Gareen Bokoo Haraam qonnaan bultoota 78 ajjeesuu amane

Madda suuraa, Getty Images
Garee hidhattoota islaamaa jechuun kan of waamu Bokoo Haraam ajjeechaa qonnaan bultoota 78 irratti raawwateef itti gaafatamummaa fudhateera.
Qonnaan bultoonni kunneen Sambata darbe ture Kaaba Baha Naayijeeriyaa naannawa Zabarmari jedhamutti bakka tokkotti kan ajjeefaman.
Hidhattoonni doqdoqqeedhaan imalan ooyiruu qonnaa bakka qonnaan bultoonni ruuzii oomishan hojiirra jiranitti haleellaa tasaa raawwachuun nama fixan.
Guyyaa sana yoo xiqqaate reeffi namoota 43 argamuun awwaalameera.
Hoogganaa garee Bokoo Haraam kan ta'e Abuubakar Shekau fuulasaa haguuggatee, hidhattoonni isaa haleellaa kana raawwachuu wayita dubbatuu fi dhaadatu viidiyoon mul'ateera.
Kun kan ta'e wayita biyyattiin sababa ajjeechaa raawwatee gadda guddaa keessa galtee jirtuttiidha.
Ajjeechaan akka hin taanetti qonnaan bultoota irratti raawwate kun ji'oota dhiyoo as keessatti isa hammaataadha.
Miseensonni paarlaamaa kaleessa wayita walga'anitti Pirezidaanti Muhaammaduu Buhaarii waa'ee haala nageenyaa biyyattiirratti ibsa akka kennan cimsanii gaafatan.
Senaataroonnis qondaaltonni tikaa fi nageenyaa hojiisaanii akka dhaaban gaafataniiru.
Gaaffiin akkanaa wayita senaataroota irraa ka'u kun yeroo sadaffaafi.
Kanaan duras pirezidantiin dureewwan humna waraanaa akka hojiirraa kaasu gaafataa turan.
Miseensonni paarlaamaa, komii malaammaltummaa fi iccitiin ba'aa jiraachuu ilaalchisuun damee nageenyaa irratti ka'aa jiru irratti caasaan humna waraanaa biyyattii akka sakatta'amus pirezidaanticha gaafataniiru.
Namoonni naannoo 10,000 ta'an leenjii waraanaa fudhatanii, hidhatanii, naannoo haleellaan itti heddummaaturratti ramadamuun humnootii nageenyaa akka tumsanis gaafataniiru.














