Miseensonni Bokoo Haaraam 44 mana hidhaa chaad keessatti 'summiin dhuman'

Madda suuraa, AFP
Shakkamtoonni milishoota Bokoo Haraam 44 ta'an mana hidhaa Chaad keessatti summaa'uudhaan du'uu isaanii abbaan alangaa biyyattii beeksise.
Namoonni summiidhaan du'unsaaanii himamee kunneenis namoota 58 shakkamuun oppereeshinii guddaa dhiyeenya kana garee Isilaamistii naannawaa Haroo Chaaditti gaggeefameen to'ataman keessaati.
Reeffa namoota du'anii kana keessaa afur irratti qorannoon taasifameen ajjeechaa isaaniitiif sababiin summii ta'un erga barameen booda qorannoon guutuun taasifamaa jira.
Ministeerri Haqaa biyyattii AFP'tti akka himanitti, hidhamtoonni kunneen haala hintaaneen hin qabamne ture.
Dijimeet Arabii garuu himannaa kanaaf wayita deebii kennu, hidhamtoonni kunneen akka hin taaneen qabamuun kutaa tokko keessatti ugguramuun nyaataafi bishaanillee dhorkamaniiru jedhuuf hime.
Garee jihaaddistii kana irratti tarkaanfii waraanaa deebii kan fudhatame, erga isaan Bitootessa 23tti waraana naannoo Odola Haroo Chaaditti sa'aatii toorbaaf gaggeessuun loltoota Chaad 100 ta'en ajjeesanii booda ture.
Ajjeechaan Bokoo Haaraamiin loltoota Chaad irratti raawwatame kun erga gareen sun Naajeeriyaa keessaa gara daangaatti lo'uun seenanii waggaa dheeraan booda isa hamaadha jedhameera.

Madda suuraa, AFP
Hidhamtoonni Bokoo Haraam kunneen erga to'annaa jala oolfamanii qorannoon farra-sharokkeessummaan irratti gaggeeffamaa kan ture yoo ta'u, du'anii kan argaman Kamisa ganama ture, akka abbaan alangaa ummataa Yusuuf Toom jedhanitti.
"Warri du'an afurtaman isaanii kan awwaalaman yoo ta'u, afran isaanii ammoo qorannoo reeffaatiif geeffaman. Qoranoo reeffa afran isaanii irratti taasifameen summii ajjeesu akka nyaatan barame.
Summiin nyaatan sun ammoo dhibee onneefi qilleensa dhabuun ukkaamamuun isaanirran gahera," jechuun TV irratti Sanbata beeksisan.
Akka Mr Araabiin AFP'f mirkaneessanitti qorannoon gaggeefamaa jira: "Wanti ta'e jumlaan of ajjeesuudhamoo wanta biraa ta'a? Ammallee kanaaf deebii barbaanna."
Hidhamtoota keessaa tokko Kamisa darbe hospitaala geeffamee wallaansa argachuun fayyee warra hafan 13'tti makameera. "Inni amma lubbuun jira, haala gaariirras jira," jedhan ministirichi.
Humni raayyaa akka jedhetti, opereeshiniin guyyoota saddeetiif gaggeefameen hidhattoota kanneen Odola Haroo Chaad keessa sakatta'uun gadi baasuuf yaaliin taasifame milkaa'aa ture.
Dubbi himaan raayyaa akka himanitti, jihaaddistoonni 1,000 ol ta'an bakka bal'aa Chaad, Naajeeriyaafi Kaameruuniin marfamee jiru sana keessatti ajjeefamaniiru.













