Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Awurooppaatti richiitiin waggaa haaraa labsachuuf dhukaafame namoota ajjeese
Awurooppaatti richiitii waggaa haaraa kan 2022 labsachuuf dhukafameen namoonni sadii yoo du'an baayyeen ammoo madaa'aniiru..
Neezerlaandis keessatti sababii richiitii waggaa haaraa labsachuuf dhukaafame kanaan daa'imni umuriin waggaa 12 kan du'e yoo ta'u, namni biraan tokko ammoo guddaa madaa'eera.
Akka miidiyaaleen biya keessaa gabaasanitti, daa'imni kun kan du'e richiitii namni ga'eessi tokko mana isaatti qopheeffatee dhukaasuuf yaalaa ture tokko cinaa dhaabbatee osoo ilaalaa jiruu balaa irra gaheenidha.
Poolisiin Neezerlaandis nama kana to'annoo jala oolchee jira.
Biyya Jarman keessatti ammoo ga'eessi umuriin isaa waggaa 37 ta'e tokko sababii richiitii gammachuu waggaa haaraa kan baa 2022tiif dhukaafameen lubbuu isaa dhabeera. Namichi kun magaalaa Heneef jedhamtu gama Lixa Jarmanitti argamtu keessa jiraata ture.
Poolisiin magaalattii taatee lubbuu galaafate kana hordofee qorannoo gaggeessaa jira jedhameera.
Burqaan oduu Jarman DPA jedhamu akka gabaasetti, Jarman keessatti balaawwan biroon baayyeen sababa richiitii dhukfaamanin qaqqabaniiru.
Akka gaazexaan Deylii Telegiraaf jedhamu barreessee baasetti, Neezerlaandis keessatti yoo xiqqaate namoonni 80 ta'an sababii richiitii balaa hanga harkaafi miila isaanii dhabanitti isaa geessisu mudateera.
Neezerlaandis ta'e Jarman lachanuu sababa tatamsa'inni koronaavaayirasii deebiyee hammaateef waggaa haaraa kabajuun walqabatee richiitiin akka hin gurguramne dhorkanii turan.
Aaanga'oonni Neezerlaandis/Daach hospitaalonni balaa sababa richiitiitiin qaqqabu wallaanuudhaaf yeroo hin qaban jedhee ture.
Biyyoonni lamaanuu richiitiin akka faayidaarra hin oolleef dhorkanillee, namoonni seera kana cabsan garuu balaan akka qaqqabu taasisaniiru.
Namoonni baayyeen daangaa biyyaa qaxxaamuranii richiitii bitatanii kan deebiyan yoo ta'u, namoonni tokko tokko ammoo ofiidhuma isaanii mana keessatti hojjetataniiru.
Ostiriyaa keessattis akkasuma haala wal fakkaatuun namoonni baayyeen balaan kan irra gahe yoo ta'u, dargaggeessi umurin isaa waggaa 23 ta'e tokko sababiidhuma richiitii kanaa lubbuun isaa dabarteetti.
Odeeffannoo biroof:
- 'Covid-19 bara haaraatti ni mo'ama abdii jedhun qaba' -Dr Teedroos Adhaanoom
- Teknoolojiin akkaataa waraanni itti gaggeeffamu jijjiiraa jiraa, kan itti-aanu maal fakkaata?
- Mucaan qoricha qaalii addunyaa £1.79m fudhate jireenya haaraa eegaluu haati himte
- Seerri gargaarsa doktarootaan lubbuu ofii baasuu eeyyamu Awustiraaliyaatti hojiirra ooluu eegale