Sudaan gama Itophiyaadhaan waldaangessiturratti loltootaa dabalaataa bobbaafte

Sudaan naannawaa daangaa Itoophiyaa waliin qabdu waldhabeen itti umameetti loltoota dabalataa bobbaasuu ishee BBC Monitoring maddeen oduu Sudaan waabeefachuun gabaase.
Humni waraanaa Sudaan daangaa Itoophiyaadhaa waliin irratti waldhabaa jiraniitti loltoota dabalataa bobbaasuun, bakkeewwan mootummaa Itoophiyaa waliin irratti muddama keessaa galan gutuummaan to'achuu beeksiiseera.
Haaluma kanaanis waraanni biyyattii lammiileen ''irriiba nagaa rafaa'' jechuun ergaa nageenyi mirkanaa'u dabarsuun dhagahame.
Sudaan loltoonnishee walitti dhukaasuu humnoota biyya ollaa al-Fashagaa keessatti gaggeeffameen booda bakka Itoophiyaanonni irra qubatan fudhachuu Mudde 1 beeksisteetti.
Gabaasni kun erga walitti bu'insa humnootii Itoophiyaa waliin gaafa Sadaasa 27 naannoo Birkaat Nuuraayin kan al- Fadhaaqaa keessaatti loltoonni Sudaan 21 ajjeefamuufi kanneen biraa 30 ta'an ammoo madaa'unsaanii dhagahameen boodadha.
Waraanni Sudaan ibsa tibba sana baaseen, waraanni Itoophiyaafi milishaan waliin ta'uun daangaa irratti loltoota kiyyaarratti haleellaa raawwatanii miidhaa geessisan jechuun ibsee ture.
Haata'u malee, mootummaan Itoophiyaa ammoo daangaa biyyattii kan Sudaan waliin daangessurratti finciltoota Tigraay lo'anii seenaniin rukute malee loltoota Sudaan irratti haleellaa hin banne jechuun himunsaa ni yadatama.
Itti dabaluunis, waldhabdee daangaa Sudaan waliin qabdu yoomiyyuu taanaan karaa nagaatiin furuuf kan barbaaddu ta'uufi haleellaan kan fudhatames loltoota Sudaan irratti osoo hintaanee finciltoota naannawaa daangaa irra turan irratti jedhee ture
Walitti bu'insi akka haaraatti naannoo daangaatti umamee kanaan booda ture bulchaa waraanaa Sudaan kan ta'an Leetanaal Janaraal Abdal-Fattaah al-Burhaan, biyyisaanii karaa daangaa Itoophiyaatiin afa ''inchii tokkoo gadhi hin dhiiftu'' jechuun kan dhaatan.
Odeessaalee walfakaatan:













