UK: Qabduu maaskii abjuu dargaggoo balaliisaa xiyyaaraa ta’uuf yaade abdii itti hore

Jalqaba ganna kanaatti BBC’n Aleks Wiikinsi, dargaggoo abjuu balalisaa xiyyaara daldalaa ta’uu qabuufi yeroo uggurri sochii weerara Covid UK labsamutti abjuun isaa jalaa dukkanaa'ee ture dubbisee ture.

Aleks Wiikinsi abjuun isaa gufannaan bizinasii biraa faana bu’e, qabduu maaskii gubbaatti keewwatamu gurguruu jalqabe.

Amma abjuun balaliisaa xiyyaaraa ta’uu isaa milkaa'uutti jira. Dargaggoon kun Fulbaana darbe mana barnootaa balaliisummaa xiyyaaraatti barnoota eegaleera.

Aleks Wiikinsi, ganna 22, Saseeks, UK irraa dhufe.

Dargaggoon kun wayita uggura Covid keessa mana barnoota balaliisummaa xiyyaaraa hordofaa ture dhiisuun giddugala gabaa tokko keessatti hojii eegale.

Qorumsa ji’ootaaf isaa mudatan irra aanuun, liiqii kaffaltii barnoota isaaf barbaachisu fudhachuuf ture.

Haata’u malee, yeroo indastiriin balalii haala hamtuu keessa seenetti balaa isaatu caala jedhee hin yaadne ture.

Akkuma dargaggoota biroo hedduutti abjuu isaa jalqabaa yeroof weerara dhibee kanaaf jecha dhiise ture.

Dargaggoon kuni wayita giddugala gabaa keessa hojjatutti rakkina tokko hubate.

Maaskiin fuullee ijaa waliin wayita keewwatamutti copha bishaanii wayita hargansuu fuullee kanarra qubatuun arguun akka nama rakkisu hubate.

Kanaaf qabduu maaskii rakkoo kana furuuf gargaaru iddoo irraa argamu barbaade argachuun UK keessatti gurguruu eegale.

Qabduuwwan kana ‘MistyClip’ jedheetu waama. Hojiin biizinasii isaa yeroo gabaabaatti bu’aa buuse, saffisaan guddate.

Maatiifi hiriyoonni warrii ollaa isaatii qabduu ajajame dhiyeessurratti isa gargaaru.

Daqiiqaa tokko keessatti hanga namoota 50'tu qabduu kana ajajata.

Waxabajjii bara 2021tti maamiltootaaf qabduu maaskii 150,000 ol dhiyeessaniiru.

Maallaqni inni gurgurtaa kanarraa argate kaffaltii mana barnootaa balaliistummaa xiyyaaraaf barbaachisuf gahaadha.

Haa ta’u malee, Aleks Wiikinsi qabduu inni jalqaba hin kalaqne. Injinara Joorji Kaarliiz nama Kaaba Firaansitu kalaqe.

Balaliistoonni xiyyaaraa hedduun erga waa’een biizinasii isaa maxxanfame booda Aleks Wiikinsi deeggaruufi jajjabeessuuf barbaadan.

Keessumaa balaliisaan soorama bahan tokko ‘’tasuma abjuu keerratti abdii hin kutatiin,’’ jedhaniin.

Itti dabaluun, ’’ilaalcha sirrii qabda, akka gaaf tokko iddoo balalii kortuu homaa shakkii hin qabu,’’ jedhaniin.

Balaliisaan xiyyaara waraanaa soorama bahan tokko haaluma walfakkaatuun Aleks Wiikinsi deeggaruuf waadaa seenaniif.

Aleeks Wiikinsi hojii biiznasii isaatiin maallaqa barnoota balaliisummaatti barachuu isa dandeessisu gahaa argatullee, egeree aviiyeshiinii (geejjiba qilleensaa) akka hojiisaa egereetti fudhachuurratti garuu shakkii qaba.