Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhaabbanni Meetaa kan duraan Facebook jedhamu basaastoota saayibarii dhorke
Abbaan qabeenyaa Facebook, Meetaan kubaaniyyoota torba kanneen hujeffannoo (platform) isaa irratti fayyadamtoota hordofan dhorkuu hime.
Gabaasni haaraan Meetaan bahe akka jedheetti, fayyadamtoonni gara 50,000 ta'an waa'ee ''sochiilee miidhaa geessisan'' akeekkachiisni isaan qaqqaba.
Dhaabbatichis dhaabbilee qorannoo kanneen akkaawuntiiwwan sobaa uumuun erga hirriyaa ta'aniin booda malawwan odeeffannoo hatuutti fayyadamuun ragaa walitti qabachuun himateera.
Dhaabbileen kunneen gaazexeessitootaafi rogeeyyii mirga namoomaa dabalatee namoota dhuunfaa irratti xiyyeefatu jechuun balaaleeffate.
Gabaasa isaa kana keessattis qorannoon baatiiwwaniif erga gaggeeffamanii booda, fuulawwan gara 1,500 ta'an Facebook, Instagram fi WhatsApp irraa haqamuu himeera.
Dhaabbileen kunneenis biyyoota 100 ol keessatti bakka qaama isaan mideessee bu'uun namoota adamsu jedhe Meetaan.
Gabaasni kun dabalataanis, himannaawwan jalqaba bara kanaa waa'ee basaastota Pegasus kan kumaatama irratti xiyyeeffate tureefis indastiriiwwan qorannoo qeeqeera.
Facebook abbootii qabeenyaa Pegasus-NSO Group WhatsApp irratti soofteweerii tamsaasuu isaatiif himannaa seeraa irratti baneera.
Motummaan Ameerikaas dhaabbatichaaf kaan, motummoota biyya biraatiif meeshaa odeeffannoon ittiin basaasamu kennuu jechuun baatii darbe keessaa tarree gurraacha jala galchee ture.
''Indastiriiwwan to'annoo kubbaaniiyaa tokko caalu. Isaanis garaa garummaa tokkoo malee miseensoota hawaasaa fi namoota maqaa guddaa qaban kan akka namoota siyaasaa fi mirgaaf morman irratti xiyyeeffatu,'' jedhan Ittigaafatamaan Imaammata Nageenya Metaa Naataani'el Giyecher.
Dhaabbilee Meetaadhaan maqaan dhahame keessaa dhaabbata Israa'eel, Black Cube kan erga dubartii miidhaa quunnamtii saalaatiin Harvii Wensiteen himattee akka ishee basaasuuf beekkamtii argate tokko.
Ibsicha eeruun Rooyitarsi akka gabaaseetti, dhaabbanni Black Cube kunis gocha kana keessatti hirmaachu waakkachuun, sochiileen ergamtoota isaa hundi ''gutummaatti kan seera naannichaatiin gaggeeffamudha'' jedheera.
Fayyadamtoonni sochii kanaan miidhamanis addatti odeeffannoo osoo hinkenniineef akeekkachiiftuu saffisaa (automated) isaan qaqqaba jedheera Meetaan.
Odeessaalee dabalataa:
- Hundumti keenya osoo hin beekiin basaastota taaneerraa laata?
- Pireezidant Maakiroon haleellaan saayibarii basaasaa irratti qiyyaafatame
- Lakkoofsi bilbilaa intala mootii Dubaayi mosaajii basaasaa keessatti tarreeffamee argame
- Appiil gareen Israa'eel NSO maamiltoota kiyya basaaseera jechuun himate
- Mosaajii Israa’el gaazixeessitoota Al Jeziraa hedduu ‘basaasuuf’ oolfame