Daandiin qilleensa Itoophiyaa gosa xiyyaaraa kufee ture, B- 737-MAX balaliitti deebisuufan jedhe

Gosi xiyyaaraa Boeing 737 Max-8 Dilbata kaleessaa kufee caccabe

Madda suuraa, Jonathan Druion

Ibsa waa'ee suuraa, Gosi xiyyaaraa Boeing 737 Max-8 Dilbata kaleessaa kufee caccabe

Daandiin Qilleensa Itoophiyaa gosa xiyyaaraa Booyiing waggaa lama dura dhiyeenya magaalaa Bishooftuutti kufee lubbuu namoota 157 galaafate, B-737-Max, Guraadhala dhufu gara balaliitti akka deebiifamu beeksise.

Ibsa Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa fuula miidiyaalee hawaasaa isaa gubbaatti maxxanseen hojii gaggeessaa olaanaan dhaabbatichaa Obbo Tawaldaa Gabraamaariyaam murteen xiyyaara kana balaliitti deebisuu nageenya imaltootaa fi hojjettootaarratti hundaa'uun jedhaniiru.

''Daandii Qilleensaa Itoophiyaatti nageenyummaan wanta hunda dura kan dursi kennamuuf waan ta'eef murteewwan irra geenyu hundaafi tarkaanfii keenya isatu qajeelcha.''

Bitootessa 10, 2019 xiyyaarri Itoophiyaa gosti Booyiing 787-MaX buufata xiyyaaraa Booleerraa ka'ee daqiiqaa muraasa keessatti naannoo baadiyyaa Bishuuftuu bakka Tulluu Farraa jedhamutti erga kufee daandiiwwan qilleensaa addunyaa xiyyaara kana balalaliirraa dhorkanii turan.

Balaa kana dura gosti xiyyaaraa walfakkaataan qabeenyummaan isaa kan Indoonezhiyaa ta'es kufee waan tureef balaa Itoophiyaa kanaa booda xiyyaarri kun akka imaluu dhaabu dhaabbileen aviyeeshinii biyyoota adda addaa murteessaniiru.

Xiyyaarri Itoophiyaa kan lakkoofsa balalii Et-302 imaltoota 149 ta'eniifi hojjetoota xiyyaaraa 8 qabatee Naayiroobiitti osoo imalaa ture erga kufee, Itoophiyaan xiyyaarota gosa kanaa qabdu yeroo waggaa lamaa oliif balaliirraa ittiftee ture. Biyyoonni addunyaa hedduunis murtee Itoophiyaa hojiirra oolchaniiru.

Daandiin Qilleensa Itoophiyaa xiyyaarota isaa kana balaliitti deebisuuf kan murteesse dhaabbileen Aviyeeshiniin hedduun xiyyaarri kun balaliif ulaagaa guutuu isaf mirkaneeffannaa kennuu isaanii dabalataan daandileen qilleensaa 34 xiyyaaricha balaliisuu erga eegalanii booda ta'uu beeksiseera.

Xiyyaaricha warra balaliitti deebisan keessaa kan dhumaa ta'uufi fooyya'iinsa dizaayinaa xiyyaara kanaarratti taasifame yeroo fudhatanii hordofuufi adeemsa waraqaa hayyama balalii irra deebiin kennuuf ji'oota 20 fudhate hordofaa akka tures dhaabbatichi ibseera.

''Paayileetotni keenya, injinarootni, teeknishaanonni balalii miseensonni Kaabin Kiruu hunduu nageenya xiyyaara kanaarraa ofitti amanumummaa qabaachuu mirkaneessineerra.''

Xiyyaarri kun waggaa tokko dura US'tti erga balaliitti deebi'ee daandilee xiyyaaraa biyyoota addunyaa 34 ta'aniin balaliiwwan naga qabeessa 275,000 raawwachuu daandiin qilleensaa Itoophiyaa beeksiseera.

Eggannoo gahaan balaliin ji'a dhufu eegaluun dura nxiyyaarri kun balaliitti deebi'uu hubachiifnas jedheera daandiin qilleensaa kun.

Kaampaniin xiyyaara kana oomishu Booyiing tibba kana maatii imaltootaa balaa xiyyaaraa Itoophiyaan du'aniif beenyaa kaffaluuf maatii fi kanneen maatiif falma waliin waliigalteerra gahuun himamuunsaa ni yaadatama.

Haata'u malee garee abbokaatota maatiiwwan balaa sanaan lubbusaanii dhabanii, motummaan US dhaabbanni Booyiingi balleessaa raawwateen akka seeraan hin gaafatamneef harka lafa jalaatiin seera geedareera jechuun himannaa irratti banusaaniis dhagahameera.