Beekamtii inni qabu kan irraa hin dabarre, Shaah Rurk Khaan, maaliif akkas jaallatamaa?

    • Barreessaa, Aparna Alluri
    • Gahee, BBC News, Delhi irraa

Shaah Ruk maaliif akkas jaallatame kan jedhuuf deebiin isaa fiilmiin isaa waa'ee jaalalaafi qalbii namaa hawatu ta'uu isaati kan jedhudha.

Osoo afaaniifi aadaan hin daangessiin biyya isaa Indiyaa irra darbee addunyaa irratti gurra guddaa kan qabu taatoon fiilmii Bollywood Shaah Ruk Khaan, siniimaa biyyattii keessatti waggoota 30 darban kan ittiin gitu hin jiru.

Turtii isaa waggoota 30 kanas ji'a darbe keessa kabajateera Shaah Ruk.

Qorattuun waa'ee namabeekamaa kanaa qorataa turte seenaa jaallatamuu isaa kana barreessiteetti.

Gaaffii Shah Rukh Khan maaliif jaallattu jedhu dhiyeenya kanan hiriyyoota kiyya lamaafan dhiyeesse jetti barressituun kun.

Isaanis duubatti deebiyanii herreguun, gaafficha miti kan isaani ilaalcha keessa galchan. Anis akkasuma gaafficha hin turre kan ana dhibe, garuu waa'ee kitaaba haaraa tokko kan Desperately Seeking Shah Rukh jedhu akkan qalbiin yaadu na godhe.

Inni jehan hiriyyoonni kiyya ani waa'ee Shah Rukh gaafadhe, "miidhagaadha" akka jagna fiilmiittis sirriitti fakkaatee hojjeta. Kana malees, "taphataafi taphachiisaa/kofalchiisaadhas". Yeroo gaaffiifi deebii taasisu ammoo nama "cichoomina" qabuufi carraaqqiiwwan beekamtiifi maallaqa horachuuf taasisu irrattis nama "duubatti hin jennedha" jedhan.

Yeroo ani gaaffii kiyya isaanitti cimse, waa'ee gaheewwan inni fiilmiiwwan inni taphatee tokko tokkoon yaadatanii gadi-fageenyaan yaaduutti ka'an.

Keessumaa dubartoota jaallate harkaan gahachuuf "humnaan/irreen" osoo hin taane faallaa kanaa jechaafi miira hawwataa ta'een ykn jilbarratti kufuun akka inni isaan booji'u kaasuun ibsan.

"Kun dhugaadha! Jaalala inni dubartootaaf qabuuf isa jaallanna! jette hiriyyaa kiyya keessaa tokko. Isheenuu maaliif akka Shah Rukh jaallataa turte amma sirriitti hubachuushee ajaa'ibsiifataa natti himte.

Deebiin kun gaaffii wal fakkaataa barreessituun kitaabichaa Shrayana Bhattacharya dubartoota Shah Rukh Khan jaallatan hunda gaafattee argattedha.

Wanti baayyee nama ajaa'ibu garuu seenaan dubartoota Shah Rukh jallatanii kun warra qabeenyaanillee wal hin fakkaanneefi wal-qixa hin taane ta'uusaati.

"Yoom, akkamiiniifi maaliif akka Shah Rukh jaallachuu itti jalqaban yoo natti himan, waa'ee yoom, akkamiiniifi maaliif akka addunyaan onnee isaanii itti cabse nutti himu," jechuun barreessite Bhattacharya.

Dubartoonni kunneen kana kan himan, wantoota abjuu isaanii duubatti deebisan, wantotaa yaaddoo jireenyaa itti ta'an, akkasumas wallaansoo jireenyaa isaanii keessatti filannoo jaalallee addunyaa kanarratti dirqama ta'e yeroo taasisan guutummaa jireenya isaanii waan hin taanerra isaan buusu yaadachaati.

Qorannoon kun callisee waan nafii nafoon taasifame miti. Mudannoofi muuxannoo, mariifi hariiroo michummaa dubartoota hin heerumiin, kan heeruman ykn kanneen heerumuufi dhiisuu gidduu jiran kaaba Indiyaa jiran waliin waggoota 20 oliif taasifameen booda kitaaba barreeffamedha.

Dubartoonni kunneen Hinduu, Musliima, akkasumas Kiristaana. Warra jireenya isaaniitti gammadoo ta'aniifi warra ammoo mana namaa keessa hojetan jireenyi isaanii gammachuu hin qabne, dubartoota geessifatoodha jedhamaniifi sodaallee qaban, kanneen fedhii malee waan jiru fudhataniifi boqonnaa malee hojiirratti dabarsan dabalata.

Dubartoonni fedhaafi gulantaa gara garaa keessa jiran kunneen dhimma tokko qofan wal fakkaatu, innis nama fiilmii jaallatan kanaan.

Shah Rukh Khan baroota 1990toa kessa ture Coca-Cola fi cable TV waliin kan jireenya keenya dhuunfate.

Bara sana nuti haaromsa dinagdee kan jennu, wayita Indiyaan haaromsawwan dinagdee taasisuun addunyaaf banaa ta'uushee jaarraa mirkaneesse ture.

"Seenaa dubartoota 'bara haaromsaa sana boodaa' himuun barbaade. Kana ammoo warra haala barameen alatti Shah Rukh Khan degaran keessattin arge," jetti Ms Bhattacharya. Kun akkamiin akka ta'us nan hima.

Bara 2006 keessa Indiyaa lixaa keessatti dubartoota ulee haphee hojjetan irratti qorannoo gaggeessaa turte. Yeroo sanattis dubartoonni gaaffiiwwan yeroo baayyee miidaan walqabatan akka isaan nuffisiiseeru yaadatti.

Kanaaf, yeroo boqonnaa isaaniirratti isaan waliin haasa'uu jalqabde.

Haasaa isaan waliin taasiftu keessaa gootota/jagnoota Bollywood keessaa jallatan gaafachaa turte.

"Wantota isaan gammachiisu haasa'uu baayyee jaallatu; wanti isaan gammachiisu kun ammoo Shah Rukh Khan."

Dhimmi taatoo yeroo baayyee ka'umsa haasaa isaanii ta'e kun, ka'umsa barreeffama Ms Bhattacharya ta'eera. Dubartoonni kunneen dhimma Shah Rukh irratti qofa miti kan walfakkaatan, "gabaa hojii wal-qixa hin taaneefi wallaansoowwan manneen keessaa qabaniinis" wanti isaan wal fakkeessu jira.

Wanti jiru dubartoota gulantaa giddu-galeessaa ykn dubartoota sooreyyi ta'anitti dubbachuu hin dhorkine barreessituu kana.

Ijoolleen dhiirotaa ykn dhiironni biroon maaliif iskiriinii irratti akka Shah Rukh hin ta'an kan jedhu gaaffii baramaadha. Isaan isuma ijaaru - dhugaa ofii isaaniifi hawwii isaaniirratti hundi isaanii isuma ol-qabu," jetti Ms Bhattacharya.

Hojii isaa keessatti xiyyeeffannaa Shah Rukh Khan dubartootaaf taasisu adda isa taasisa, Dubartoota sirriitti dhaggeeffata. Waa'ee carraa egeree isaa keessatti, akkasumas gahee ijoo inni ta'ee taphatu dubartootaaf nama aantee qabu isa taasiseera.

Bollywood keessatti Khan nama waan isatti dhaga'amu gochuufi ta'uurraa duubatti hin deebineefidubartoota kunuunsuun beekamudha.

Dubartiin fiilmii Kabhi Khushi Kabhie Gham jedhamu keessatti isa daawwatte osoo dhiirri akka isaa ta'ee akka hawwitu dubbatti. Fiilmii kana keessatti dubartii Kajol jedhamtu waliin dubbata ture.

"Osoo namni akka inni Kabhi Khushi Kabhie Gham keessatti Kajol waliin itti dubbatutti ana waliin dubbatee ykn akka inni ishee itti tuttuqutti osoo na tuttuqee nan hawwa, garuu kun waan ta'uu hin dandenyedha. Miirriifi harki abbaa warraa kiyya baayyee jajjabaataadha," jetti dubartiin dargaggeettii warashaa huccuu keessa hojjettu kun.

Intalli maatii moototaa duraanii soorettii, taateefi gammachuu malee heerumte ilmaan dhiiraashee akka isaan "dhiirota gaggaarii" ta'anii godheen guddisuun barbaada jetti.

Akka isheen jettutti "dhiira gaarii" jechuun "Akka Shah Rukh haadha warraa isaanii kunuunsuufi akka isaan gammadan, nageenyi isaanii eegameefi jaalala isaanii ibsuufiifidha."

Dilwale Dulhaniya Le Jayenge hojii Khan keessaa isa hunda caaluufi tarii ammoo seenaa Bollywood keessatti milkaa'eefi fiilmii jaalalaafi baayyee jaallatamaadh.

Dhimmi biraan dubartoonni taatoo kana itti jaallataniif, hojii mana keessaa shunkurtii quncisee dabalatee dubartoota gargaarudha. Dubartoonni baayyeen jagna fiilmii akkas hojii manaa dubartii gargaaru arginee hin beeknu jedhu.

Kun dubartoota kana arganii taajjabaniif agarsiiftuu jaalalaati.

Khan haalaafi amala fiilmii keessatti agarsiisuun goota jallina ura dhaabbateefi haqa dubartootaa mul'isudha. Namni akka isaa kun dubartoonni hedduun osoo itti heerumanii kan baayyee jaallatanidha.

Kun ammoo waan inni Bollywood keessatti beekamaafi jagna ta'eef osoo hin taane nama qajeelaa waan ta'eefidha malee.

Dubartoonni isa jaallatan baayyeen fiilmiiwwan inni hojjetu daawwachuuf gatii hedduu baasu. Gariin isaanii mana keessaa haadha isaaniitu akka mana siniimaa deemanii hin daawanne dhorka. Garii isaanii ammoo guyyaa Dilbataa fiilmiin baayyinaan ilaalamu abbootii amantaatu waldaatti isaan waama.

Kanas ta'e sana shamarran isa jaallatan tooftaa gara garaa uumuun fiilmii isaa karaa ittiin daawwatan falataniidhuma irratti argamu.

Shamarran umurii gara garaa keessa jiran, sooreyyii yaa ta'an harka-qalleeyyii fiilmii Shah Rukh Khan keessa jiru daawwachuudhaaf waan isaan hin goone hin jiru.

Gochaafi dubbiin isaa yeroo baayyee onneefi qalbii dubartootaa keessatti bakka olaanaa qaba. Addunyaa dhugaarratti dhiironni osoo haalaafi amala akka isaa qabaatanii arganii ykn waliin jiraatanii hawwii isaaniiti.

Amalaafi ilaalcha gaarii haalli kamiyyu hin daangessine dubarootatti umuriifi gulataa jireenyaa kamirra jiranitti agarsiisa.

Barreessituun Ms Bhattacharya kitaaba barreessuudhaaf wayita qorannoo gaggeessaa turtetti kana akka taajjabde himti.

Gama biraan ammoo shamarran fiilmii Shah Rukh Khan keessatti hirmaateefi gaaffiifi deebii inni taasisu daawwachuun afaan Ingliffaafi Hindiillee akka sirriitti barachuuf isaan gargaare dubbatu.

Ms Bhattacharya akka jettutti Shah Rukh Khan nama labata keessatti adda ta'edha. Erga inni Bollywood keessa seenees waan hedduuti achi keessatti jijjiirame jetti.

Odeessaalee biroo kanatti dhiyaataniif: