Waraana Itoophiyaa: Ameerikaan waraanichi akka dhaabbatuuf dippilomaasii cimaa hordofaan jira jette

Ameerikaan waraana Kaaba Itoophiyaa waggaa tokkoo oliif gaggeeffamee dhaabuudhaan sarbama mirgoota namoomaa, dararaafi miidhaawwan dhaabsiisuuf dippilomaasiin furmaata akka ta'e dubbatte.

Dubbii Himaan Waajjira Dhimma Alaa Ameerikaa Need Piraayiis ibsa kennaniin, biyyisaanii waraanichi yeroo gabaabaa keessatti akka dhaabbatu gochuuf xiyyeeffannoo olaanaan dippilomaasii cimaa hordofaa akka jirtu himan.

Torban darbee keessaa pirezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan Ministira Mummmee Itoophiyaa Abiy Ahimad waliin haala waraanichi mariin ittiin xumuramu ilaalchisuun yeroo jalqabaatiif bilbilaan kan mari'atan yoo ta'u, Need Piraayis mariin bilbilaa sun qaama dippilomaasiiti jedhaniiru.

Affeerraa MM Abiyiin gara Itoophiyaa imalanii kan turan ergamaan addaa Gaanfa Afriikaa amma aangoo gadhiisan, Jeefirii Feeltimaan akkasumas bakka isaanii kan bu'an Deeviid Saatarefiild, Pirezidaantiin duraanii Naayijeeriyaafi ergamaa addaa Gamtaa Afriikaa kan ta'an Oluseegun Obaasaanjoo waraanichaaf xumura gochuuf itti dhiheenyaan hojjataa jiru jedhan.

Oluseeguun Ammajjii 11, 2022 gara Maqaleetti imaluun aanga'oota TPLF waliin marii taasisuun kan deebii'an yoo ta'u, mariinsaaniis gaarii akka ture dubbi himaan TPLF himun isaa ni yaadatama.

Rakkoo Gaanfa Afriikaatti mudateef furmaata barbaacha Ameerikaan aanga'oota qaxanichaa jiraniifi Gamtaa Afriikaa waliin walitti dhiheenyaan hojjataa jiraaachuu Need Piraaysi himan.

''Haalli amma jiru qaamooleen lamaanuu fooyya'insi jiraachuu akka agarsiisaniif ni gargaara. Walitti bu'insicha dhaabuun gara mariitti dhufuu ni danda'u. Kanaanis galma hundaa kan ta'e waraanni akka dhaabbatuuf ni gargaara,'' jedhan.

Haleellaa qilleensaa Wiixata darbe Tigraay irratti raawwatameen namoonni 17 ajjeeffamuufi irra caalaan isaanii dubartootaafi daa'imman ta'uu kaasuun, haleellaan kun kan raawwatame guyyaa Pirezidaant Baayidan haleellaan qilleensaa akka dhaabbatuuf MM Abiy itti gaafatan waliin wal irra ooluusaatiin wal qabatee gaazexessitoonni gaaffii kaasanii ture.

Yeroo marii bilbilaa sanatti MM Abiy haleellaa qilleensaa dhaabuuf waadaa galanii ture? Haleellaan qilleensaa dhaabbachuu mirkanneessuuf Ameerikaan maal gooti? gaaffileen jedhan ka'anii ture.

Need Piraays deebii kennaniin, dureewwan marii bilbilaan taasisaniin Baayidan waa'ee namoota nagaa haleellaa qilleensaa dhiheenyaatiin ajjeefaman, akkasumas sarbamoota mirgoota namoomaa kaan ilaalchisuun yaaddoo qaban kaasaniiru jedhan.

Akkuma kana dura taasisan sarbama mirgootaa qaamooleen waraanicha keessatti hirmaatan raawwatan ilaalchisee biyya isaanii irra deddebiin dureewwan waliin, akkasumas ibsawwan irratti kaasuu irra duubatti jette hin beektu jedhan.

Biyyisaanii ittigaafatamummaan jiraachuu akka qabaatu akka amantu kaasuun, komshinii bilisaafi walabaa yaa'ii Mirga Manooma UNn akka sarbamoota mirgoota namoomaa Itoophiyaa keessatti raawwataman qoratuuf hundeesuuf tarkaanfii fudhatame deegarunshees agarsiiftu tokko jechuun ejjanno Ameerikaan qabdu kaasan.

Haleellaa Wiixata darbee dirooniidhaan Tigraay keessatti raawwatameen namoonni 17 ajjeeffamuufi hedduun miidhaaf saaxilamuu hojjattoonni gargaarsaa kan himan yoo ta'u, kanneen miidhaman keessaa hedduun dubartoota ta'uutu ibsame.

Dabalataanis magaalaa Daddabiititti haleellaa qilleensaa kaampii buqqaatoonni keessa qubatan irratti raawwatameen namoonni 56 torban darbe keessa ajjeeffamuun gabaafameera.

Haleellaa tibban raawwatamuun lubbuun namoota hedduu galaafate kana ilaalchisuun mootummaan Itoophiyaa hanga ammaatti waan jedhe hin jiru.

''MM Abiy haleellaa qilleensaa ilaalchisuun waadaa attamii galan kan jedhuuf waan MM jedhan dubbisuuf lammiilee Itoophiyaatiif dhiseera,'' jedhan.

Akkasumas, Waayit Hawusis yoo ta'e gadi-fageenya dhimmoota MM dhimma sirriitti dubbatanii ilaalchisuun ejjannoo isaanumaaf dhiisuu akka qabaatuun tilmaamna jedhan.

MM Abiyiifi Pirezidaant Baayidan dhimmota ammaan tana Itoophiyaa keessa jiruufi walitti dhufeenya biyyoota lamaaniifi naannichaa irratti marii ifaa taasisaniiru jedhan.

Dabalataanis, Itoophiyaafi Ameerikaan walitti dhufeenya kabaja irratti hundaa'e cimsachuun walitti dhufeenyasaanii gabbifachuuf waliigaluu himan.

Waraana Tigraay Sadaasa 4, 2020 eegalamee booda gara naannoolee ollaa Amaaraafi Affaariitti babalateen lammiilee kumaatamni lubbusaanii dhabanii, miliyoonoonni bakka jireenyaasaaniitii buqqaafamaniiru.

Waraana baatiiwwan 14 ol lakkoofsise kana akka dhaabbatuuf Ameerikaa dabalate Gamtaan Afriikaa, akkasumas bakka bu'aan olaanaan Gaanfa Afriikaa fi pirezidaantiin duraanii Naayijeeriyaa Oluseegoon Obaasaanjoo fi kaan yaalii taasisaa jiru.