaniif gaafachaa jiru.

Mana Barnootaa Saayinsii Sadarkaa lammmaffaa kanatti ijoolee dhiiraa sadii barsiifatu keessaa lama amma bakki isaan bu'an kan hin beekamne akka ta'e abbaan ijoollee kana Abubakar Lawaal Rooyitarsitti himeera.

'Shiftoonni ni cabu'

Humni waraanaa biyyattii Sanbata darbe bosona hidhattootni kun itti dahatan adda baasuufi walitti dhukaasuu isaanii ibseera.

Dubbii himaan Buhaarii Sheehuu BBC'tti yoo himan loltootni hedduun daa'imman kana baraaruuf nannichatti bobbaafamaniiru jedhan.

maatiifi jiraattota

''Naannicha hunda marsaniirus'' jedhan.

Pireezidant Buhaariin sa'aa tokko tokkoon haalli jiru gabaafamaafii jiras jedhameera.

''Qaamoleen shiftaa kun ni cabu nidhabamsiifamus'' jedhan dubbii himaan pireezidantichaa.

Sheehuun barattootni hiriyyoonni isaanii yoo xiqqaate 10 ta'an butamuu dubbatu garuu kun qulqullaa'uu qabaa jedhaniiru.

Maatiin ijoollee isaanii manatti deebi'aniifi kanneen ammallee hin haleellaa kana baqatanii badan adda akka baasanii gaabasan gaafatamaniiru.

School sign mallattoo mana barnootaa

Madda suuraa, Gail Kankara

Jiraattootni naannoo Mana Barnootichaa jiran jimaata galgala gara sa'aa afurii dhukaasa dhagahuu fi dhukaasichi sa'aa tokkoof turuu himaniiru.

Dhukaasa ittisaaf dhukaafamaa tureenis hidhattootni yoo baqatan barattootni ammoo balaa kanarraa of oolchuuf mooraa utaaluun baqataniirus jedhameera.