Abjuun koo hawaasa otoo hin baratiin na barsiise barsiisuudha’-Dr Ruut Dirribaa

Goota fayyaa 2021 jedhamuun kan filatamte Dr Ruut Dirribaa

Madda suuraa, Ruth Diriba

Ibsa waa'ee suuraa, Goota fayyaa 2021 jedhamuun kan filatamte Dr Ruut Dirribaa

''Abjuun koo hawaasa otoo hin baratiin na barsiise barsiisuudha'' jechamni jedhu irra deddeebiin ni dhaga'ama. Namoota kaaniif jechamni kun dubbii afaanirra kan darbe miti.

Ogeeyyii akka Dr Ruut Dirribaatiif garuu jechamni kun hiika guddoo qaba. Kanas gochaa isheetu ragaadha.

Dr Ruut hakiima dargaggeettidha.

Dr Ruut dhalattee kan guddatte Haroomayaa, Yuunvarsiitii Haroomayaa fuuldura, mandara Baatii jedhamtu keessatti. A.L.I bara 2004 irraa kaaste ganna 6'f Hospitaala Phaawulositiitti ogummaa hakiimaa baratte.

Barattuu wayita turtetti abjuun ishee baadiyya deemtee ogummaa baratteen hawaasa tajaajiludha ture. Naannoo Sidaamaa hospitaala Lakkuu sadarkaa jalqaba keessatti wayita ramadamtu gammachuun simatte.

Dr Ruut kutaa wal'aansa daaa'immanii, Kutaa wal'aansa atattamaa fi kutaa dhukkubsatootnii deddeebi'anii keessaas hojjatteetti. Ogeettiin kun damee fayyaa dubartootaaf xiyyeeffannoo kenniti.

Yeroo ammaatti dhaabbata 'Last Mile Health' jedhamu keessatti ittisa koronaavaayirasiirratti hojjataa jirti. Bara faranjootaa 2021 kanatti ogummaa fayyaatiin gumaacha qabduurraa ka'uun 'goota fayyaa bara kanaa' jedhamtee beekamtii argatte.

Beekamtii kana 'Women in Global Health' jedhamutu kenneef. Dr Ruut waliin ogeeyyiin fayyaa dubartoota biyyoota kanneen akka Keeniyaa, Paakistaan,Panaamaa, Libaanos, Indiyaafi Seeraliyoon irraa beekamtii argataniiru.

Dubartoonni torbanuu fayyaa dubartoota, akkasuma walqixxummaa koorniyaa irratti gumaacha qabaniif 'goota' jedhaman.

Sadarkaa idil-addunyaatti sirna eegumsa fayyaa %70 dubartoonni kan haguugaan yoo ta'u, dubartoonni damee fayyaa hawaasummaan giddugaleessaan doolara tiriiliyoona sadii galii taasisu.

Dubartoonni tajaajila fayyaa hawaasa bu'uureffaterratti gumaacha guddaa qabaatanillee kabajaafi beekamtii gumaacha isaanii gitu itti hin arganne.

Kanarraa ka'uun 'Women in Global Health' waggaa waggaadhaan ogeeyyii fayyaa dubartootaa biyyoota garaa garaatiif beekamtii kenna.

Dr Ruut beekamtii kana erga gonfatte booda BBC turtii taasifteen''Hawaasa otoo hin baratiin na barsiise jechamni jedhu namoota kaan keenyaaf jedhama qofaadha.

Rakkoo hawaasa keessa jiru hanga hubannuttidha,''jette. Hospitaala Lakkuu yeroo turtetti damee fayyaa dubartootaafi hawaasaa akka hojjattuf jajjabina akka ta'eef dubbatte.

Dr Ruut goota fayyaa bara kanaa ta'uun kan filatamte yoo ta'u, miira akkamitu itti dhaga'ame laata?

''Jalqaba nan nahe. Sana booda nan gammade.''

Badhaasichi dirqama guddaa narra kaa'e

Hojiin hojjadhe caala fuulduratti caalatti hojjjachuu akkan qabutu natti mul'ise. Beekamtiin waantan argadheef baayyeen gammada. Badhaasichi ana qofaaf oto hin taane damee fayyaarratti ogeeyyii bobba'aniif, hojii gaarii hojjataniif beekamtii kan kennuudha,''jette.

Badhaasichi waggaa waggaan dubartoota biyyoota garaa garaatti ogummaa fayyaarratti bobba'aniif beekamtii kenna.

Barana immoo hakiimota dubartootaa koronaavaayirasii ittisurratti hojjataniirratti xiyyeeffate.

Dr Ruut amma dhaabbatni keessa hojjattu 'Last Mile Health' Itoophiyaa dabalatee biyyoota akka Laabeeriyaa, Yugaandaa fi Laaberiyaa keessa hojjata.

Ogeeyyiin biyyoota kanneen keessa kan kaadhimaman yoo ta'u, Itoophiyaarra Dr Ruut injifattette. Dr Ruut weerara koronaavaayirasii ittisuuf leenjii appilikeeshiinii bu'uureffate qopheessuu isheetiin injifatte.

Kana malees ogeeyyii ekteenshinii fayyaa karaa intarneetii leenjisuurratti ni hirmaatte.

''Badhaasichi karaa baayyee naaf bana''

Dhaabbata Laast Maayil Heelzi jedhamutti ogeeyyii ekteeshinii fayyaa waa'ee Covid-19 gama appilikeeshiniitiin wayita leenjii kennitu hirmaannaan dubartootaarratti haqinni jiraachuu hubatte.

''Kana jechuun dubartoonni marsariitiitti hin gargaaraman jechuu miti, leenjii yeroon kennu garuu, lakkoofsi isaanii gadaanaadha.

Xiyyeeffannoon koo lakkoofsa kana akkamittiin daballa? kan jedhu.'' jette. Ogeeyyii ekisteeshinii fayyaa keessaa harki caalan isaanii dubartoota.

Hirmaannaan isaanii garuu kana hin agarsiisu. Hakiimni kun akka jetteetti sadarkaa idil-addunyaatti beekamtii agarchuun ishee rakkoolee jiran furuuf tattaaffii gootu akka deeggaran amanti.

''Badhaasichi beekamtiirra kan darbee fi carraa heddu naaf bana. Carraawwaan kanaan ofirraa darbuun hawaasa fayyaduun ni danda'ama''jette.

Dr Ruut badhaasichi karaa banuufiin ogummaa isheetiin rakkoolee mul'ataniif fala barbaaduu yaaddi.Kanarraa ka'uun''badhaasichi akkan dubbadhuufi akkan hojjachu na gargaara''kan jetteef.

''Fayyaan dubartootaa ulfaafi da'umsaan kan walqabatu qofa miti''

'Fayyaan dubartootaa wayita jedhamu yeroo heddu rakkoolee ulfaa fi da'umsa wajjiin dhimma walqabateef xiyyeeffannoo laata.

Haata'u malee, dhukkubbiin kan dubartoota mudatu yeroo kana lamaan qofa miti. Dr Ruut dhukkubbiin kanneen akka fistulaafi gadameessi gara alaatti bahuu fa'aan walqabatullee xiyyeeffannoo argachuu qabu jettee gorsite

Itti dabaluun, fayyaa dubartootaa eeguu keessatti kaansarii harmaa, gadameessaa fi dhukkuboota biroofillee xiyyeeffannoon laatamuu qaba jette.

''Naannoo sabaa, sablamootaafi uummattoota Kibbaatti yeroo hedduu gadameessi gara alaatti bahuun ni mudata.

Warqee wayita duuganitti dhiibbaa garaa irratti uumamuun da'uumsarratti rakkoo uumamuuf ka'umsa ta'a. Dhimmoota kanarratti hojjatamuu qaba,''jette. Dhimmi biraan dubartoonni otoo hin gahiin heeruman barnoota dhiisu.

Ijoolleen durbaa baadiyyaarraa gara magaalaa barnootaaf wayita deeman ulfaa'uun, otoo hin gahiin heerumaaf saaxilamuun barnoota addaan kutu.

Kun immoo lakkoofsa dubartoota yunvarsiitii seenanii hir'isa. Hakiimni kun gorsi isheen kennite, fayyaa walhormaataarratti barnoonni dubartoota bu'uura godhate kennamuu qaba kan jedhu.

Dhaabbileen fayyaa gama xiinsammuutiin deeggarsa kennuudhaan dirqama isaanii bahuu qabu jette.

''Dhibeen qaamoota hormaataa akka safuutti ilaalamu''

Dr Ruut akka jettutti, dhibeewwan gadameessafi qaamolee hormaata biroo waliin hidhata qabu hawaasa biratti akka safuutti ilaalamu.

Kanaafuu, dubartoonni waa'ee dhukkuboota kanaa haasa'uufi mana yaalaa dhaquurraa of qusatu. Dubartoonni hospitaala dhaqan kaan isaanii erga dhibichi sadarkaa walxaxaarra gaheefi miidhaa guddaa hordofisee booda.

Hawaasni dhukkuboonni akkasii ''abaarsa waaqayyooti''jedhee amana. Ilaalcha sirrii hin taane akka sirriiffamee, dubartoonni dhaabilee fayyaa akka deeman hubannoon uumamuu akka qabu hubachiifte.

Wal'aansi gadameessafi dhaabbileen baqaqsaanii yaaluurratti hojjatan walta'iinsaan hubannoo uumuu qabu jette.

Imala jiruu Lakkuurraa hanga dhaabbata 'Last Mile Health'

Dr Ruut ganna lamaaf hospitaala Lakkuu hojjatte. Yeroo sana hawaasa tajaajiluun fayidaa akka qabu kan hubatte. Akkuma yunvarsiitiirraa eebbifamteen fedhaafi ogummaa gonfattee gara hospitaala Lakkuu dhaqxe.

Dubartoonni addatti kutaan itti qorataman akka jiraatu gaafattee turte. Kan biraammoo kutaan wal'aansa daa'immaanii fakkiifi meeshaaleen daa'imman ittiin taphatan akka qabaatu gaafatte.

Gama biraatiin ogeeyyiin fayyaa dubartootaa ogeessaarraa amma hoggaansatti keessaatti hirmaachu akka qaban gaafatte. Dr Ruut hospitaala Lakkuu erga hojjattee booda Institiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaatti qacaramte.

Ganna lamaaf dhibeen haaraan yeroo argame qorachuufi kutaa wal'aansa yeroo muddamaa hojjatte. Weerarri Covi wayita dhalatu miidyaaleef odeeffannoo kennuun hawaasa keessatti hubannoo uumuurratti hojjataa turte.

Amma dhaabbata 'Last Mile Health' teeknolojiin dabaalamu keessa hojjatti. Dhibeewwan salphaatti ittisuun danda'amurratti sirnaan waan hin hojjatamnee rakkoolee kana furuuf ogeeyyii ekteeshiinii fayyaa irratti ni hojjatti.

Oggeeyyii ekteenshinii fayyaa ga'oomsuun fayyaa hawaasaaf buu'ura akka ta'eellee kaaftetti.

Sirna fayyaa maaltu haa fooyyeffamu?

Dr Ruut sirni fayyaa fooyyessuuf damicha oggeeyyii fayyaatu hogganuu qaba, akkasuma inshuuraansiin fayyaa amansiisaan jiraachuu qaba jette.

Dameen fayyaa haqnoota meeshaalee wal'aansaa, ogeeyyii fi hooggansaa akka qaban ogeeyyiin fayyaa kan himan.

''Hoggansi ogeeessa fayyaa yoo hin taane murtoo damee fayyaa hin madaalle kennuu mala'' jette ogeettiin kun.

Murtoon damee fayyaa ilaallatu wayita kennamufi bajanii wayita ramadamu ogeeyyiin fayyaa murtoon wayita kennamu keessatti hammatamuu qabatu jette.

Kana malees inshuraansii fayyaa amansiisaa ta'e hojiitti hiikuun dhabuun rakkoo damee fayyaa keessatti mul'atu ta'uu kaaftetti.

Keessattu dhukkubsattoonni baadiyyaarraa wayita dhufa waan qaban gurguranii mana yaalaa dhufu jette.

Wal'aansi kalee qulqulleessuun booda jireenya isaanii gaggeeffachuun akka dhukkubsattootatti ulfaatu hakiimni kun kaafteetti.

Itti dabaluun, inshuraansii fayyaa dhukkubsattoota qofaaf otoo hin taane sirna eegumsa fayyaaf akka fayyadu Dr Ruut himteetti.