Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Kaaba Itoophiyaa: 'Itaamaazhor Shuumiif gulantaa Fiild Maarshaal kennuun waanuma male' - J. Baacaa Dabalee
Torban darbe Itaamaazhor Shumii Raayyaa Ittisaa Biyyaa Itoophiyaaf gulantaa 'Fiild Maarshaal' kennamuun waanuma siriidha jechuun qondaalli olaanaa waraana Itoophiyaa dubbatani.
Guyyoota muraasa dura Ajajaan Waliigalaa Humna Waraanaa Itoophiyaa MM Abiy Ahimadiifi Pirezidant Saahilawarq bakka argamanitti Janaraal Birhaanuu Juulaaf gulantaan waraanaa Fiild Maarshaal kennameera.
Guyyaa kanatti Janaraal Birhaanuu Juulaan alatti ajajoota waraana biyyatii 100 ta'aniif muudamni gulantaa waraanaa kennameera.
Janaraal Birhaanuuf gulantaan kuni kan kenname hooggansa isaaniin waraanni Itoophiyaa finciltoota TPLF waan qolateefi injifannoon argame biyya kufaatiirraa waan oolcheefi jechuun miidiyaan biyyaalessaa Ministeera Ittisaa eeruun gabaase.
Haa ta'u malee, muraasni waraanni ajajaan waraanaa kuni taliigan walwaraansa waliinii ta'u eeruun kanneen gaaffii kaasan turan.
Gulantaa waraanaa Leftenaant (Letinaal) Janaraal irraa gara guuruu janaraalaatti kan guddatan Janaraal Baacaa Dabaleen Itaamaazhor Shuumiif gulantaa haaraa kennuun waanuma sirriiti jechuun ibsu.
Janaraal Baacaa gulantaan Fiild Maarshaal MM Abiyyiin dhiheeffame Pirezidantii biyyattiin kennamuu yaadachiisuun adeemsa seeraa muudama gulantaa sirrii akka ta'e ibsu.
Janaraal Baacaan muudama kanaan biyyoonni garaagaraa muuxannoo akka qaban ibsu.
Gulanticha tajaajila dheeraaf, kabajaaf kan kennan akkuma jiran duula waraanaa bu'uura gochuun oppireeshinii seera kabachiisuuf kan kennanis akka jiran himan.
Akka fakkenyaattis Raashiyaa fudhatan.
''Fakkeenyaaf Raashiyaa osoo fudhanne yeroo xumuraaf gulantaa Fiild Maarshaal kan kennite Soviyeetiin erga kuftee booda waraanni akka ijaaramuuf, meeshaan niwkilaraa biyyatti akka hin bittinnoofneefi Raashiyaan olaantummaa ishee akka tursiifattu kan taasisaniif gulantaan kuni kenname,'' jedhan.
Gama kaaniin hirmaannaa waraanaa ilaalchisuun lammiin Ameerikaa Joorj Waashingitan gulantaan Fiild Maarshaal akka kennameeef himan.
''Joorj Waashingitaniif gulantaan Fiild Maarshaal kennameera. Gootummaa bara walwaraansa Ameerikaa raawwataniin isaaniif kenname. Yeroo waraanaa ga'umsa kan agarsiiseef gulantaan kuni ni kennama,'' jedhan.
Haaluma kanaan Itoophiyaa keessa ''humnoonni keessaafi alaa biyya diiguuf yeroo ka'anitti'' yaaddoo badiinsaa qolachuu kan dandeessisaniif gulantaa kana kennuun murtee sirriidha jechuun himu.
''Itoophiyaatiin waraanni leenji'e deebi'e waraana jedhamee hin eegamne. Kuni taatee haaraadha.
''Hidhannoon waraanaa mulqamee, Itoophiyaan waraana hin qabdu erga jedhamee booda qabsoon godhamee biyyaafi waraana diigumsarraa baraareef … gulantaa Fiild Maarshaal kennuun yoo xiqqaate malee hin baay'atu.''
Gulantaa ajajaa waraanaaf kennamu haala keessa ture ilaaluun barbaachisaa ta'u himu.
''Dhimmichi walwaraansa waliinii yookiin waraana idil-addunyaa ta'uu isaa miti. Gahee gumaachedha,'' jechuun ibsu59948198.
Qeeqxonni waraanni Kaaba Itoophiyaa miidhaa waraana biyyattiirratti geessise eeruuniifi ergama raawwachuu hanqachuu isaa kaasuun ajajaa waraanichaaf gulantaa kana kennuurratti gaaffii kaasan jiru.
Janaraal Baacaa Dabaleen garuu qeeqa kana hin fudhatani.
''Osoo waraanni ergama isaa raawwatuu dhabee jiraatee wayyaaneen yoona kana Finfinnee jira. Kana kan jedhan dhuguma lammiilee Itoophiyaa natti hin fakkaatani.
''Kana kan jedhu Juntaa yookiin deeggaraa isaati. Sababni isaas waa'ee Itoophiyaa kan yaadu kana hin jedhu. Waraannicha injifateera. Kanas afaan guunnee qoma dhiibnee dubbanna.''
Sirna guyyoota lamaan darbe ture irratti gulantaa jeneraalummaa kan argatan Baacaa Dabalee guddina gulantaa argataniin miira itti dhagahame BBCtti himaniiru.
''Caasefffamni loltuu gaafa bal'atu guddinni gulantaa akkanaa kenname. Bal'ina loltuu irraa kan ka'e hojii baay'ee ture.
''Hojii kana gahumsaa fi gootummaan bahachuuf loltoota sadarkaan jiraniif guddinni gulantaa akkasii kennameera. Anis namoota kanneen keessaa tokko tahuukotti gammachuu guddaan natti dhagahameera.''
Jeneraal Baacaan guddinni gulantaa kun ''kan nama gammachiisuufi hojii caalu hojjechuuf haamilee kan namaaf kennudha,'' jedhan.
''Qophii aarsaa biyya keenyaaf kaffallu irratti shoora ol aanaa waan qabuuf gammachuun keenya daangaa hin qabu,'' jedhan.