Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Fonqolcha mootummaa Sudaan: Guyya diddaan yaadatamutti lammileen Sudaan kumaatamni hiriira mormii bahan
Namoonni kutaalee Sudaanirra walitti qabaman ganna sadaffaa diddaa biyyatti keessa ture wayita yaadatanitti, waraanni mootummaa biyyattii fonqolchuu hiriitonni gamtaan balaaleffatan.
Namoonni kuma dhibbaan lakkaa’aman magaalaa guddoo Sudaan Kaartuumitti hiriira wayita bahan kanatti qaamoleen nageenyaa mootummaa gaazii imimmansituu itti dhukaasaa turan.
Diddaan uummataa bara 2019 pireezidantii duraanii biyyattii ganna dheeraaf bulchan Omar al-Bashiir aangoorra buuse ture.
Ji’a darbe immoo MM Sudaan Abdallaa Hamdook aangoorra fonqolchamuu hordofee, waraanni aangoo dhuunfachuun Hamdook manatti hidhamanii erga turanii gara boodarra aangoosaanitti deebi’an.
Tarkaanfichi garuu mormii biyyatti keessatti bahamu dhaabsisuu ykn qabbaneessuu hin dandeenye.
Hiriirtoonni ammas taanaan hoggansi siyaasa biyyattii guutumaan guutuutti sivilii ta’uu qaba jedhanii gaafataa jiru.
Dilbata darbe hiriirtoonni gara masaraa pireezidantii biyyattii magaalaa Kaartuumitti qajeelan ’’uummanni jabaadha, duubatti deebisuun hin danda’amu,’’ jedhanii sagalee olkaasanii dhaadataa turan.
Hiriirtoonni kunneen jeneraalli Sudaan al-Burhaan ‘’aangoorra akka bu’an’’ gaafatan.
‘’Fonqolchi mootummaa bifa kaminuu gaggeeffamu fudhatama hin qabu, yoo Hamdook gara mootummaatti deebi’anillee warraaqsi keenya jaarmiyaaleen siivilii akka jiraatuu fi guutummaatti bulchiinsa sivilii akka ta’uufi malee fedhii namoota dhuunfaatiif miti,’’ jechuun hiriirtota keessa namni tokko AFPtti hime.
Hiriirri mormii walfakkaatu magaalota biyyattii kaanittis bahameera.
Viidiyoon waraabame akka agarsiisutti hiriirtonni alaabaa Sudaan mirmirsaa turan, kaan isaanimmoo suuraalee namoota diddaa fi fonqolcha mootummaan asitti ajjeefamanii maxxansaa turan.
Akka Koreen Walaabaa Hakiimotaa Sudaan jedhutti, Onkolooleessa 2021 asitti hiriira humnaan ukkaamsuuf tarkaanfii fudhatameen namoonni 45 ol ta’an ajjeefamaniiru.
Akkaataa aangoo qooddannaa bara 2019 irratti waliigalametti jeneraal Abdulfattaa al-Burhaan aangoo ji’a darbe bulchiinsa siviliitii dabarsuu qabu ture.
Haata’u malee, jeneraalli kun waraanni biyyattii tarkaanfii kan fudhate walwaraansi biyyattii keessatti akka hin kaane ittisuufi, sababiin isaammoo gartuulee siyaasaa biyyattii keessatti namoota nagaa waraanaaratti kakaasuun yaaddoo waan uumaniifi jedhanii turan.
Abdulfattaa al-Burahaan akka jedhanitti, Sudaan ammaas ce’uumsa gara buulchiinsa siivilii deeggaruuf kutannoo qabdi, filannoon Adoolessa, 2023tti karoorfameera.
Akka waliigaltee ji’a darbe Aab Hamdook waliin irraa gahaniitti, MM Hamdook amma filannoon biyyattii gahutti kaabinee biyyattii hogganu.
Taatullee bulchiinisi mootumma haaraan waraana biyyattiin to’atamu aangoo hangam akka qabu shakkisiisaadha.