Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaatti namoonni miliyoona 22 deeggarsa namoomaa barbaadu jedhe UN
Bara faranjootaa dhufaa jiru kana keessa Itoophiyaatti namoonni miiliyoona 22 ta'an deeggarsa namoomaa akka barbaadan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Waajjirri Olaanaan Dhimma Deeggarsa Namoomaa(OCHA) beeksise.
Kutaalee Itoophiyaa hedduu keessatti lakkoofsi namoota deeggarsa namoomaa barbaadanii akkaan dabalaa jiraachuu waajjirri kun ibsaa isaa keessatti eereera.
Tigraay, Amaaraa fi Affaar keessatti lakkoofsi namoota deeggarsa namoomaa jala jiranii kan bara darbe miiliyoona 8.1 ture barana ji'a Fulbaanaa keessa miiliyoona 9.4 ga'uu gabaasi Sagantaa Nyaataa addunyaa ni ibsa.
Sababa waraana waliiniitiin naannoo Amaaraatti lakkoofsi namoota deeggarsa namoomaa barbaadanii altakkaan miiliyoona 3.7 ga'eera.
Waraanaa deemaa jirurratti rakkoon hongee hamaataa waan jiruuf bara faranjootaa haaraatti ammoo lakkoofsi lammiilee biyyatti deeggarsa namoomaa jalatti kufanii akkaan dabala yaaddoo jedhu akka qabu OCHA'n ibseera.
"Waraana, hongee, weerara koronaavaayirasii fi dhibeewwan biroon walitti dabalamuun uummanni hedduun harka namaa akka eeggatan gochuu danda'u,'' jedha gabaasi OCHA.
Kanaafuu bara 2022 keessa namoota miiliyoona 22.3f deeggarsa kennuuf karoora qabas jedheera.
Kutaaleen bahaa fi kibba biyyattii hongeen hubaman akkasumas kanneen waraana kaabaan miidhaman xiyyeeffannaa guddaa barbaadu jedhe gabaasi kun.
"Balaan hongee naannolee Somaalee fi Oromiyaatti mudataa jiru akkaan yaaddessaadha,'' jedhe gabaasichi.
Rakkoo hanqina nyaataa irratti qorannoo gaggeessuun gabaasa baaseen, rakkoo yaaddessaa sadarkaa 3ffaa fi 4ffaa jedhamurra ga'eera jedheera.
Hanqinni roobaa, rakkoon bishaanii fi nyaata horii rakkoo hamtuu uummata bahaa fi kibba Itoophiyaa harkaa qabuudha kan jedhe OCHA'n, Ejansii Istaatistiksii Itoophiyaa wabeeffachuun akka gabaasetti, naannolee kunneenitti gatiin beelladootaas waan gadi bu'eef horsiisee bultoonni hanqina maallaqaan rakkataa jiru jedheera.
Iddoowwan hongeen miidhaman gargaaruuf ammarraa hojiin yoo hin eegalamne rakkoon hamaataa akka deemus akeeke jaarmiyaan kun.
Sagantaan Nyaataa Addunyaa Pireezidantii naannoo Somaalee wabeeffachuun akka gabaasetti, ji'oota sadan dhufan namoonni miiliyoona 3.3 ta'an hanqina nyaataa hammaataaf saaxilamuu danda'u.
Ammatti namoonni miiliyoona 2.2 ta'an rakkoo bishaan dhugaatiif saaxilamaniiru, daa'imman 173,000 caalan ammoo nyaata madaalawaa argataa hin jiran jedhan.
OCHA'n naannolee Oromiyaa fi Somaalee deeggaruuf marsaa lammataaf doolaara Ameerikaa miiliyoona 2 ramaduu hime.
Guutummaatti Itoophiyaatti hanga ammaa namoonni miiliyoona afur ta'an qe'eesaniirraa buqqa'aniiru, kunis kan baranaa miiliyoona 1.5 dabalateeti.
Fulbaanaa as naannoo Amaaraatti namoonni 542,000, naannoo Affaaritti ammoo namoonni 255,000 qe'eesaaniirraa buqqa'aniiru.
Kaaba Itoophiyaatti lammiilee rakkatan gargaaruuf baajata doolaara Ameerikaa miiliyoona 614 ramaduu kan hime OCHA'n, kunis baajata barbaachisuun yoo walbira qabamu akkaan xiqqoo ta'uu hime.
Hojii deeggarsa namoomaa hojjetu keessatti qaamoleen tola ooltotaa akka bira dhaabbachuun tumsanis gaafateera.