Waa'ee fayyaa dubartootaa haasa'uu akka 'saalfachiisaatti' ilaalamuun miidhaa qaba jedhame

Madda suuraa, Lucy Cohen
Dhimma wal'aansa fayyaa dubartoota ilaalchisee ifatti haasa'uun akka dhimma safeeffatameetti hafuunsaa miidhaa qabaachu dubbatu waa'ee fayyaa dubartootaa irratti duula gaggeessaa kan jiran.
Yadni kun jalqaba kan ifatti dubbatame wayita dhiyeessituun sagantaa BBC Naagaa Muncheetii muxannoo ishee tibba mala ittisa da'umsaa luuppii (IUD) jedhamu taasifateetti keessa dabarte ilaalchisuun Raadiyoo 'BBC 5' irratti qooddeeen booda ture.
Isaan boodas dubartoonni kaanis muuxannoosaanii qoodu jalqaban.
Luusii Koheen, wal'aansi mala ittisa dhahumsaa luuppii wayita kennamutti, haala dubartii malicha galfatuutti dhukkubbiin haala itti hin dhagahamneen akka gaggeeffamuuf biyyashee UK, Weelsiitti sagalee walitti qabu jalqabdee turte.
Ogeeyyiin fayyaa garuu luuppii galfachuun dhukkubbii cimaa hin qabu jedhu.
'Akka saalfiifi kan hinkaafanetti ilaalama'
Dubartiin ganna 38 Naagaa Munchetii, jalqaba mala ittisa da'umsaa luuppii (IUD) jedhamu wayita gadameessa keessa galfameefiitti akka waan dhukkubichi ishee qofaatti dhagahameetti yaaddi turte.
Aaddee Kooheen qoricha dhukkubbii itti wayyeessu kamiiyyuu akka hin fudhanne himti. ''Dhukkubbiin isaa cimaa akka adeemuu ilaalchisee namni takkaa natti hime hin ture'' jetti.
Mala ittisa da'umsaa kana erga fudhatteen booda muuxannoo dubartoota biroo baruudhaaf miidiyaa hawaasaarratti gaaffii maxxansite.
Sana boodas dubartoonni 1,300 ol ta'aniifi malli ittisa da'umsaa walffakkaataa fudhatan, muxannoo miira dhukkubbii qabaachuu fi tajaajjiilli dhukkuubbi hir'isu akka hin kennamneef qoodan.
Ogeeyyiin fayyaa namni kamuu luuppii mala dhukkubbii hin qabne fi milka'aadha jedhanii qofa dhiisuu hin qaban. Wal'aansi dhukkuubbii ittisuus 'akkuma qaama wal'aansichaatti irratti mar'atamu qaabaata' jedhu.
Kanaaf deebii kennuufis mootummaan Weelsi ''tajaajilli gorsii fi deeggarsa qorichaa ykn tooftaan dhukkubbiirra ittiin bayyanatanii qaama wal'aansa kilinikaa ta'u qabaata,'' jedhan.
Gorsi kunis tibbuma tajaajilli kilinikaa dhukkubsataaf kennamu irratti mari'atamu qabaata jedha.

Madda suuraa, Getty Images
Aadde Koohen akka jedhaniitti, dhimma fayyaa dubartootaa haasa'un akka dhimma saalfachiisaatti ilaalamunsaa, ''akka kunuunsa wal'aansa fayyaa sirrii ta'e hin argannee nu danqeera,'' jedhan.
''Jaarraa kana keessatti waa'ee fayyaa dubartiin walqabatee haasa'uun akka safeeffannaatti ilaalamuun waan kolfaati. Yaadni akkasii kun hafuu qabaata sababii fayyaa dubartootaarratti miidhaa qabaatuufu.''
''Saalfiin akkasi kun dubartoota ni miidhe, kanaafu baduu qaba'' jetti.
''Dhimmoonni akka laguu, tajaajila karoora maatii, yeroo dahumsaa hanga umurii dahumsa dhaabuu jiran kunneen hunda dubbachuun hunduu ajaa'iba, akka waan safeeffatamutti, akka waan iccitiitti lakka'amu'' jetti.

Madda suuraa, Getty Images
Haaluma walfakkaatuun, dubartiin biraa Fiyoonaa Moorgaan jedhamtu malli karoora maatii luuppii fayyadamtu ''dhukkubbii cimaa hin qabu'' jedhamee yaadamuun bakka akka hin geedaramneef himti.
Gaheettiin waggaa 50 kun akka jettutti, luuppii akka guutummaatti baafamuuf ykn akka geeddaramuuf dabare eeeggataa jiraachu himti.
Aadde Morgaan jalqaba waggaa 10 dura mala da'umsa kana fudhachuu eegalanii. Erga tajaajila sana argatanii booda gara mana isaaniitti deebi'uun dura daqiiqaawwan 30'f taa'anii turan.
Isheenis dubartoonni mala ittisa da'umsaa fudhachuun dura waa'ee isaa gaafachuun sirriitti hubachuu qabu jechuun gorsiiti.
''Dhimma fayyaa dubartootaa dhimma ifatti ummanni waa'eesaa dubbachuu qabuu fi namoonni kaanis dhaga'uu qabaataniidha'' jetti.
''Namoonni muraasni rakkoo dubartoota mudatu waan hin hubanneef, xiyyeeffannoo daangaa hin qabne kennineef jedhu.''
Keessatti malli dahumsaa gadameessa keessa kaa'amu kunis ishee akka fayyade dubbatti sababii waggoota 10n darbaniif laguushee dhaabeef.

'Akka waan diraamaa wayii natti fakkaatee ture'

Irii Angaraad erga bara 2017tti luuppii galfatteen booda dhukkubbii itti dhagahamu hin dubbanne sababii 'akka waan diraamaa wayi natti fakkaateef' jetti.
''Sana dura dubartoota biroo mudannoo kan kootiin wal fakkaatu qaban hin dhageenye. Osoo waa'een isaa dubbatamee turee, silaa hanga tokko hubannoon argadha ture,'' jetti shamarreen waggaa 28 tun.
''Namoonni hedduun muxannoo dhukkubbii walfakkaatu akkasi qabaachuun waan gaarii miti, garuu ammoo namoonni kaanis waan ati keessa darbiteen walfakkaatuu keessa darbuusaanii baruun ofumasaaf waan guddaadha'' jette.
Akka isheen jettutti, dhimmicharratti namoonni baay'een ifatti yoo haasa'an namoonni sirriitti dhimmasaa akka hubatan taasisa.
''Maaltu akka isaaniif caalaa ta'uufi dhukkubbii mala ittin xiqqeessuun danda'amu akka gaafatan gargaara," jetti.

'Dubartoonni haasa'uu itti fufuu qabaatu'

Madda suuraa, BMA Cymru
Hakima waliigalaa (GP) kan kan taate Dr Saaraa Bodey, ''waa'ee dhukkubbii himachuurratti dhiibbaa aadaa dhiiraa fi dubartii gidduutti garaagarummaa taasisu guddaatu jira'' jedhan.
Dhimmi fayyaa wal hormaata dubartootaa mata duree waa'eensaa sirriitti irratti hin haasa'amnedha. Kanaafuu, ''Dubartoonni sirriitti haasa'u akka itti fufaniin nan jajjabeessa'' jedhan hakiimni kun.
''Ammayyuu waa'ee dhukkuubbi tibba laguutti dubartoota mudatuu kaasee waa'ee fayyaa qaama saalaa haasaa'uun akka qaaniitti ilaalama'' jedhan.
Dr Bodey akka ogeettii malaa ittisa da'uumsa kanarratti hojjataniitti, muudannoo namoonni garaa garaa qaban dinqisiifatu.
''Dubartoonni ani isaan wal'aane harki caalan osoo dhukkubbiin isaaniitti hin dhagahamiin tajaajilicha argatan,'' jedhu Dr Boodey.
Ogeettin fayyaa tunis dubartoonni tajaajilicha argachuuf gara dhaabbilee fayyaa wayita deemaniitti hakiima isaanii wajjin dhimmicharratti akka haasa'anillee jajjabessaniru.
















