GirlsDoPorn: Falmiin mana murtii dubartoota viidiyoo saalqunnamtii dalaganiif murtaa’e

Namoonni dhibbaan lakkaa’aman gowwoomfamanii viidiyoo addatti marsariitiiwwan saalqunnamtiif akka hojjatan taasifaman miidhaa isaanirra gaheef beenyaa doolaara Ameerikaa miliyoonaan lakkaa’amuufi mirga viidiyoo sanarratti murteessuu argatan.

Marsariitiiwwan ‘GirlsDoPorn’ fi ‘GirlsDoToys’ yeroo dheeraaf falmii seeraa keessa turan.

Ministeerri Haqaa Ameerikaa mirgi viidiyoowwan hojjatamaniifi suuraaleen marsariitii amma dhaabsifaman irratti maxxanfaman qabeenyummaan isaa kan dubartoota kanaati jedhee murtesseera.

Namoonni sababa kanaan miidhaman 400 ol viidiyoowwan kunneen akka haqaman gaafachuu ni danda’u.

Namoonni kun dhaabbileen kanneen akka ‘Pornhub’ fi ‘Google’ viidiyoowwan kana akka haqan ajaja darbe akka hojiirra oolu gaaffii kaasuu danda'u jedhamee eegama.

Qopheessaan ’GirlsDoPorn’ Ruben Andirii Garsiyaa, dubartoota dirqiin akka viidiyoo saalqunnamtii irratti dirqiin akka mul'atan gochuu isaatiif waggoota 20'f mana amala sirreessaa federaalaatti akka dabarsu itti murameera.

Ruuban Andirii Garshiyaa maqaa Jonaataan jedhamuunis ni beekama ture.

Jalqaba irratti dubartoonni huccuu uffatanii hojii moodelummaa akka hojjetan beeksisa hojjete jennaan dubartoonni dhufani.

Gara boodaatti garuu viidiyoo yoo waarabaman maallaqni guddaan akka kaffalamuuf itti himame.

Akka dubartoonni viidiyoo saalqunnamtii ‘GirlsDoPorn’ irratti mul’atan jedhanitti, Gaarsiyaan taatoo fiilmii saalqunnamtii akka ta’anii hojjatan dirqisiisuun, waa’ee waraabbii viidiyoo sanaa isaan sobe.

Gaarsiyaan dubartoota sanatti viidiyoon sun karaa DVD qofaa biyya alatti akka gurguramu himee ture.

Dhugaan jiru garuu Garsiyaan viidiyoowwan karaa seeraan alaa waraabaman toora intaarneetiirratti maxxanfamuu isaanii ni beeka ture.

Viidiyoowwan kunneen marsariitii saalqunnamtii addunyaarratti hedduu daawwatamu Pornhub irratti fa’aa otoo hin hafiin maxxanfame.

Abbaan Murtii Distiriktii Ameerikaa Janis Samaartiino, namtichi Gaarsiyaa jedhamu kun dolaara Ameerikaa miliyoona 18 akka kaffaluufi mirga viidiyoowwaniifi suuraawwan kanarratti murteessuu dubartoota miidhamaniif akka deebisu ajajan.

Ajajni Samaartiino kun dubartoota 402 marsariitii GirlsDoPorn jedhamuun miidhamanii fi ‘’marsariitiirra akka haqamu gaafataniif’ mirga viidiyoowwan irratti murteessu kenneef.

Dubartoonni kunneen namoota seeraan ala isaan daddabarsaniirratti tarkaanfiin seeraa akka fudhatamu bara 2016 irraa kaasanii gaafataa turan.

Abukaatoon Ameerikaa Raandi Girosmaan, ‘’Murtoon kun miidhamtoota hedduuf murteessaadha, mirga suuraafi viidiyoo hedduu isaani dhiphiseefi darare to’achuu isaaniif kenna,’’ jedhan.

‘’Miidhamtoonni jireenya isaanii keessatti boqonnaa isaanitti ulfaate akka cufan isaan gargaara jennee abdanna.

‘’Miidhamtoonni jireenya isaanii deebisanii akka to’ataniif tarkaanfii adeemsa bayyanachuu yeroo dheeraafi murteessaadha’’ jedhan, Biiroo Qorannoo Yakkaa Federalaa Ameerikaa FBI'tti ogeettii addaa kan ta’an Suuzaan Tarnar.