Teknoolojiin akkaataa waraanni itti gaggeeffamu jijjiiraa jiraa, kan itti-aanu maal fakkaata?

Miisaa'eelii furgugfamuu fi Ameerikaa keessatti argamu

Madda suuraa, GIANCARLO CASEM/US AIR FORCE

Waggaa gara waggaatti haalli waraanni ittiin gaggeeffamu geedaramaa dhufeera. Yeroo ammaa kana meeshaalee waraanaaf oolan kan teeknooloojiin dabaalaman ta'aa jiru.

Fakkeenyaaf, bara darbe UKn jijjirama caasaa raayyaafi tikaa ishee irratti taasifteen, kutaa dandeettii nam-tolchee (Artificial intelligence)f maallaqa olaanaa ramaddee jirti.

Faallaa kanaa ammoo maallaqni loltootaafi meeshaalee barri irra darbeef ramadamu hir'ateera.

Muddamni waaraanaa addunyaarratti bakkeewwan adda addaatti yaaddoo ta'eera.

Muddamni Raashiyaafi Ukireenis fakkeenya dhiheenyaati. Raashiyaan NATO bakkeewwan daangaawwan bulchiinsa miseensotasaa tokko tokko keessaa akka bahuun akeekkachifte.

Chaayinaanis yoo barbaachisaa ta'e humnatti fayyadamuun Taayiwaaniin bulchisa ofii jalatti akka deebiiftu dhaadataa jirti.

Itoophiyaanis waggaa tokkoo oliif waraana keessa jirti. Sooriyaattis haleellaan hidhatootaa ammalleen akkuma itti fufeetti jira.

Biyyota Afrikaa adda addaa keessatti ammoo gareen bulchiinsa Islaamaa (IS) shororkaa uumuu itti fufeera.

Wayita addunyaan akkasiin walitti bu'insaan dhiphataa jirtu kanatti waraanni bifa akkamii qabachuu danda'aa? Gaaffiin jedhu kun ni ka'a.

Keessattuu, waraanni biyyoonni guddatan harka keessaa qaban maal fakkaachuu dad'a laata?

Chaayinaa, Raashiyaafi biyyoonni lixaa erga waraana isaanii hammayyeessanii bubbulaniiru. Raashiyaan Onkolooleessa keessa misaa'eela ishee gara hawaatti furgugsuun saatalaayitii ofii rukkutte.

Chaayinaan ammoo miisaa'iea saffisa sagaleen walitti dhiyaatu qabu yaalaa jirti.

Haleellaawwan karaa intarneetiin gaggeeffamaniis dabalaa jira. Siriiyyuu intarneetiin haaki gochuun waraanaa mataasaa danda'e jechuutu salphata.

Miisaa'eelii Chaayinaa Dong Fangi Beejiingi keesstti agarsiifame

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Miisaa'eelii Chaayinaa Dong Fangi Beejiingi keesstti agarsiifame

Bara bulchiinsa Kilintaniifi Obaamaatti Ittigaafatamaa Imaammata Peentaagoon Ameerikaa kan turan Miisheel Faalarnoor akka jedhaniitti, addunyaan lixaa waggoota 12 darban keessaa gidduu-gala irratti xiyyeeffannaa taasisan.

Dorgomtoonni biyyoota lixaa garuu meeshaa hammayyaa oomishuu eegalan.

''Ameerikaa, UK fi biyyoonni michusaanii kaan waggoota 20 darbaniif farra shororkeessaafi Iraaqiifi Afgaanistaan irra ture xiyyeeffannaan isaanii. Amma garuu biyyoonni humna keenya qoran nu mudataniiru,'' jedhan. Isaanis Raashiyaafi Chaayinaadha.

Mootummaan UK ''yaaddoowwan cimaa'' fi ''morkattoota addunyaa lixaa'' jechuun ibsaan.

Raashiyaafi Chaayinaan meeshaalee waraanaa ammayyaa omishuun alattis karaa intarneetiin odeeffannoo hataa turan. Hanga filannoo biyyoota lixaa gidduu-galuu gahaniiru.

Sababii waldhabdee Raashiyaafi Ukireen, Raashiyaan osoo biyyoota lixaa waliin wal looltee ykn sababii Chaayinaafi Taayiwaaniin Ameerikaan osoo loltee, waraanichi maal fakkaachuu danda'a?

Dhaabbata Qorannoo Tarsiimoo Idil-Addunyaatti kan waa'ee dhimma odeeffannoo adeemsa loltummaa Chaayinaa qoratan, Maayaa Nuweens akka jedhaniitti, waraanniiwwan kunneen osoo eegalanii dhimmi murteessaan waraana odeeffannooti.

Chaayinaan dhaabbata haaraa hawaafi odeeffannoo intarneetii irratti xiyyeefatu hundeesite jirti.

Kanaafuu, Chaayinaan biyyoota lixaa waliin osoo waraana eegalte, tarkaanfiin jalqabaa haleellaa intarneetiin gaggeeffamu ta'a.

Saataalaayitii dabalatee sararawwan quunnamtii biraa kutuun waraanni ni cima.

Misaa'eelii humna qilleensaa Ameerikaa

Madda suuraa, GIANCARLO CASEM/US AIR FORCE

Ibsa waa'ee suuraa, Misaa'eelii humna qilleensaa Ameerikaa

Firaanzi-Isteefan Geduu waa'ee waraanoota gara fuula duraa kan qortan akka jedhaniitti, yoo waraanni odeeffannoo ka'utti carraan haalli itti bilbilli tokkoon tokkoo keenyaa itti citu, buufataaleen boba'aa duwwaa itti ta'an, fi hir'inni nyaataa itti mudatu bal'aadha.

''Waraanawwan gara fuuladuraa ka'an kan irratti xiyyeeffatan loltoota qofaa osoo hintaane lammiilee irrattis,'' jedhu.

Walitti dhufeenya saatalaayitii butamuun dhaabbate jechuun biyyi tokko odeeffannoo wal jijjiruu hindandeessuu jechuudha.

Kanaan ammoo maal ta'aa akka jiru, ittaanee maal akka ta'u baruun cimaa ta'a.

Maayaa Nuweens akka jedhanitti, biyyi haleellaan odeeffannoo irra gahe deebisee yoo miidhu, miidhaa irra gahe caalaa ykn isaan gadi qaqabsiisu danda'a.

Waraana odeeffannoo to'achuun rakkiisaa waan ta'uuf haalli waraanichi cimee itti fufuu jiraachuu danda'a.

Dandeettiin argannoowwan nam-tolchee gara garaa waraanawwan gara fuulduraatti ka'an haalaan akka geedaran tilmaamama. Odeeffannoo wal jijjiruufi tarkaanfii atattamaa fudhachuuf ni gargaara.

Gama kanaan Ameerikaan fageenya dheeraa imaltee jirti. Addunyaan lixaa kaan garuu Chaayinaan qoramaa jiru.

''Namootaafi mashinoota waliitti fiduun haleellaa cimaa qaqabsiisuun ni danda'ama,'' jedhu Miisheel.

Namni tokko maashinoota 100 akka to'atu yoo ramadamu humna namaafi bobbaatii jidduutti olaantummaan ni mirkanaa'a.

Chaayinaafi Raashiyaan miisaa'elii haaypasooniikiin biyyoota lixaa ni caalu. Misaa'eloonni kunneenis sagalee caalaa dachaa 5-17 saffisu. Nikularaas ni baatu.

Raashiyaan miisaa'ela Hayiparsoniikii Zikroon jedhamu yaaltee mirkooftee jirti. Meeshaa kutaa addunyaa kamittuu haleellaa raawwachuu danda'u ta'uu ibsite jirti.

Chaayinaanis Dong Fangi 17 bara 2019tti ifa taasifte. Meeshaa qilleensa keessa furgugfamu kana butuun rakkiisaadha.

Ameerikaan yaaliin gama kanaan taasifte bu'aa guddaa hin agarsiifne. Ameerikaanis meeshaalee Chaayinaan qabdu xiyyeefannaa keessa galchuun waraana keessa galuuf barbaaduu dhiisuu dandeessi.

Chaayinaa Taayiwaan yoo weerarteyyuu Ameerikaan hangam jidduu galti? kan jedhus hanga meeshaa Chaayinaan qabduun murtaa'a.

Raashiyaan sochii daangaa Ukireen irratti taasiftu addunyaa yaaddeesseera. Waraanaa rasaasaa barameen alatti haleellaan intarneetii raawwatamuu danda'a.

Tarii haala waraana lafoofi taankii gadi hintaaneen waraanni odeeffannoo jiraachuu danda'a.

Rookeettii saataalaayitii feetu Ispeen Eksi

Madda suuraa, Getty Images

Firaanzi Istefan-Geduu akka jedhaniti, UKn baajata raayyaa ishee irraa gahee olaanaa nageenya odeeffannoof ramaduunshee waggoota 20 dhufan keessatti murtee gaariidha.

''Waggoonni ittaanan 5-10 rakkisaa ta'u. Meeshaalee teeknooloojiin hogganamaniifi jalqabbiirratti argaman irratti hirkachuun hindanda'amu,'' jechuun yaaddoo qaban himu.

Biyyoonni lixaa yoo walta'an yaaddoosaanii ilaaluu akka danda'an ittigaafatamaan Imaammata Peentaagoon Ameerikaa kan turan Miisheel ni dubbatu.

''Teknoolojii sirrii irratti maallaqa keenya yoo baafneefi yoo wal gargaarree yaaddoowwan waaraanaa keenya ni hir'ifna. Naannawa galaana Indiyaa bilisa gochuun waliin badhaadhuu ni dandeenya,'' jedhan.

Odeessaalee walfakkaatan: