Appiil gareen Israa'eel NSO maamiltoota kiyya basaaseera jechuun himate

Madda suuraa, Getty Images
Dhaabbanni teeknooloojii guddichi Appil garee basaasaa Israa'eel kan NSO jedhamuun odeeffannoo fayyadamtoota bilbila Iphone cabsee seenuuf [hack] yaaleera jechuun himate.
Sooftiiweriin dhaabbanni Israa'eel omishiisuufi NSO jedhamus kan bilibilawwan Iphone fi Android miidhuu yoo ta'u, ergaawwan gabaabaa, suuraaleefi Imeeliiwwan ilaaluufi haasaawwan bilbilaa buutuuf kan qophaa'eedha.
Gareen NSO ''ani kan irratti kiyyeeffadhe shororkeessootaafi yakkamtoota irratti,'' jedha.
Haata'u malee garuu mormitoonni mirgoota sooftweerii, namoonni siyaasaa fi gaazeexxeessitoota butuuf fayidaarra olfameera jechuun himannaa dhiyeessu.
Dhaabbatichi sooftiweerii Pegasus jedhamu kan dhiyeessaa jiruu miseensoota waraanaa biyyoota qabiinsa namootaatiin seenaa gaarii qabaniifi kanneen seera kabachiisaniif qofaa ta'uu hima.
Haata'u malee baatii keessa jirru kaan dura qondaaltoonni Ameerikaa sooftiweerii ''biyyoonni lammiilee biyya biraa qaban, gaazexxeessitoonni fi rogeeyyoonni'' akka basaasuun dandeessisuuf taasifaman jedhamuun galmee gurraacha irra akka kaa'aman taasifaman.
Himannaan dhaabbata Appil kunis qeequmsa dhaabbilee tekinoolojii kan biraa kan akka maayikirosooftiin, Meta kan dhiyeenya Facebook irraa maqaa jijjirratee, Alphabet kan qabeenyaa Google ta'ee fi Cisco Systems irraas ka'e kan hordofeedha.
Ibsa dhaabbanni Appii gadhiisee kanaan, gareen NSO fi garee michuu isaa Teknolojiiwwan OSY, ''waan fayyadamtoota Appil irratti xiyyeeffatameef ittigaafatamoo ta'uu qabu'' jedhan.
Gara fuuladurraattis dhiibbaa fayyadamtoota irra gahu hir'isuuf dhaabbanni NSO jedhamu kun omishaalee Appil kamuu akka hin fayyadamneef akka dhorkamu kan jedhuudha himannaan Appil dhiyeesse.
Himmannaasaa mana murtii Waashingtaniitti argamuuf kan dhiyeesse Appil, gareen NSon ''sooftiweerii basaasaa bilbilawwan lammiilee Ameerikaa irra kaa'uun basaaseera'' jedhe.
Haata'u malee kaadimtuu (server[ jidduugalaa dhaabbatichaa akka hin xuqamne beeksiiseera.
Himannaa irratti dhiyaateef deebii kan kennee garee NSO gamasaatiin ''galanni nuuf haata'uutii namoota kumaatamaan lakkaa'aman du'a oolchineerra,'' jedhe.
''Kanneen daa'imman irraa miidhaa qaqabsiisaniifi kanneen gochaa shororkeessuummaa raawwatan motummoonni akka to'ataniif teeknooloojii barbaachisu dhiyeessuun deeggarsa taasifna'' jechuun deebii kenne dhaabbatichi.














