Haleellaa hidhattoonni Naayijeeriyaatti raawwataniin achi buuteen barattoota dhibbaan lakkaa’aman dhabame

Maatii mana barumsaa ala dhaabatan

Madda suuraa, Gail Kankara

Ibsa waa'ee suuraa, Maatii mana barumsaa ala dhaabatan

Manni barumsaa sadarkaa lammaffaa kaaba-lixa Naayijeeriyaa bulchiinsa Kaatsiinaatti erga hidhattootaan haleelameen booda barattoonni dhibbaan lakkaa’aman achi buuteensaanii hin dhabamiin hin oolle jedhamee sodaatameera.

Warreen haleellaa kana raawwatan doqdoqqeen dhufaniiti qilleensatti dhukaasuu jalqabnaan namoonnii baqachuu jalqaban jedhan namni ijaan argan

Xiyyeeffannoon isaanii mana barumsaa Saayinsii Sadarkaa Lammaffaa Mootummaa ture- mana barumsaa bultii Kaatsinaa, kan barattoonni 800 keessa jiraatanidha.

Waraanni biyyattii bosona hidhattoonni dhokatanitti adda baasuun walitti dhukaasuu himeera.

Hanga yoonaa maaltu akka uumame beekamuu baatus gabaasni barattoonni miidhamuu agarsiisu hin jiru.

Pirezidantiin Naayijeeriyaa Mohaammad Buhaariin haleellaa balaaleffachuun barattoonni meeqni akka badan haa lakkaa’amu jedhan. Maatiin ijoollee isaanii akka baasan deemanillee qondaalota akka beeksisan gaafatamaniiru.

Jiraattonni mana barumsaa bultii dhiirotaa naannoo Kaankaaraa Jimaata halkan sa’atii shan keessa dhukaasa akka dhagahan himaniiru. Haleellaan sun sa’aa afur caalaa tureera.

Qaamoti nageenyaa mana barumsaa otoo poolisiin hin qaqqabiin hidhatoota muraasa dhukaasaan akka ofirraa deebisan qondaaloti himan.

Ibsa gaafa Sanbataa kenneen, poolisiin hidhattoota muraasa waliin dhukaasa banameen gariin duubatti deebi’aniiru jedhe. Barattoonni karaa mooraa utaalanii bahaa turan.

Doormii yookiin bakka ciisichaa mana barumsichaa

Madda suuraa, Gail Kankara

Ibsa waa'ee suuraa, Doormii yookiin bakka ciisichaa mana barumsichaa

Barattoonni 200 achii baqatanii, akka badan yaadaman boodarra deebi’aniiru. Haa tahu malee, barattoonni hidhattootaan akka fudhatamaa turan kanneen ijaa argan dubbataniiru.

Poolisiin tokko hidhattootaan itti dhukaafamee miidhamuun hospitaala galeera jedhe poolisiin.

Jiraattonni naannoo poolisii tumsuun barattoota barbaadaa turan, maatiin baayyee ijoollee isaanii mana barumsaatii baasuu himaniiru.

‘’Manni barumsaa sun qullaa tahee ture, hunduu bahaniiru,’’ jedhu namni ijaan argan Nuuraa Abdullaahii AFP’tti yeroo dubbatan.

‘’Barattoonni baqatan muraasni ganama kana manatti deebi’aniiru, kaanis konkolaataa qabataniiru,’’ jedhaniiru

Bulchaan Kaatsiinaa, Amiinuu Belloo Masaarii manneetiin barumsaa bultii hundi akka cufaman ajajan.

Kaatsaaniin bakka dhalootaa Pireezidant Buhaarii dha. Torbee kanas achitti daawwannaa taasisaa jiru.

‘’Hattoota dabeessa ijoolleerratti haleellaa raawwatan kana cimseen balaallefadha,’’ jedhan. ‘’Maatii ijoollee, qondaalota mana barumsaa, fi warreen miidhamaniif ni kadhanna,’’ jedhan.

Haleellaan gaafa Jimaataa tahe kun erga hogganaan gandaa fi namoonni 20 butamuun dhagahamee booda kan dhalate dha

Bara 2014 shamarran 270 tahan garee finxaaleyyii Islaamaa Bookoo Haaraamiin kaaba-baha Naayijeeriyaa Chibookirraa butamanii turan.

Gareen mana barumsaa naannoo Kitsiinaa anatu haleele jechuun itti gaafatamummaa fudhate hin jiru. Haa tahu malee, naannichi iddoo Bookoo Haaraam ogguu itti socho’uu dha.