Sudaaniitti hiirira mormii Kamisa taasifameen namoonni afur ajjeefaman

Sudaan keessatti hiriira mormii motummaa itti fufee gaggeeffamee irratti tarkaanfii humnootii nageenyaatiin fudhatameen Kamisa Muddee 29, 2021 namoonni afur ajeefamuun dhagahame.

Humni waraanaa biyyattii bulchaa jiru bu'ee bakkasaa motummaan siviilii aangoo akka qabatu gaafachuun magaaloota Sudaan garaa garaa keessatti mormiin erga gaggeeffamu eegale bubbuleera.

Gareen hakiimoota Sudaan akka jedheetti Kamisa kaleessaa hiriira mormii motummaa waraanaa akka ka'uuf gaggeeffame irratti tarkaanfii fudhatameen magaalaa Omidurmaan jedhamtuutti namoonni afur ajjeefamaniiru.

Motummaan waraanaa Sudaan mormii akka dhorkaniif loltoota baayyee bobbaasuun alatti tajaajilawwan bilbilaafi intarneetii adda kuteera.

Forqolcha motummaa Onkololeessa darbe MM Abdalaa Hamdok irratti gageeffamee hordofuun mormii egaleen hanga yoonaatti namoonni 50 ajjeeffemutu himama.

Omaara Al-Bashir erga aangoorraa kaafamaniin booda lammiilee biyyattii humna waraanaa Janaraal Al Burhaaniin hoogganamu aangoo qabate irratti mormiin leeliftoota dimookiraasitiin taasifamaa jira.

Magaalaa guddiittii biyyattii Kaartuum dabalatee magaaloota adda addaa keessatti waranaa mormuufi aangoon gara siviiliitti akka deebii'u gaafachuuf hiriirri gaggeeffamaa jira.

Keessatti Kaartuum keessatti humnootiin nagaa hedduun bobbaafaman illeen mormiitoota sagaleessaanii dhaggeessiisu irraa dhorku hin daneenye.

Kaleessas magaala Omedurmaan kan dhiheenya Kaartumiitti argamtuutti namoonni afur rasaasaan ajjeefamaniin kaan hedduun ammoo miidhaan irra gahun gabaafame.

Mormiitoonni gara magaalaa guddoo akka hin seenne dhorkuuf riqichawwan irratti humnootii naheenyaatiin daandiileen cufamaniiru.

Haata'u malee kanneen hiriiraaf bahan cabsanii darbuun gara masaraa pirezidaantichaatti wayita dhiyaataniitti poolisiin bittinseera.

Waliigaltee qoodiinsa aangoo waggaa sadiin dura taasifameen hogganaa motummaa ce'umsa Sudaan kan turaniif fonqolcha motummaa kan dursan Janaraal al- Burhaan aangoosaanii namoota siyaasaa siviilitti dabarsuu kan qaban Sadaasa darbe ture.

Janaraalichi garuu fonqolchicha kan gaggeesseef biyyattii gara wal waraansaatti akka hingalleef oolchuuf waan ta'ef tarkaanfii sirriidha jedhan.

Jenaraalchi ammas taanaan biyyattii adeemsa ce'umsaa irratti akka argamtuufi aangoos gara bulchiinsa siviiliitti dabarsuuf kutatoo ta'u himuun waggaa lamaan booda filannoon ni gaggeeffama jedhan.

MM Handok kan fonqolchichaan booda gara aangootti deebiifaman waliin waliigaltee taasisaniin hanga filannoon gaggeeffamuutti kaabinee oggeessootaa akka qabaatan ibsniiru.

Ta'us motummaan siviil haaraan olaantummaa janaraalota waraanaa jala waan ta'uuf aangoon biyya hogganuuf qabaatu hangam akka ta'e ifatti hin bekamu.

Erga yeroo waggoota soddomatti siquuf biyyattii kan bulchan Omaara al-Bashir mormii ummataatiin aangoorraa kaafamuun mana hidhaa galaniin booda, biyyattii gara sirna dimokraasiitti ceesisuuf motummaa ce'umsaa hundeeffamulleen, osoo hoggantoota waraanaa fi siivilii jidduutti waliigalteen hin umamiin hanga yoonaatti jiru.

Fonqolchi motummaa Janaraal al-Burhaaniin baatii Onkololeessaa keessa gaggeeffame ammoo biyyattii keessatti ukkoora cimseera.