Siyaasa Itoophiyaa: Marii biyyaalessaaf yeroon itti komishinaroota eeran akka dheeratu gaafatame

Madda suuraa, HoPR/fb
Yeroon komishinaroota marii biyyaalessaa itti eeran akka dheeratu akkasumas madaalliin komishinarootaa xumurarratti adda itti baafaman iftoomina akka qabatu dhaabbileen mirgoota namoomaa gaafatan.
Koomishiniin marii biyyaalesaa dhiyeenya paarlaamaa Itoophiyaan ragga’e adeemsi marii biyyaalessaa kana itti geggeessu hunda hammataa, amanamaa fi iftooma kan qabu tahuusaa hordofuuf waldaalee siviilii qophaa’an 11’tu gaaffii kana kaase.
Rakkoolee waggoota kurnan baayyeef gangalachaa as gahan gama hunda hammataa taheen hiikuufi waliigaltee biyyaaleessaa uumuuf gargaara jedhamuun koomishinii hundaa’eef koomishinaroota eeruuf yeroon taa’ee ture, Mudde 26/2014 A.L.I jalqabee Amajjii 06/2014 raawwata jedhameeti ture.
Labsiin koomishinii marii biyyaalessaa koomishinaroota eeruun kan danda’amu dhaabota uummtaa, siyaasaa fi waldaalee sivilii irraa akka tahu kaa’a. Kunis dinqisiifamuu akka qabu kan eere ibsi kuni yeroon kenname garuu gabaabaa dha jedha.
Yeroonsaa gabaabbachuun akka rakkootti kan kaa’anis gama odeeeffannoo tamsaasuun malootni quunnamtii daangeeffamoo tahuufi, koomishinara tahuuf namoota gahumsa qaban xiinxaluuf yeroon kenname gahaa miti.
Kunis lakkoofsi namoota eeramanii gahaa akka hin taane gufuu tahuu mala yaaddoo jedhu akka uume ibasameera.
Kana malees koomishinaroota uummataan maqaan dhahame keessaa kaadhimamtoonni dhumaa 14 af-yaa’iidhaan adda baafamanii paarlaamaaf akka dhiyaatan kan murteeffame yoo tahu, haalli kaadhimamtoonni itti dhiyaatan garuu iftoomina akka hin qabnes kaa’aniiru.
Kaadhimamtoonni uummataan eeraman madaallii maaliin akka filataman uummataaf ifa gochuun hojimaata itti danda’amu qabaachuun amanamummaa koomishinichaaf shoora olaanaa qaba jedhanii akka amanan dubbataniiru.
Ibsa dhaabonni kunneen baasaniin mariin biyyaalessaa kuni rakkoolee barootaaf dhiibamaa as gahan gama hunda hammataa taheen hiikuuf adeemsi ifa tahuun namoota baayyee birattii fudhatamaafi amanamummaa akka qabaatu godha.
Kanaafis koomishiniin marii baiyyaalessaaf haala-mijeessu amanamummaan isaa gaaffii keessa akka hin galleef xiyyeeffannoo guddaan kennamuufi qaba jechuun akeekaniiru.
Haaluma kanaan yeroon itti koomishinaroota eeran akka dheeratuufi kaadhimamtoota dhumaa keessaa kanneen adda baafaman haalli itti adda baafaman iftooma akka qabaatu gaafataniiru.
Dhaabotni gaaffii kana dhiyeessan Qindoomina Waldaalee Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa, Wiirtuu Guddina Mirgootaa fi Demookiraasii, Isti Afrikaan Inisheetiiv Foor Cheengi, Ogeessota Seeraa Mirgoota Namoomaaf, Waldaa Ogeessota Seeraa Dubartootaa Itoophiyaa of kwessaa qaba.
Dabalataan Waldaa Gulaaltota Itoophiyaa, Sosochii Setaawiit, Garee Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa, Wiirtuu Falmitoota Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa, Faawundeeshinii Piroofeesar Masfiin fi Gumii Mirgoota Namooma Itoophiyaa fa’i.















