Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Fonqolcha Sudaan: Humnootiin nageenyaa Sudaan tarkaanfii humnaa hiriirtotarratti fudhataniin himataman
Humnootiin nageenyaa Sudaan namoota mormii fonqolcha motummaa waraanaan gaggeeffameef magaalaa guddiittii biyyattii Kaartuum keessatti bahan irratti tarkaanfii humnaan olii fudhachuun himataman.
Gamtaan Hakiimootaa kan sochii mormichaa deeggaru akka jedhetti, hiriira guyyaa Sanbataa gaggeeffameeratti namoota 178 irra miidhaan qaqabeera. Kanaafis humnootiin nageenyaa rasaasaatti fayyadamuu isaaniitii jechuun baleelleefatan.
Gama biraatiin ammoo aanga'oonni Sudaan qondaaltoonni poolisii 58 ta'an tibba hiriira mormii kanaatti miidhaan irra gahuu gabaasan.
Kana malees namoonni 100 ol ta'an magaalaa guddittii keessatti to'annnaa jala oolfamusaanii himan.
Hiriirtoonni leelliftoota dimokraasii hiriira guyyaa Sanbataa gaggeessan irratti namoonni kumaatamaan lakkaa'aman kan hirmaatan yoo ta'u, torbaniitti yeroo lammataatiif alaabaa mirmiirsuufi dhaadannoo mormii waraanaa dhageessiisaa naannawa masaraa pirezidaantiitti hiriira gaggeessan.
Namoonni hiriiraaf bahanis humnootii nageenyaa hedduufi gaazii imiimaanneessaa namoota bittiinsuuf biifameetu isaan mudate.
Akkasumas Magaalaa buufata Sudaan bakka itti namoonni reebamuufi hidhamuun gabaafameetti dabalate, magaaloota kaan biraa keessattis hiriirri mormiin gaggeeffameera.
Roogeeyyoonnis guyyaa Sabnata kaleessaa kan baatii lammaaffaa erga janaraalichi fonqolcha gaggeessuu itti lamseetti mormii daandiirraa walitti fufaa karoorsaniiru.
Torbaan darbe keessa namoonni kumaatamaan bahuun fonqolcha waraanaan Onkolooleessa 25 gaggeeffameen booda, hiriiraaf bahan Kaartuum guutuutti bulchiinsa siviilii bakkatti akka deebii'uu gaafataa turan.
Waliitti buu'iinsa poolisii fi mormiitoota jidduutti torban darbe ummameen namoonni 100 ol miidhamaniiru.
Akkasumsa humnootiin nageenyaa dubartootaafi shamarran mormii bahan hedduurratti irratti miidhaa saalaa raawwataniiru jedhamuun himataman.
Hogganaan fonqolchaa Janaraal Abdal Fattaa al- Burhaan garuu waraanni tarkaanfii foqolchaa kan fudhate wal waraansii biyyattii keessatti akka hin umamnee oolchuuf jechadha jechuun gochaa raawwatan gaarii ta'u himu.
Bulchiinsa motummaa ce'umsa siiviil akka jiraatu gochuuf mortoo qabaachuu himuun, filannoo Adooleessaa 2023 akka gaggeessuuf karooran himu.
Haata'u malee motummaan siviilii haaraan aangoo waraanaa jala waan jiruuf aangoo attamii akka qabaachu danda'u ifa miti.
Akkasumas Janraalichi mormiin gaggeeffamaa jiru kunis ce'umsa dimokraasii nagaatti danqaa ta'a jechuun akeekkachiisaniiru.
Rogeeyyiin dimokiraasii leellisan warraaqsi bulchiinsa hogganaa biyyattii bara dheeraaf hogganana Omaar al Bashiiriin bara 2019tti aangoorraa buusee waraanaan hatameera jechuun himatu.
Odeessaalee dabalataa: