Hokkora Asoosaatiin walqabatee angawoonni 4 hojiirraa ka'an

Hokkorra naannoo Benishaangul Gumuuz keessatti uumameeen walqabatee angawoonni afur harka keessaa qabaniifi ittigaafatamummaa isaanii hin bahanne jedhaman irratti tarkaanfiin fudhatamuusaa, Itti gaafatamaa Itti aanaan Waajjira Dhimmoota Komunikeeshinii Naannichaa obbo Iyyoob Sambatoo BBCtti himaniiru.

Itti gaafatamaan Biiroo Bulchiinsaa fi nageenyaa Naannichaa, Komishinarri Komishinii Poolisii Naannichaa dhorkaan akkasumas ajajaan humna addaa fi itti aanaan isaanii hojiirraa ka'aniiru.

Keessattuu sababni komaandaroonni naannichaa itti ka'an, 'naannoowwan waldhabdee fi okkorri itti ka'e keessatti lubbuun namaa darbuun dura tarkaanfii fudhachuun ni danda'ama ture. Erga uumamees booda dhaabsisuun osoo danda'amuu lubbuun namoota 14 darbeera. Rakkoo gaggeessummaati'' jedhu Obbo Iyyoob.

Kunis tarkaanfii jalqabaati kan jedhan obbo Iyyoob, gara fuuladuraattis naannoodhaa hanga gandaatti sirreeffamni akka fudhatamus himaniiru.

Haalli magaalicha keessa jirus tasgabbaa'aa jiraachuus Obboo Iyyoob ibsan.

Wiixata irraa eegalees hojiin daldalaa eegaleera.