Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hogganaan duraanii finciltoota Beenishaangul Gumuz mana hidhaatii miliqe
Hidhattoota naannoo Beenishaangul Gumuz keessa socho'an dursaa kan ture namni Abdulwahaab Mahdii, mana hidhaa magaalaa Asoosaa yeroo dheeraaf erga turee booda miliquu Biiroon Nageenyaa naannochaa BBCtti hime.
Hoogganaan biirochaa Obbo Gaashuu Gaawuz, kanaan dura garee Adda Bilisa Baasaa Uummata Beenishaangul Gumuz dursaa kan ture Abdulwahaab, torban dura mana hidhaatii miliqe jedhan.
Abdulwahaab yakkoota hedduudhaan shakkamee nama yeroo dheeraaf mana hidhaa ture ta'uusaatiin akkasumas ammoo ol-iyyannoon inni gaafate fudhatamuun amanamaa ta'ee hojiiwwan misoomaa garaagaraa keessatti walabummaan hirmaachaa ture jedhan hoogganaan kun.
"Hidhamaa amanamaa ture. Yeroo adabbiisaas xumuraa jira jennee dhimmasaas daganneerra. Carraa kanatti fayyadamee miliqe,'' jedhan.
Namoota akka namni kun miliquuf haalli mijataan akka uumamu taasisan irratti tarkaanfiin ni fudhatama jedhan.
Namni mana hidhaatii miliqe kun yeroo ammaa eessa akka jiru beekamuu baatus, tarii daangaa ce'ee gara Sudaan seenuu akka hin hafne shakkii qaban ibsaniiru.
Obbo Gaashuu Gaawuz akka jedhanitti qaamoleen nageenyaa nama mana hidhaatii miliqe-Abdulwahaab- barbaadanii qabuuf hordofaa kan jiran yoo ta'u, ''daangaa ce'anii mootummaa Sudaan jalattillee ta'u to'annoo jala ni oolchina,'' jedhan.
Kanarraa ka'uun tibbana kutaa Sudaan daangaa waliin qooddatan waliin akkaataa nageenya naannawa sanaa mirkaneessuun danda'amurratti waliin hojjechuuf magaalaa Asoosaatti waliigaltee mallatteessine jedhan.
Abdulwahaab miliqee Sudaan seenus deebi'ee to'atamuunsaa waan hin oolle jedhan qondaalli kun.
"Yakkamaan Sudaan keessa jiru yoo jiraate dabarsanii kennuudha. Yakkamaan Sudaan barbaaddu Itoophiyaa keessa yoo jiraate dabarsinee kennuuf waliigaltee qabna,'' jedhan.
Dursaan Adda Bilisa Baasaa Uummata Beenishaangul Gumuz Abdulwahaab Mahdii yeroo garaagaraatti hidhaan umrii guutuu itti murtaa'ee kan ture yoo ta'u, mana hidhaatii wayita miliqu kun isaaf kan jalqabaa miti.
Waggaa kudhan duras akkasuma miliqee gareesaatti deebi'uun daangaa Itoophiyaa fi Sudaan irratti qabsoo hidhannoo gaggeessaa ture.
Haata'u malee waamicha mootummaa naannoo fi federaalaa fudhachuun qabsoo hidhannoo keessaa ba'ee jireenya nagaatti deebi'ee hojiiwwan garaagaraa hojjechaa tureera.
Abdulwahaab hookkara waggoota dura magaalaa Asoosaatti dhalate kakaasuu keessaa harka qaba jedhamuun shakkamee to'atamee, mana hidhaa magaalaa Asoosaatti waggaa afur erga dabarsee booda torban Wiixata dheengaddaa guyyaadhaan miliqee bade.
Yeroon adabbii isaa wayita xumuramuu jala ga'etti kan miliqe Abdulwahaab, sakatta'iinsa gaggeeffameen hanga ammaatti aragamuu hin dandeenye.