MM UK Booris Joonsan qajeelfama Covid cabsuu isaaniif aangoorraa akka bu'aniif gaafataman

Madda suuraa, UK PARLIAMENT/JESSICA TAYLOR
Ministirri Muummee UK Booris Joonsan qajeelfama Covid-19 ilaalchisuun sochii dhorkuuf jalqaba kaa'ame keessa qophii tokkorratti hirmaachuusaaniitti erga dhiifama gaafataniin booda hedduun aangoorraa akka kaafamaniif gaafataa jiru.
Joonsan gochaa bara 2020 keessaa raawwatan kanaaf dhiifama gaafatanilleen miseensoota mana maree paatrii isaanii dabalatee kan isaan dhagahu argachuu hin dandeenye.
Gammeessi miseensa mana mareefi dursaan Koree Wiiliyaam Raag gamasaanitiin, MM aangosaanii akka gadhiisaniif gaafatan.
Haata'u malee, Joonsan gamasaanitiin ''sababii kanaatiin baayyee yoo aaranilleen itti hin murtaa'u,'' jedhan.
Miseensa kaabiinee kan ta'an ittaanaan Ministira Mummee Dominiik Raab garuu Joonsaniin deegaraniiru.
Dureen kaabinee Iskotilaand Daagilaas Roos fi miseensoonni mana maree bakka bu'oota ummata biyyattii kanneen akka Wiiliiyaam Raag, Kaaroliin Nookis fi Roojar Geel fa'i ministirri mummee Booris Joonsan aangorraa akka kaafamaniif gaafataniiru.
MM Joonsan erga Roobii kaleessaa paarlaamaarratti dhiifama gaafataniin booda, ''marii rakkisaatu ture'' jedhan dureen kaabinee Iskootilaand Daaglaas Roos.
Itti dabaluunis, amantaa ministira mummee irratti qaban hir'achuu ilaalchisee mana maree dhimmisaa ilaallatutti xalayaa akka barreessan beeksiisan.
''Joonsan Ministira Mummee biyyaati. Inni mootummaa qajeelfamoota kanneen baasedha. Kanaafuu, MM balleessaa raawwateef itti gaafatamuu qaba,'' jechuun ejjannoosaanii dhageessisan.
Ministiroonni UK hedduun gamasaanitiin, gareen qorattootaa kan tajaajilaa siivilii Su Gireyiin hogganamu hanga ragaa qindeessee xumuruutti miseensoonni mana maree akka obsaniif kan gaafatan yoo ta'u, argannoon qorannichaas dhiheenyatti ifa akka ta'u beeksiisaniiru.
Miseensi mana marichaa Wiiliiyaam Raag garuu, MM haala itti of ittiisuu hin dandeenyee keessatti argamu jedhan.
''Carraan MM Joonsan kan argannoo koree qorattootaa qofaarratti hundaa'e ta'uu hinqabaatu,'' jechuun mormiisaanii dhiyeessaniiru.
Miseensi mana marichaa kan biraa Toorii Kaarolaayiin gamasheetiin Ministirri Mummee warra leellistoota (Conservative) hunda miidhaa waan jiraniif atattamaan aangoosaanii gadhiisu qabaatu jechuun dhagahame.
Ministirri Mummee Joonsan ifatti dhiifama gaafachun isaaniitti dhiifama argachurra mormii olaanaa irratti kaase. Garee kaan hafee deeggartoonniifi miseensoonni mana maree paartii isaanii mataansaanii Joonsan aangoorraa haa ka'an jechaa jiru.
Odeessaalee walfakkaatan:














