Naayijeeriyaa: Wal-waraansi qonnaan bulaafi horsiisee bulaa nama 86 galaafate

Madda suuraa, AFP/Getty Images
Jiddugaleessa Naayijeeriyaatti wal waraansi qonnaan bultootaafi horsiisee bultoota gidduutti uumame yo xiqqaate lubbuu namoota 86 galaafate jedhe poolisiin kutaa biyyaa Pilatuu.
Gabaasonni tokko tokko akka mul'isanitti wal-waraansi kun kan eegale Kamisa darbe erga qonnaan bultoonni Beroom horsiisee bultoota Fulaanii haleelanii nama shan ajjeesanii booda.
Haleellaa booree Sambata darbeetiin lubbuun namoota hedduu baheera.
Naannoon wal-waraansi kun itti mudate waggoota dheeraaf walitti bu'iinsa sabummaa lafa wal saamuun uumamuun beekkama.
Kutaalee biyyaa naannoo sanii sadii keessatti namoonni sa'aatii hayyamameen ala akka hin sochoone ugguramanii turan.
Wal-waraansa sana booda sakkatta'iinsa taasifameen reeffi namoota 86 argamuufi namoonni jaha miidhamuu isaanii poolisiin biyyattii beeksisee jira.
Manneen jireenyaa 50, konkolaataan lamaafi doqdoqqeen 15 gubachuus poolisiin himeera.

Horsiisee bultoonni Fulaanii eenyu?
Lixaa fi jiddugaleessa Afriikaa - Senegaalii kaasee hanga Rippabliika Jiddugaleessa Afriikaatti kan jiraataan horsiisee bultoonni Fulaanii, addunyaarratti gartuu horsiisee bultootaa isaan guddoo akka ta'an amanama.
Naayijeeriyaa keessatti kaan isaanii gariin horsiisee bultoota ta'anii jiraatu, kaan ammoo magaalotatti galanii jiru.
Horii isaanii oofanii bakkaa bakkatti waan socho'aniif, yeroo mara qonnaan bultoota waliin walitti bu'u.
Pireezidantiin Naayijeeriyaa ammaa Mohaammaduu Buhaarii dhalataa Fulaaniiti.

Madda suuraa, AFP/Getty Images












