Obbo Dajanee Xaafaa: Qondaalli KFO waa'ee turtii mana hidhaa ji'oota 18 maal dubbatu?

Mootummaan Itoophiyaa guyyaa Ayyaana Qillee qondaaltota siyaasaa KFO, Baaldaraasiifi TPLF himanni irra banamee ture adda kutuun mana hidhaatii hiikeera.

Qondaaltota TPLF waraana Kaaba biyyattiitti ka'en walqabatee hidhaman alatti Jawaar Mohaammadiifi Iskindir Naggaa akkasumas namoonni galmee isaanii jala turan ajjeechaa Hacaaluu Hundeessaa booda to'atamani.

Mootummaan Itoophiyaa "dirree siyaasaa bal'isuu fi marii biyyaalessaa hirmaachisaa ta'eef jecha" akka hiike ibse.

Hogganoota siyaasaa KFO hiikaman keessaa tokko immoo Miseensa Hojii Raawwachiiftuu dhaabichaa keessaa tokko kan ta'an Obbo Dajanee Xaafaadha.

Erga hidhaati hiikaman booda Obbo Dajaneen turtii BBC waliin taasisaniin "Qaamni na mariisise hinjiru. Ani gaafa 30/10/2012 qabamee gaafa 29/04/2014 mana kootti deebi'uukoo qofan beeka" jedhan.

Obbo Dajaneen akka ibsanitti hidhaa waggaa tokkofi ji'oota jaha booda ALI Jimaata Mudde 29, 2014 hidhaarraa hiikaman.

Akkamiin hiikaman?

Akkaataa hidhaarraa itti hiikaman kan gaafanne Obbo Dajaneen, maaliif fi akkamiin akka gadhiifaman akka hinbeekne himu. Qaamni mootummaa waa'ee gadhiifamuu isaanii dursee itti hime akka hinjirres dubbatan.

Akka muuxannoo mana sirreessaa Qaallittiitti hidhamtootni waaree booda sa'aa 11:30 irratti gara manaa galanii balballi erga cufamee booda guyyaa itti aanu ganama sa'aa 12 irratti balballi akka saaqamu himu.

Jimaata Mudde 29, 2014 garuu "sa'aa 11:30 irratti manatti gallee halkan sa'aa 1:30 irratti mana bananii 'Dajanee Xaafaafi Sibihaat Naggaa qodaa keessan fudhaa bahaa' jedhanii nutti himan" jedhan.

"Yeroo sanatti maaliif akkan waamame hinbeeku" kan jedhan qondaalli KFO kun, gara alaatti erga bahanii booda namoota isaan walin himataman kunneen biroo arguu isaanii dubbatu.

Yeroo sanittis shakkii "iddoo biraatti nugeessufi" jedhu keessa akka turan himan.

Himatni adda cituu…

Obbo Dajaneen, "ani bahuunkoo gaariidha garuu ani bahuunkoo rakkoo biyya kanaa hiikaayii kan jedhu yaaddoon qaba" jedhan.

Waggoota 27 keessatti yeroo 14'f hidhamuu kan himan Obbo Dajanee Xaafaa, "yeroo kudha afranuu bar tokko adabamee hinbeeku, naamusaanis adabamee hinbeeku.

''Garuu ennaa siyaasni biyya kanaa gara hintaanetti deemu anuma fiiganii qabuudha kan barame" jedhan.

Himannaan irratti banamee ture himata 'sobaa' ta'uu kan dubbatan qondaalli kun, "ani himannaa sobaa addaan kutan jedheen amana'' jedhan.

Obbo Dajanee Xaafaafi qondaalotni kaan ajjeechaa weellisaa Hacaaluu Hundeessaa booda hookkara uumuufi badiiwwan kaaniin shakkee poolisiin akka to'ate yeroos ibseera.

Marii biyyaalessaa…

Hidhamuu isaaniitin dura rakkoo biyya Itoophiyaa furuuf mariifi waliigalteen akka barbaachisu mootummaafi qaamolee birootti himaa turuu dubbatu Obbo Dajaneen.

Mariin 'hunda hirmaachiseefi dhugaa qabeessa' ta'e ni adeemsifama taanaan waan gaarii ta'uu himan.

Haa ta'u malee, mariin biyyaalessaa 'ni barbaachisa ykn hin barbaachisu' jechuun dura bu'uuraafi qabiyyee isaa ilaaluun akka barbaachisu himu.

Qaamni mootummaa waa'ee marii biyyaalessaa itti dubbate akka hinjirre kan himan Obbo Dajaneen, "tarii garee keenya biraa gaafachuu danda'u. Ani garuu wa'ee marii wanti gadi taa'ee haasa'e hinjiru" jedhan.

Kana malees dhimmi marii biyyaalessaarratti hirmaachuufi hirmaachuu dhabuu kan dhuunfaan murteessan osoo hintaanee dhimma dhaabni isaanii Koongirasiin Federaalawaa Oromoo (KFO) murteesssu ta'uu himan.

Turtii mana hidhaa…

Obbo Dajaneen wayita bara 2012 to'annoo jala oolanitti poolisiin seera yakkaa ALI bara 1996 bahe keewwata 238/2 darbuun yakka heera mootummaafi mootummaa irratti raawwatamuun wal qabatuun shakkee akka to'ate himee ture.

Boodarras dhimmoota ummata hookkaraaf kakaasuu, dargaggootni qindaa'anii caasaa mootummaa naannoo isaanii jiru akka to'atan ajaja kennuun shakkuu ibse.

Dabalataan, wayita reeffi Artiist Haacaaluu gara magaala Ambootti geeffamu dargaggoota qindeessuun karaa cufuufi eeyyama maatiin ala reeffi humnaan gara magaalaa Finfinneetti akka deebi'u taasisaniiru jedhamuun himataman.

Obbo Dajanee Xaafaa jecha amantaafi waakkii dhaddacharratti kennaniin yakka ittiin himataman akka hin raawwanne dubbachuun isaanii ni yaadatama.

Gama biraatiin namootni galmee Obbo Jawaar jalatti himatamanii turan iddoo saditti qoodamuun hidhaarra akka turan kan himan Obbo Dajaneen, yeroo waggaa tokko oliif namoota galmee isaan keessa jiran alatti kaan waliin hidhamanii turuu himu.

"Iddoon ani itti hidhamaa ture warra tokkoo (naannoo Tigraay) fi warra damee basaasa biyya kanaa keessa turaniifi warra Naannoo Somaalee irraa hidhaman- pirezidantii naannoo Somaalee duraaniifaa waliinin ture" jedhan.

"Booda garee keenya keessaa mucaa wayii natti fidan" jechuunis himan.

Adeemsa siyaasaa gara fulduraa…

Yoo waliigalteen biyyaalessaa haalaan uumamuu baate ammallee biyyattiif yaaddoo akka ta'u kan himan Obbo Dajanee, gara fulduraatti wanta guddina biyyattiif ta'u gumaachuuf yaada akka qaban himu.

"Walitti bu'iinsi akka ammaa kanaa bu'aan inni agarsiisu hunda keenyaaf barnoota guddaa ta'ee otoo gara nagaatti deebinee gaariidha" jedhan.

Nageenya biyyattiifis hirmaannaa irraa eegamu gochuuf qophii ta'uu himaniiru.

Ajjeechaa weellisaa Haacaaluu Hundeessaa booda mormiifi hookkara Finfinneefi Naannoo Oromiyaa keessatti dhalateen lammiileen 180'tti siqan lubbu dhabaniiru.

Qabeenyi guddaas barbadaa'uu mootummaafi poolisiin yeroos beeksisuun isaa ni yaadatama.