Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaatti guyyoota torba darban qofaatti namoonni kuma 22 ol Covid-19 qabaman
Itoophiyaa keessatti qorannoo koronaavaayirasii torban darbe keessa taasifameen namoonni hedduun vaayirasichaan qabamuu ragaaleen Ministeera Fayyaa irraa argaman mul'isan.
Qorannoo saamuda namoota 77,083 irratti Wiixata darbee hanga Dilbataatti taasifameen, namoota 22,321 irratti vaayirasichi argamusaa gabaasni guyyuu Ministeerri Fayyaa baasu ni agarsiisa.
Kunis hanga har'aatti lakkoofsa namootaa vaayirasichaan qabamuun toban tokkoo keessatti galmaa'ee isa olaanaa yoo ta'u, haalli dhukkubbichi ittiin babalataa jiruu sadarkaa yaaddeessaa irra gahu kan mul'isudha jedheera Ministeerri Fayyaa gabaasa isaatiin.
Torban isaan duraa keessatti namoota qorannoon taasifameef keessaa namoonni guyyaa guyyaatti vaayirasichi irratti argamu 1,000 ol darbee hin beeku ture.
Haata'u malee Wiixata darbeerraa kaasee garuu guyyaatti 2,300 hanga 5,000 ol galmaa'eera.
Lakkoofsi xiqqaan Kibxata taree kan galmaa'ee 2,323 yoo ta'u, inni olaanaan ammoo guyyaa Sambataa kan namoota 5,013 irratti argamuun gabaafameedha.
Walumaagalattis torba dabarbee keessatti qofa namoota 22,321 irratti vaayirasichi argamutuu gabaafame.
Lakkoofsi namoota vaayirasichi irratti argamuu kanneen qorataman waliin wal biratti yoo ilaalamu kan olii fi gadi bu'uu yoo ta'u, kan torba darbee garuu olaanaa ta'utuu himame.
Torban isaan dura tureetti saamunni namoota kuma 53 qoratamee namoota 8,500 irratti vaayirasichi kan argame yoo ta'u, torban darbe garuu lakkoofsa olaanaatu galmaa'e.
Kunis parsantaan yoo ilaalamu torbanoota duraa keessa namoota qorataman keessaa %3 kan ta'an irratti vaayirasichi kan argamaa ture yoo ta'u, torban darbe keessa garuu gara %28tti ol ka'utu himame.
Ministirri Deetaa Miniteera Fayyaa Dr Darajee Dhugumaa torban darbe keessa BBCtti akka himaniitti, ''Adeemsi hangaa ammaa ture gaarii ture. Ta'us ALI Muddee7, 2014 as garuu lakkoofsi namoota guyyaa guyyaatti vaayirasichaan qabamanii haalaan dabaleera'' jedhan.
Itti dabaluunis of eeggannoo taasiisuun barbaachisaa ta'u kaasuun, maaskii godhachuufi talaalii fudhachuun ni barbaachisa jechuun gorsan.
Gosti koronaa haaraan safiisin iinni namootarraa gara namootaatti darbuun olaanaa ta'uun kan himamee Omiikiroon, Itoophiyaa keessa jiraachuufi dhiisuun ganaa addaa kan hinbaane ta'ulleen, qorannoon taasifamaa jiraachu Ministeerri Fayyyaa BBCtti himeera.
''Ammaa saamudawwan irratti qorannoo gaggeessaa jira. Hanga mirkanaa'uutti Omiikroon seenuusaa dubbachuun rakkiisaadha'' jedhan Dr Darajeen.
Vaayirasiin koronaa kun Itoophiyaa seenuun isaa erga mirkanaa'ee kaasee hanga Muddee 26, 2021tti namoonni 4,520,568 qoratamuun, namoota gara kuma 400 ta'an irratti vaayirasichi argameera. Kanneen 6,898 ta'an ammoo sababiidhuma dhukkuba kanaatiin lubbuusaanii dhabaniiru.
Gama biraatiin ammoo namoonni gara miiliyoona 10 ta'an talaallii kan fudhatan yoo ta'u, kunis baayyina lakkoofsa ummataa Itoophiyaatiin wal bira yoo ilaalamu gadaanaadha jedhameera.
Dhukkubicha ittisuuf malawwan ittisaa baraman haalaan hojiirra oolchuun barbaachisaadha ta'uu kan gorsan Dr Darajeen, talaallii fudhachuun barbaachisaadhas jedhaniiru.
Kanumaan walqabatees Ministeerri Fayyaa oggeessoonni fayyaa talaallii fudhataniif dirqama taasisuu fi kanneen hin katabamiin yoo vaayirasichaan qabamaniitti wallaansa bilisaa fayyadamoo akka hin taane akka taasifamuuf jiru dabaluun ibsaniiru.
Odeessaalee walfakkaata:
- 'Omiikiroon Itoophiyaa seenuu mirkaneessuuf qorannoon godhamaa jira' - Ministeera Fayyaa
- Weerarri Omicron salphaa ta'us garuu addunyaan yaadda'uu hin dhiifne
- Yaaddoo Omicron irraa kan ka'e namoonni imala ayyaanaa akka haqan WHO'n akeekkachiise
- Kallattiin - ragaa addunyaarratti namoota Covid-19'n qabamaniifi du'an mul'isu