Aadaafi barsiifata: Biyyoota namni taa'umsatti awwalamuu hanga guntuta dubraa koobuutti

Madda suuraa, Getty images
Biyyoota sirna kolonii keessa darban hedduutti namoonni aadaafi barsifata isaanii durii akka dagatan taasifamuutu himatu. Haata'u malee, aadaafi barsiifati ammalleen biyyoota Afriikaa tokko tokko keessatti hojiirra olfamaa jiran kan nama ajaaʼibsiisanidha.
Gochawwan barsiifataa kunneen gariin isaanii kan nama salphisaniifi mirga namoomaa bu’uuraa akka cabsaniitti wayita ibsamanis jiru.
Har’a isaan keessaa barsiifatawwan fi aadaa haawaasa isaan hordofuuf biratti bal'inaan beekamoo ta'an garuu ammoo isin ajaaʼibsiisuu danda’an muraasa waliin haa ilaallu.
Aadaafi barsiifatoonni kunneen gariinsaanii jaarraa kan keessa bakka waan hin qabneef, dhiifamuu qabaatu jechuun dhaabilee idil-addunyyaa kan akka Mootummoota Gamtoomanii(UN) duula adeemsisaa jiru.
Boolla awwaalchaa ji'oota sagaliif ijaaramu

Gidduu-gala Tanzaniyaa naannawa Haayidom jedhamuutti, hawaasni Baaribaayik jedhamu, jaarsolii hawasaaf hojii gaarii hojjate jedhanii filatanniif sirna awwaalachaa kabajaa taasisuun gaggessu.
Jaarsoliin kunneenis reeffii isaanii erga gogaa loonitiin maramee booda, ciisee osoo hin taane taa'umsatti awwalamu.
Boolli awwaala isaanii kunis giingoo godhamee qotamuun ji'oota sagaliif ijaarama. Kunis ji'oota saglan namni sun wayita dhalatu haattii saa garaatti isa baatte akka argisiisuuf ji'oota sagaliif kan hojjetamu. Ammallee akka martiitti ijaarama.
Namni haala sanaan awwaalame kunis akka du'eetti osoo hintaane akka deebie'ee dhalatutti amanuu.
Sirni 'kabajaa' kunis namoota cufaaf hin godhamu. Hawaasaafi jaarooliitu nama sirna awwaalchaa kabaja kana argachu malu filatu.
Sirna awwalcha halkanii fi dhiiroota qofaanii

Hawaasni Zuuluu kan Afrikaa Kibbaa keessa jiraatuu, mootiin isaanii yoo du’u sirna awwaalchaa addaa raawwatu.
Sirni awwalchaa mootii halkan kan raawwatu yoo ta'u, namni awwaalcha sanarratti hirmaachuuf hayyama qabu ammoo dhiiroota maatii mootii ta'an qofaadha.
Fakkeenyaaf, dhiheenya kana wayita mootii Gudiwiil Zuwelithiniin dhukkuba koronaatiin lubbu saanii dhabaniitti, haaluma adaa hawaasichaa kanatti awwaalaman.
Sirna awwaalchaa sanaafis gareen addaatti dhiiroota miseensa maatii mootii keessaa filatame qofatu sirna kan gaggeesu.
‘Reefa teessummaatti awwaaluu’

Yeroo ammaa kanatti dhibeen Covid-19 addunyaa garmalee miidhaa jiruun wal qabates, awwaalchi namoota dhukkuba kanaan du'ee kan raawwatu oggeessita eegumsa fayyaatiin.
Kana jechuun maatiin reeffa nama dhukkubichaan du’e qabachuun ykn awwaaluun dhorkaadha.
Haa ta'u malee lixa Keenyaatti jaarsolii hawaasa Bukuusuu, 'abaarsa sodaachuuf' jecha awwaala qotuun, reefa maatii isaani baasanii, ‘karaa sirina sirrii taʼeen’ jedhanii amananiifi kan haala aadaa isaanii hordofuutti deebi’ani awwaalan.
Akka aadaa hawaasa kanaatti, mataan reefa mana irra garagaluun awwaalamu qaba. Kana malees, kophee, kittaa fi karabaataa irra furuu qabu.
Jaarsolii hawaasa kanaa, yoo akka aadaa tanaatti hin awwaaliin afuurri namooti du’anii kun abjuu keessatti maatii isa adabuu danda’a jedhanii amanu.
‘Harma dubartii koobuu’
Aadaan akka harmii hin guddane dhorkuuf koobuu lixa Afrikaa, keessuma biyya Kaameruunitti beekamaadha.
Namoonni ilaalcha aadaa kanaa hordofan, dubaroota umuriisaanii waggaa kudhan keessa jiran, dhiirota umuriidhaan isaan caalanii waliin saalqunnamtii raawwachuu jalqabuu keessa galuu dandaʼu jedhanii 'yaadda'uun', harmi shamarranii akka hinguddannee dhorku.
Kunis kan raawwatamu harma ijoollee kanneen koobuu (ironing)n.
Falmitooti mirga namoomaa gochi kun kan haalaan fayyaa dubartootaa miidhuudha jechuun balaaleeffatu.
Akkam raawwatamaa?
Harmi shamarran guddattootaa kanaas dhagaa abidda keessa kaaʼuudhaan erga ho'een booda kaasanii harma gubbaa kaa'uun harmi akka xiqqaatu taasisuuf.
Jeen (maqashee dhugaamiti) umuri 18tti ture kan adaadaashee harma ishee koobdeef Kameeruun keessatti.
Manni barumsaa erga cufameen booda manatti gaafa deebite ture harmishee guddate, uffata keessa mullachu kan eegale.
Adaadaanshees haala qaamaa Jeen kanatti hin gammane turte. Isaan boodas yoo harmi intala tanaa hin xiqqeesine ta'e, dhiirotiin dirqiidhaan gudeeduu danda’an jette haadhasheetti himte.
Haatii Jeen aadaa tana beekuu baattuulleen, garuu adaadaan ishee gocha kanaatti ogeetii waan taateef, kabaja guddaa qabdi hawaasa keessatti.
Achiin booda, Jeen guddinna harma xiqeessuuf daqiiqaa 20'f dhakkaa hoʼaa harmashee irra kaa'ame. Isheenis dhukkubbii itti dhagahame obsite lubbuun hafte.
Haata'u malee yeroo baayyee hHiriyoonni ishee wajjin barate hedduunis, Jeen maaliif yeroo baayyee harma shee qabate akka boossuu ajaa’ibsiifachaa turan.
Hiriyaanshee Isteelaan yeroo hunda Jeen godaannisa harmashee dhoffachuuf jirtuu waan hin beekneef, yeroo hunda maaliif isaan wajiin qaama hin dhiqanee jette of gaafachaa turte.
Yeroo Yunivarsitii seenteettis, Jeen haalli harmashee dubartoota biroon adda akka ta'ee waan hubatteef baayyyee of tufachaa turte.
Namoonni gariin ammoo, ‘ati dhiira’ jedhanii itti qoosaa turan sababa isheen harma hin qamneef jecha.
Jeen gochaan ijoolluummaan isheerratti raawwatame kun sirrii akka hintaane hubattuulleen, adaadaashee seeraan himachuu hin dandeenye sababii haadhisheelleen rakkoo keessa seenuu dandeettuuf.
Gaafas faayidaa teetiif gochi kun kan harma kee irratti raawwatamu jetteen ture adaadaashee, garuu rakkoo inni jireenya ishee ishaan boodaaf qabu hin yaadne turte.
Kameeruun bakka gochii aadaan tun itti baayyatuutti, dubartoota kumaataman lakka’aman gargaaruuf jecha mootummaa fi dhaabileen mirga namoomaaf falman, aadaan tun akka baduu sochii cimaa gochaa jiru.
Sababa gocha aadaa tanaatiif, Jeen yoomiyyuu harma baasuu hin dandeettu.
Dhaqna qabaa dubartootaa

Afriikaa dabalatee biyyoota addunyaa hedduun keessatti dhaqna qabaan dubartootaa gocha balaaleeffamaa jira.
Biyyoottan hedduunis gochaa kana dhaabuuf milkaa'an illee, biyyoota tokko tokkotti ammalleen dhoksaadhaan ijoollee durbaa dhagna qabuun ni raawwatama.
Dhaqana qabaan dubartootaa kunis biyyaa gargaaraa keessatti gosa adda addaa akka qabdu hmama.
















