Da'umsa booda: Dubartoonni tokko tokko maaliif amala geeddaratu?

Deessuu mucaa waliin

Madda suuraa, Getty Images

Maahidar Akaaluu jedhamti, waggaa lama dura ture ijoollee lakkuu wal’aansa baqaqsanii hodhuun kan deesse. Yeroo ulfa turte ulfaatinni ishee baayyee waan dabaleef torbee soddomaffaan booda ‘’rafuu hin dandeenye, taa’een bula ture’’ jetti.

Deessee dhipina kana akka obbaafattu yaaddus garuu dubbiin akka fedhiishee hin taane. Ijoolleeshee lakkuu garaagarummaa sa’aatii lamaatti hoosisuufi socho’uu dadhabuun rakkoo itti tahee ture.

Kanaan hin dhaabbanne, Maahidar, ‘’ani namni nagaa, sababaafi bu’aan waa raawwattu waan xiqqoodhaan boo’uu, garaa hammaachuu akkasumas maaliif namoonni nan hubatan jedhee dallanuun jalqabe. Keessumaa abbaa warraa koofi haadha kootti baayyeen aara ture.’’

Maahidar, dubartiin tokko yeroo deessu boqonnaa jireenyaa haaraa gatii eegaltuuf muuxannoo addaa dha jetti.

’’Kanaafimmoo maatiinis tahe hakiimonni dursanii nu hin qopheessan,’’ jetti. Hirriba dhabuu, hojii dhaabanii yeroo dheeraaf qofaa manatti dabarsuufi ofiif caalaa daa’ima godhataniif xiyyeeffannoo kennuun immoo muddama kana ittuu caalchisa jetti.

Maahidar yeroo ulfaataa dabarsite yeroo ibsitus,’’ofan jibba ture, jireenya kootti abdiin kutadha ture akkasumas ijoolleen koo gaafa boo’an ijaan aaruuf, haadha ‘koottu narraa fuudhin jedhaani ture’,’’ jetti.

Haa tahu malee dhimmi akkanatti amala ishee jalaa jijjiire dhibee sammuu dubartoonni dahumsaa booda isaan mudachuu danda’u akka tahe kan barte deessee ji’a sadiin booda dha.

‘’Waan kuni maali jedheen ‘Google’ gaafan godhu dhukkuba mukaa'uu (postpartum depression) jedhamuuf saaxilamuu koon bare,’’ jetti.

Dhimmi kuni rakkoo amalaa akka hin taaneefi dhukkuba akka tahe yeroon bare tarkaanfiin jalqabaa ani fudhadhe ‘’tokkoffaa ofii waliin araaramuufi of fudhachuu yaaluu dha, inni lammataa immoo namoota natti dhiyaatan rakkoo koo hubachiisuu ture,’’ jetti.

Tahus sun ‘anaaf salphaa hin turre sababiinsaa immoo miira jabaataa keessa ijaan tureef rakkoo koo sirnaan hubachiisuu illee hin dandeenye,’’ jechuun himatti.

Boodarra hojii koo idileetti yeroon deebi’u, namoota waliin wal-arguu fi rakkoo koo ibsachuu yeroon jalqabu hanga tahe naa salphachaa dhufe jetti Maahidar. Barnootaaf biyya alaa deemee qofaa koo hangan yeroo argadhutti, ‘’miirri abdii kutuufi dallanuu hir’atus hinuma jira turee,’’jetti.

Maatiin koo baayyee miidhamee gatiin tureef xiyyeeffannoon isaanii inni guddaan ‘’anaan nyaataan bayyanachiisuu ture, kanaaf jijjiiramni amalaa ani fides fudhataniidhuma itti dhiisaniiru, yeroo isaanii baayyees ijoollee kunuunsuu irratti dabarsu’’ jechuun ibsiti.

Dabalataan yeroo baayyee ‘’qofaa koo taa’een boo’a ykn na dhukkube jedheen sababii kenna ture kanaan ala homaa otoo hin tahiin yoo boossee eenyu si hubata?’’ jechuun yeroo dabarsite yaadatti.

‘Nama tokko yoon gargaare jedheen…’

Maahidar rakkoo keessa dabarte kana garee miidiyaa hawaasaa hiriyyoota ishee irratti qooddi. Yeroos namoonni karaa ergaa gabaabaa ‘’bilbila kee nuu kenni si waliin haasa’uu feena’’ naan jechuu jalqaban jetti.

Hiriyyoota ishee kanneen keessa dhiiroti baayyee dhimma kana cirumaa dhagahanii akka hin beekne natti himan. Dubartoonnis kanin beekne baayyee isaaniitu jira, kaanimmoo maqaasaa hin beekan malee isaan mudateera jechuun ibsiti.

‘’Warra na quunnaman keessaa isheen tokko abbaa warraa koo arguu hin fedhu naan jette, isheen kaan immoo ‘daa’ima koo nan jibba’ naan jette jennaa ‘erga deessee ji’a meeqa?’ jedhee gaafannaan, ‘na basaasaa jirtaa? Maaliif mucaa kee jibbita jettee maraatuu naan hin jenne jettee natti dheekkamtee,’’ jetti.

Dubartoonni lamaan sadan tahan immoo ‘’lubbuu keenya balleessuuf jennee maatiitu nu baase,’’ naan jennaan ‘’waan kuni waan laayyoo mitin’’ jedhee ka’e jetti.

Ani ofii yeroos abdii kutadhee ijaan tureef miidhaan isaanii naa gala kan jettu Maahidar, ‘’dhukkuba sammuu immoo namoonni ijaa hin hubanneef namatti himachuun loogii nutti fidaafi maqaan nu bada jedhanii waan sodaataniif hin haasa’an.’’ Kanaaf animmoo ofitti dhiyeessee muuxannoo koo qoodee nama tokkollee yoon gargaare jedheen jalqabe kan jettu Maahidar carraan argadhe maratti yaada kana nan kaasas jetti.

Sagantaa raadiyoofi onlaayinii garaagaraa irratti dhiyaattee dhimma kana mariif dhiyeessuu akka jalqabdes dubbatti.

Dubartoota dhimmi kuni itti cime immoo akka isaan ogeessa xiinsammuu argatan nan gargaaraanii jetti.

Dubartoonni yeroo hordoffii ulfaa taasisan gama hakiimotaan yeroo dubartiin erga deesseen booda mukaa’uun(postpartum depression) ishee mudachuu akka danda’u itti himamuu qaba jetti.

Erga waan kuni akka mudatu barree maatiin akkuma qaamni dubartii deessuu akka jabaatu ishee gargaaran fayyaa sammuu isheefis eeggachuufi qabu.

Daa'ima reefuu dhalattu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Daa'ima reefuu dhalattu

Dhukkubni kuni namoota tokko tokko dafee gadhiisa kaan immoo irra tura gatii taheef, ‘’dubartiin deessuu yeroo murtaa’eef qofaa ishee dhiisamuu hin qabdu,’’

Sababiinsaa yeroo sana keessatti ‘’miiraan waan murteessitu ijaa hin beekamneef’’ jetti.

Waan addaa yoo mul’ate garuu hakiimaa bira dhaqachuun murteessaa tahus himti.

Hakiimni maal jedhu?

Dr Damissoo Amanuun hakiima gadameessaa fi ulfaa yoo tahan, Yunivarsiitii Jimmaatti immoo barsiisummaan tajaajilaa jiru.

Akka doktar Damissoon jedhanitti dhukkubni mukaa’uu kuni yeroo ulfaas mudachu danda’a.

‘’Egaa dubartoonni kaan durumaa dhukkuba kana kan qaban garuu kan hakiimaan hin bekamne tahuu mala,’’ jedhu hakiimtichi.

Haa tahu malee dubartoonni baayyeen yeroo ulfaa qaama isaanii keessatti ‘jijjiiramni hormoonii waan mudatuuf erga dahanii booda immoo qaamni iddoo duraatti deebi’uuf adeemsa taasifamuun rakkoon akkasii mudachuu danda’a,’’ jedhan.

Akka ragaan biyyoota guddtanii agarsiisuu, walumaagalatti deessuuwwan dahumsa booda mukaa’uu (postpartum depression) kan agarsiisan harka shantama akka tahanis himu.

Mallattoo addaa kan namuu adda baasuu danda’u kan qabaatan garuu muraasa dha jedhan Dr Damissoon.

Mallattoowwan dhukkubaa dubartoonni kunneen agarsiisan keessaa:

· Namaa wajjiin waliigaluuf rakkachuu

· Daa’ima dahaniif kunuunsa kennuu irratti rakkachuu

· Hirriba dhabuu

· Miira namoota itti dhiyaatan jibbuu

· Dhiphachuu

· Garaa-hammaachuu fa’i

Dubartoonni duraan dhukkuba kanneen akka sukkaaraa, dhiibbaa dhiigaa fi mukaa’uu(depression) qaban dhukkuba kanaaf caalaatti saaxilamu jedhu.

Hakimichi dubartoonni dhukkuba kanaaf saaxilaman mallattoon isaan nama dhukkuba kaan(depression) qabu agarsiisu waliin wal-fakkaachuu mala jedhu.

Dhukkubni kuni guyyaa muraasaaa hanga torbee ja’aafi isaa ol irra turuu danda’a.

Takkaa mallattoonsaa adda baafamnaan qorichi ni laatamaa, gorsitoonni xiinsammus ni gargaaru jedhan.

Dhukkubni dubartoonni dahumsa booda itti dhufuu danda’u kun sadarkaa hamaa ‘’daa’ima isaaniif kunuunsa kennuu dhiisuurra darbee lubbuu isaanii hamma dabarsuurra isaan gahu danda’a,’’ akka hakiimichi jedhanitti.

Tahus inni erga dubartoonni dahanii booda battala sana jalqabee torbee muraasa keesstti badu wiirtuu fayyaa keessatti gargaarsi salphaan yaalamuu danda’a.

Kanarra dabarraan hakiima ulfaafi gadameessaa otoo hin taane ogeessa fayyaa sammuu fi gorsitoota fayyaa hawaasaatu deeggarsa kennuufi qabaata jedhan hakiimtichi.